LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w13 4/1 ful. 4
  • Musee Nama Amantii Cimaa Qabu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Musee Nama Amantii Cimaa Qabu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Fakkeenya Amantii Musee Hordofaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • “Isa Ijaan Hin Argamne” Arguu Ni Dandeessuu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • Musee Nama Jaalala Qabu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Iji Keessan Eessa Ilaalaa Jira?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
w13 4/1 ful. 4

Musee Nama Amantii Cimaa Qabu

AMANTIIN MAALIDHA?

Akka Macaafni Qulqulluun jedhutti, “amantiin” ragaa cimaa taʼerratti hundaaʼanii waan tokkotti amanuu kan dabalatudha. Namni Waaqayyorratti amantii qabu, Yihowaan abdii kenne hunda akka raawwatu hin shakku.

[Fakkii fuula 4⁠rra jiru]

MUSEEN AMANTII AKKA QABU KAN ARGISIISE AKKAMITTI?

Museen abdii Waaqayyo kennetti akka amanu haala argisiisuun jiraateera. (Uumama 22:15-18) Biyya Gibxii keessa qananiitti jiraachuuf carraa argatee ture; taʼus ‘yeroo gabaabaaf cubbuu keessa jiraatee gammaduu mannaa, saba Waaqayyoo wajjin rakkina jala jiraachuu foʼachuudhaan’ mirga argate kana dhiiseera. (Ibroota 11:25) Murtoo kana kan godhe utuu itti hin yaadin akka taʼe itti dhagaʼamuudhaan booda gaabbeeraa? Macaafni Qulqulluun, Museen, “Isa ijaan hin argamne akka waan arguuttis yaada isaatti jabaate” waan jedhuuf murtoo kana kan godhe utuu itti hin yaadin miti. (Ibroota 11:27) Museen murtoo amantiidhaan godhetti gaabbee hin beeku.

Museen namoonni kaan Waaqayyorratti amantii cimaa akka qabaatan gargaaruuf carraaqeera. Fakkeenyaaf, Israaʼeloonni loltoota Faraʼooniifi Galaana Diimaa gidduu galuusaaniitiin kan kaʼe miliquu akka hin dandeenye yommuu isaanitti dhagaʼame wanta raawwatame ilaali. Israaʼeloonni balaaf akka saaxilaman yaadanii sodaachuudhaan, Yihowaafi Museetti iyyan. Yeroo kanatti Museen maal godhe?

Museen Waaqayyo yeruma sana Galaana Diimaa gargar hiree karaa akka isaaniif banu hin beeku ture. Taʼus, Waaqayyo sabasaa eeguuf waan tokko akka godhu amanannaa qaba ture. Israaʼeloonni hidhatasaa taʼanis amanannaa akkasii akka qabaatan barbaadee ture. Macaafni Qulqulluun, “Museen immoo saba sanaan, ‘Hin sodaatinaa, jabaadhaa dhaabadhaatii har’a gocha Waaqayyo isin fayyisuudhaaf raawwatu ilaalaa!’” akka jedhe dubbata. (Baʼuu 14:13) Museen amantii Israaʼelootaa jabeessuu dandaʼeeraa? Eeyyee! Macaafni Qulqulluun, Musee qofa utuu hin taʼin, “Sabni Israaʼel amantiidhaan akka nama lafa gogaa irra adeemuutti galaana diimaa ceʼan” jedha. (Ibroota 11:29) Amantiin Musee isa qofa utuu hin taʼin, warra fakkeenyasaarraa baratan hunda fayyadeera.

KANARRAA MAAL BARANNA?

Jireenyi keenya abdii Waaqayyo kennerratti akka xiyyeeffatu gochuudhaa fakkeenya Musee hordofuu dandeenya. Fakkeenyaaf, jireenya keenya keessatti waaqeffannaasaa yoo dursine Yihowaan wanta jireenyaaf barbaachisu akka nuu kennu waadaa galeera. (Maatewos 6:33) Wantoota jireenyaaf barbaachisaniif xiyyeeffannaa guddaa akka kenninuuf dhiibbaa biyyi lafaa nurratti godhu moʼuun ulfaataa taʼuu akka dandaʼu beekamaadha. Jireenya salphaa jiraachuufi waaqeffannaa keenyarratti xiyyeeffachuuf hanga nuu dandaʼame kan carraaqnu taanaan, Yihowaan wanta nu barbaachisu hunda nuu kenna. Yihowaan, “Ani matumaa si hin dadhabu, si hin buusus” jechuudhaan waadaa galeera.—Ibroota 13:5.

[Fakkii fuula 4⁠rra jiru]

Namoonni kaan amantiisaanii akka guddifatan gargaaruufis carraaquu qabna. Fakkeenyaaf, warri ogeeyyii taʼan, amantii ijoolleesaanii guddisuuf carraa hedduu akka qaban ni hubatu. Ijoolleen yeroo guddatan, Waaqayyo akka jiru, akkasumas wanta sirriifi dogoggora taʼe ilaalchisee seera akka nuu kenne beekuunsaanii barbaachisaadha. Seerasaa hordofuun karaa jireenyaa hundarra caalu taʼuusaas amanuu isaan barbaachisa. (Isaayaas 48:17, 18) Warri ijoolleensaanii, Waaqayyo ‘akka jiruufi warra isa barbaadaniif gatiisaanii akka kennu’ amantii akka qabatan gargaaruudhaan kennaa guddaa isaaniif kennu.—Ibroota 11:6.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi