LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lfb barumsa 29 ful. 74-ful. 75 key. 2
  • Yihowaan Iyyaasuu Filate

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yihowaan Iyyaasuu Filate
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Iyaasuun Geggeessaa Ta’e
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Iyyaasuu 1:9—“Cimi, Ija Jabaadhu”
    Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
  • Laga Yordaanos Ce’uu
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Yihowaan Milkaa’ina Akka Argannu Barbaada
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
Dabalataan Ilaaluuf
Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
lfb barumsa 29 ful. 74-ful. 75 key. 2
Luboonni saanduqa kakuu baatanii Laga Yordaanos keessa yommuu dhaabatan

BARUMSA 29

Yihowaan Iyyaasuu Filate

Iyyaasuun Seericha yommuu dubbisu

Museen waggoota hedduudhaaf Israaʼelota geggeessaa erga turee booda, duʼa jala gaʼee ture. Kanaaf, Yihowaan akkana isaan jedhe: ‘Israaʼelota Biyyattii Abdachiifamtetti kan galchu si miti. Taʼus, biyyattii akka ilaaltu nan godha.’ Achiis Museen, geggeessaa haaraa sabicha kunuunsu akka filatu Yihowaa gaafate. Yihowaanis Museedhaan, ‘Iyyaasuu bira dhaqiitii akka ani isa filadhe isatti himi’ jedhe.

Museenis inni dhiheenyatti akka duʼuu fi Yihowaan Biyyattii Abdachiifamtetti akka isaan galchuuf Iyyaasuu filachuu isaa sabichatti hime. Museenis Iyyaasuudhaan, ‘Yihowaan si gargaara, hin sodaatin’ jedhe. Utuu baayʼee hin turinis Museen fiixee Gaara Nebootti ol baʼe. Achi irraas Yihowaan biyya Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif akka kennu abdachiisee ture isatti argisiise. Museen yeroo duʼe umuriin isaa waggaa 120 ture.

Museen lubaa fi namoota kaan duratti Iyyaasuu yommuu muudu

Yihowaan Iyyaasuudhaan akkana jedhe: ‘Laga Yordaanos ceʼiitii gara Kanaʼaan dhaqi. Akkuman Musee gargaare siinis nan gargaara. Seera koo guyyaa guyyaadhaan dubbisuu hin dagatin. Hin sodaatin. Onnadhu. Dhaqii wantan si ajaje raawwadhu.’

Iyyaasuun basaastota lama gara magaalaa Yerikootti erge. Boqonnaa itti aanu irratti, achitti maaltu akka raawwatame ni ilaalla. Namoonni sun achii yeroo deebiʼan, yeroon sun Kanaʼaan deemuuf mijataa akka taʼe isatti himan. Guyyaa itti aanutti, Iyyaasuun sabichi deemsaaf akka qophaaʼu isaanitti hime. Achiis luboonni saanduqa kakuu baatan sabicha dura buʼanii gara Laga Yordaanos akka deeman ajaje. Lagichi garuu guutee ture. Haa taʼu malee, miilli luboota sanaa bishaanicha keessa akkuma ejjeteen bishaanichi yaaʼuu dhiise! Luboonni sunis hamma guutummaan saba Israaʼel ceʼutti walakkaa lagichaa lafa gogaa irra dhaabatan. Dinqiin kun wanta Yihowaan Galaana Diimaa irratti raawwatee ture waan isaan yaadachiisu sitti hin fakkaatuu?

Dhuma irrattis, waggoota hedduu sana booda Israaʼelonni Biyyatti Abdachiifamteetti galan. Achitti manaa fi magaalaa ofii isanii ijaarrachuu dandaʼu. Midhaan facaafachuu, akkasumas waynii fi biqiltuu garaa garaa dhaabbachuu ni dandaʼu. Kanaʼaan biyya aannanii fi damma baastu turte.

“Yihowaan yeroo hundumaa si geggeessa, biyya waxalamaa keessatti illee si quubsa.” —Isaayyaas 58:11

Gaaffii: Museen erga duʼee booda eenyutu Israaʼelota geggeesse? Laga Yordaanositti maaltu raawwatame?

Lakkoofsa 27:12-23; Keessa Deebii 31:1-8; 34:1-12; Iyyaasuu 1:1–3:17

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi