Seensa Kutaa 6
Israaʼelonni dhuma irratti Biyyattii Abdachiifamte yommuu gaʼan, godoo qulqullaaʼaan gidduu gala waaqeffannaa dhugaa taʼe. Luboonni Seera barsiisu, abbootiin murtii immoo sabichaaf qajeelfama kennu turan. Kutaan kun murtoon ykn gochi nama tokkoo warra kaan irratti dhiibbaa guddaa geessisuu akka dandaʼu ibsa. Israaʼelonni hundi, Yihowaa fi nama akka isaanii ilaalchisee itti gaafatamummaa qabu. Dibooraan, Naaʼomiin, Iyyaasuun, Haannaan, intalli Yiftaa fi Saamuʼel dhiibbaa akkamii geessisanii akka turan ibsaa. Namoonni Israaʼelota hin taane kan akka Rahaab, Ruut, Yaaʼelii fi Gibeʼonotaa jiran illee, Waaqayyo isaanii wajjin akka jiru waan hubataniif Israaʼelota cinaa hiriiruuf murteessuu isaanii ibsaa.