LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • my seenaa 42
  • Harreen Tokko Ni Dubbatte

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Harreen Tokko Ni Dubbatte
  • Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yesus Mootii Ta’ee Dhufe
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Qabiyyee Lakkoofsaa
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
my seenaa 42

SEENAA 42

Harreen Tokko Ni Dubbatte

HARREEN yeroo dubbattu dhageessee beektaa? ‘Lakki’ jettee deebista ta’a. ‘Bineensonni dubbachuu hin danda’an.’ Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun harreen tokko dubbachuushee nutti hima. Kun akkamitti akka ta’e haa ilaallu.

Israa’eloonni biyya Kana’aanitti galuuf qophaa’aa jiru. Balaaq mootiin biyya Mo’aab saba Israa’eliin sodaateera. Kanaafuu, mootiin Mo’aab Balaaq, Israa’eloota akka isaaf abaaruuf jedhee nama beekaa Bala’aam jedhamu tokkotti erge. Balaaq qarshii baay’ee akka isaaf kennu itti himee waan tureef, Bala’aam harreesaa yaabbatee gara Balaaq deemuuf ka’e.

Yihowaan, Bala’aam sabasaa akka abaaru hin barbaadne. Kanaafuu, ergamaansaa tokko billaa dheeraa qabatee Bala’aamiin deebisuuf karaarra akka dhaabatu godhe. Bala’aam ergamicha arguu hin dandeenye; harrittiin garuu isa argiteetti. Kanaafuu, harrittiin ergamicharraa goruuf yaaltee, ta’uufii didnaan karaarra ciiste. Bala’aam baay’ee waan aareef harreesaa uleedhaan reebe.

Kanaafuu, Yihowaan harreen Bala’aam akka dubbattu godhe. ‘Maal si godheetan na rukutta?’ jettee isa gaafatte.

‘Gowwaa na godhatte. Utuu billaan na harka jiraatee sin ajjeesan ture!’ jedheen.

‘Kanaan dura akkas si godhee beekaa?’ jettee isa gaafatte.

‘Lakki, akkas na gootee hin beektu’ jedheen.

Achiis Yihowaan, Bala’aam ergamicha billaa qabatee karaarra dhaabatu akka argu godhe. Ergamichi akkas jedheen: ‘Harree kee maaliif rukutte? Saba Israa’el akka hin abaarreef karaa keerraa si deebisuun dhufe. Harreen kee utuu narraa hin deebine ta’e, ishee hambisee siin nan ajjeesan ture.’

Bala’aam: ‘Cubbuu hojjedheera. Karaarra dhaabachuu kee hin argine’ jedhe. Ergamichi, Bala’aam karaasaa akka deemu isa dhiise; Bala’aamis gara Balaaq dhaqe. Ammayyuu Israa’eloota abaaruuf yaalee ture; Yihowaan garuu al sadi saba Israa’eliin akka eebbisu isa godhe.

Lakkoobsa 21:21-35; 22:1-40; 23:1-30; 24:1-25.

Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi