KUTAA 8
Israa’eloonni Kana’aanitti Galan
Israa’eloonni geggeessaa Iyaasuutiin Kana’aaniin qabatan. Yihowaan, abboota firdiitti fayyadamee sabasaa hacuuccaa jalaa oolche
ISRAA’ELOONNI Kana’aanitti galuusaanii jaarraawwan hedduu dura, Yihowaan biyyicha sanyii Abrahaamiif kennuuf kakuu galee ture. Amma Israa’eloonni geggeessaa Iyaasuutiin, Biyyattii Abdachiifamte qabachuuf qophaa’aniiru.
Waaqayyo namoonni Kana’aan akka badan murteessee ture. Namoonni kun, saalqunnamtii ciiggaasisaa ta’eefi dhiiga namootaa gara jabinaan dhangalaasuudhaan biyyattii guutanii turan. Kanaaf, magaalonni Kana’aan warri Israa’eloonni qabatan guutummaatti balleeffamuu qabu.
Haata’u malee, biyyattiitti galuusaanii dura Iyaasuun, gaaddota lama gara magaalaa Yerikootti kan erge si’a ta’u, gaaddonni kunis mana dubartii Rahaab jedhamtuu buufatan. Isheenis namoonni kun Israa’eloota ta’uusaanii utuu beektuu, manasheetti simattee eegumsa isaanii goote. Rahaab wanta Yihowaan sabasaa oolchuuf godhe waan dhageesseef, Waaqa Israa’elootaarratti amantaa guddaa qabdi turte. Gaaddonni kun yommuu deebi’anii dhufan isheefi maatiishee akka hin ajjeefne kaksiifte.
Yeroo booda yommuu Israa’eloonni biyya Kana’aan galanii Yerikoo lolan, Yihowaan haala dinqii ta’een masaraan Yerikoo akka jigu godhe. Loltoonni Iyaasuu atattamaan seenanii magaalattii kan balleessan si’a ta’u, Rahaabiifi maatiishee garuu oolchaniiru. Achiis duula cimaa waggaa ja’aaf godhaniin, Iyaasuun kutaawwan Biyyattii Abdachiifamte keessaa harka caalaasaa qabate. Sana booda biyyattiin gosoota Israa’eliif hiramte.
Iyaasuun yommuu tajaajilasaa xumuruuf jedhetti, uummaticha sassaabee, wanta Yihowaan abbootasaaniittiif godhe erga isaaniif ibsee booda, Yihowaa akka tajaajilan isaan jajjabeesse. Haata’u malee, Iyaasuufi jaarsoliin kaan erga du’anii booda, Israa’eloonni Yihowaa dhiisanii waaqolii sobaa waaqeffachuu jalqaban. Naannoo waggaa 300f sabichi seera Yihowaa guutummaatti hin eegne. Yeroo sanatti, Yihowaan diinonni Israa’el jechuunis kan akka Filisxeemotaa akka isaan hacuucan godhe. Haata’u malee, yommuu Israa’eloonni gargaarsaaf isa waammatan, hacuuccaarraa isaan oolchuuf abboota firdii 12 isaanii kaase.
Seenaan abboota firdii, seenaa Otnii’elii jalqabee hanga seenaa Siimson isa namoota hamma har’aatti jiraatan hundarra humna guddaa qabutti, macaafa Abboota Firdiirratti galmeeffameera. Yaanni macaafa Abboota Firdiirratti irra deddeebi’amee ibsame, Yihowaadhaaf abboomamuun eebba akka namaa argamsiisuufi abboomamuu diduunimmoo balaadhaaf akka nama saaxilu kan argisiisudha.
—Iyaasuu; Abboota Firdiifi Lewwoota 18:24, 25rratti kan hundaa’e.