LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lfb barumsa 28 ful. 70-ful. 71 key. 1
  • Harreen Balaʼaam ni Dubbatte

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Harreen Balaʼaam ni Dubbatte
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Harreen Tokko Ni Dubbatte
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Qabiyyee Lakkoofsaa
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
lfb barumsa 28 ful. 70-ful. 71 key. 1
Harreen Balaʼaam maleekaa Waaqayyoo argitee karaa irra yommuu ciistu

BARUMSA 28

Harreen Balaʼaam ni Dubbatte

Israaʼelonni lafa onaa keessa gara waggaa 40 turaniiru. Magaalaawwan jajjaboo hedduu injifataniiru. Amma baha Laga Yordaanos dachaa Moʼaab keessa buufatanii kan jiran siʼa taʼu, Biyyattii Abdachiifamtetti galuuf jedhu. Baalaaq mootiin Moʼaab biyya koo ana irraa fudhatu jedhee sodaate. Kanaaf, namni Balaʼaam jedhamu dhufee Israaʼelota akka isaaf abaaru gaafate.

Yihowaan garuu Balaʼaamin, ‘Israaʼelota abaaruu hin qabdu’ jedhe. Kanaaf, Balaʼaam gara Moʼaab deemuu dide. Baalaaq Mootichi yeroo lammaffaadhaaf akka isa bira dhaqu Balaʼaamin gaafate; wanta inni barbaadu akka isaaf kennus waadaa gale. Balaʼaam ammas ni dide. Achiis Waaqayyo Balaʼaamin, ‘Dhaquu ni dandeessa; taʼus wanta ani sitti himu qofa dubbatta’ jedhe.

Balaʼaam harree isaa irra taaʼee kallattii kibbaatiin gara Mooʼaab deemuu jalqabe. Yihowaan Israaʼelota akka hin abaarre kan isatti hime taʼus, inni garuu isaan abaaruuf yaade. Maleekaan Yihowaa karaa irratti siʼa sadii mulʼate. Balaʼaam maleekicha hin argine; harreen isaa garuu argitee turte. Jalqaba irratti harreen sun karaa irraa gara maasiitti gorte. Lammaffaa irrattis harreen sun gara dallaa dhagaatti siqxee miilla Balaʼaam dallichatti maxxansite. Dhuma irrattis karaa walakkaa ciiste. Balaʼaam siʼa sadanuu uleedhaan harree sana rukute.

Siʼa sadaffaadhaaf yommuu ishii rukutu, Yihowaan harreen sun akka dubbattu taasise. Harreen sun Balaʼaamin, ‘Maaliif irra deddeebitee na rukutta?’ jette. Balaʼaamis, ‘Ati gowwaa na goote. Utuun goraadee qabaadhee silaa sin ajjeesan ture’ jedhe. Harreen sunis, ‘Waggoota hedduudhaaf na irra teessee deemaa turte. Kanaan dura akkas si godhee beekaa?’ jette.

Achiis Yihowaan Balaʼaam maleekicha akka argu taasise. Maleekichis, ‘Yihowaan Israaʼeliin akka hin abaarre si akeekkachiisee hin turree?’ jedhe. Balaʼaamis, ‘Ani balleesseera. Amma mana koottan deebiʼa’ jedhe. Maleekichi garuu, ‘Gara Moʼaab dhaquu ni dandeessa; taʼus wanta Yihowaan sitti himu qofa dubbatta’ isaan jedhe.

Balaʼaam kana irraa barumsa argateeraa? Lakki. Sana booda Balaʼaam siʼa sadii Israaʼelota abaaruuf yaalus, Yihowaan garuu abaaruu mannaa akka isaan eebbisu taasise. Dhuma irratti Israaʼelonni Moʼaabiin kan lolan siʼa taʼu, Balaʼaam ni ajjeefame. Balaʼaam utuu Yihowaadhaaf ajajameera taʼee gaarii isaaf hin taʼu turee?

“Namni tokko qabeenya hedduu yoo qabaate illee jireenyi isaa wantoota inni qabu irratti kan hundaaʼe waan hin taaneef sassata hundumaa irraa of eegaa.”—Luqaas 12:15

Gaaffii: Balaʼaam gara Moʼaab kan dhaqe maaliifi? Karaa irratti hoo maaltu isa mudate?

Lakkoobsa 22:1–24:25; 31:8; Nahimiyaa 13:2; 2 Pheexiros 2:15, 16; Yihudaa 11

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi