LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lfb barumsa 30 ful. 76
  • Rahaab Basaastoota Dhoksite

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Rahaab Basaastoota Dhoksite
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Rahaab Yihowaatti Amante
    Ijoollee Keessan Barsiisaa
  • Rahaab Gaaddota Dhoksite
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Masaraa Yerikoo
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Badiisni Sirna Kanaa Yommuu Ga’u Eessatti Argamuu Qabda?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
Dabalataan Ilaaluuf
Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
lfb barumsa 30 ful. 76
Rahaab loltoota karaa kan biraa irra erguudhaan basaastota yommuu oolchitu

BARUMSA 30

Rahaab Basaastota Dhoksite

Basaastonni Israaʼel lamaan magaalaa Yerikoo basaasuuf yeroo deemanitti mana dubartii Rahaab jedhamtu tokkoo buufatan. Mootiin Yerikoo dhimma kana yeroo dhagaʼu, loltoota isaa mana Rahaabitti erge. Ishiinis basaastota lamaan baaxii manaa irra dhoksitee loltoota sana karaa gara biraa irra ergite. Basaastota sanaanis akkana jette: ‘Yihowaan akka isinii wajjin jiruu fi biyya kana akka mootan waanan beekuuf isin nan gargaara. Isin immoo maatii koo akka naaf oolchitan maaloo waadaa naaf galaa.’

Basaastonni sunis Rahaabiin akkana jedhan: ‘Nama mana kee keessa jiru tokko irra illee miidhaan akka hin geenye waadaa siif galla. Foddaa kee irratti wadaroo diimaa rarraasi; akkas yoo goote maatiin kee ni oola.’

Dallaan Yerikoo yommuu jigu manni Rahaab inni foddaa isaa irratti wadaroo diimaan hidhame utuu hin jigin hafe

Rahaab basaastonni sun karaa foddaa ishii wadaroodhaan akka gadi buʼan goote. Deebiʼanii gara Iyyaasuu dhaquu isaanii duras, gara gaara tokkoo dhaqanii guyyaa sadiif achi dhokatan. Sana booda Israaʼeloonni Laga Yordaanos ceʼanii biyyatti qabachuuf qophaaʼan. Yerikoon magaalaa isaan jalqaba irratti moʼan turte. Yihowaan guyyaa jaʼaaf guyyaatti siʼa tokko magaalattiitti akka naannaʼan isaan ajaje. Guyyaa torbaffaatti garuu, magaalattiitti siʼa torba naannaʼan. Achiis luboonni fiinoo isaanii afuufan; loltoonni immoo hamma dandaʼan sagalee isaanii guddisanii iyyan. Dallaan magaalattiis ni jijjige! Manni Rahaab inni dallichatti maxxanee ijaarame garuu homaa hin taane. Rahaab Yihowaatti waan amanamteef ishii fi maatiin ishii duʼa irraa oolaniiru.

“Haaluma wal fakkaatuun, Rahaab . . . ergamtoota sana keessummummaa simattee karaa kan biraatiin erga isaan ergitee booda qajeeltuu jedhamtee kan waamamte hojiidhaan mitii?”—Yaaqoob 2:25

Gaaffii: Rahaab basaastota sana kan gargaarte maaliifi? Israaʼeloonni Yerikoo kan moʼan akkamitti? Rahaabii fi maatiin ishii hoo akkam taʼan?

Iyyaasuu 2:1-24; 6:1-27; Ibroota 11:30, 31; Yaaqoob 2:24-26

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi