LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • my seenaa 97
  • Yesus Mootii Ta’ee Dhufe

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yesus Mootii Ta’ee Dhufe
  • Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Mootichi Ilmoo Harree Irra Taaʼee Yerusaalemiin Seene
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Yesus Warra Dhukkubsatan Fayyise
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Harreen Tokko Ni Dubbatte
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mootummaan Waaqayyoo Maalidha? Akka Isa Barbaannu Akkamitti Argisiisna?
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
Dabalataan Ilaaluuf
Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
my seenaa 97

SEENAA 97

Yesus Mootii Ta’ee Dhufe

YESUS, warra ijisaanii hin argine sana erga fayyisee booda takka turee, gara mandara xinnoo Yerusaalemitti dhihoo jirtu tokkoo dhaqe. Bartootasaa keessaa lamaansaaniitiin: ‘Gara mandara sanaa yommuu dhaqxan ilmoo harree ni argattu; hiikaatii naa fidaa’ jedheen.

Yommuu harrittii fidaniif Yesus irra taa’ee, gara magaalaa Yerusaalem dhaqe. Gara magaalattiitti yommuu dhihaatu, namoonni baay’een isa simachuuf ba’an. Baay’eensaanii wayyaasaanii ofirraa baasanii karaa inni adeemurra afan. Warri kaanimmoo, damee mukaa meexxii cabsanii fidan. Isas karicharra afanii: ‘Mootiin maqaa Yihowaatiin dhufu kan eebbifame haa ta’u!’ jedhanii iyyan.

Bara dheeraa dura, Israa’el keessatti mootonni haaraan ilmoo harreerra taa’anii namootatti of argisiisu turan. Yesusis akkasuma godhe. Namoonni kunis Yesus mootiisaanii akka ta’u akka barbaadan argisiisaa jiru. Kan isa barbaadu garuu nama hundumaa miti. Yeroo Yesus gara mana qulqullummaa dhaqetti, wanta raawwatamerraa kana hubachuu ni dandeenya.

Yesus mana qulqullummaa keessatti namoota ijisaanii hin argineefi naafa ta’an fayyiseera. Ijoollee xixinnoon ennaa kana argan Yesusiin eebbisuu jalqaban. Haata’u malee, wanti kun luboota waan aarseef Yesusiin: ‘Waan ijoolleen kun jedhan ni dhageessaa?’ jedhaniin.

Yesusis: ‘Eeyyee, nan dhaga’a. Macaafa Qulqulluurratti: “Mucoolii fi daa’imoonni afaan isaaniitiin akka si galateeffatan goote” kan jedhu hin dubbisnee?’ jedheen. Kanaafuu, ijoolleen sun mooticha Waaqayyoo galateeffachuusaanii itti fufan.

Nuyis akka ijoollee sanaa ta’uu barbaanna mitiiree? Namoonni tokko tokko waa’ee mootummaa Waaqayyoo akka hin dubbanne nu dhowwuu barbaadu ta’a. Nuyi garuu, wantoota dinqisiisaa Yesus namootaaf godhu dubbachuu keenya ittuma fufna.

Yesus yeroo lafarra turetti mootii ta’ee bulchuuf yeroonsaa hin geenye ture. Yeroon kun yoomiree? Bartoonni Yesus kana beekuu barbaadu. Waa’ee kanaa yeroo itti aanutti baranna.

Maatewos 21:1-17; Yohannis 12:12-16.

Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi