LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • my seenaa 46
  • Masaraa Yerikoo

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Masaraa Yerikoo
  • Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Rahaab Gaaddota Dhoksite
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Rahaab Yihowaatti Amante
    Ijoollee Keessan Barsiisaa
  • Israa’eloonni Kana’aanitti Galan
    Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
  • Badiisni Sirna Kanaa Yommuu Ga’u Eessatti Argamuu Qabda?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
my seenaa 46

SEENAA 46

Masaraa Yerikoo

MASARAA Yerikoo kana maaltu jigse? Waanuma boombii guddaan isa rukute fakkaata. Haata’u malee, namoonni yeroo sanaa boombii dhiisiitii qawweeyyuu hin qaban turan. Kun dinqii Yihowaa gara biraadha! Kun akkamitti akka ta’e haa ilaallu.

Yihowaan waan Iyaasuudhaan jedhe dhaggeeffadhu: ‘Atiifi loltoonni si duukaa jiran mandarattii naanna’aa. Guyyaatti al tokko magaalattii naanna’aa. guyyaa ja’aaf akkasuma godhaa. Saanduqa kakuu baadhaa deemaa. Luboonni torba isa dura deemaa fiinoosaanii haa afuufan.

‘Guyyaa torbaffaatti mandarattii al torba naanna’aa. Achiis, sagalee fiinoosaanii guddisaatii afuufaa; hundisaanii sagaleesaanii guddisanii haa iyyan. Masarichis ni diigama!’

Iyaasuuniifi sabni Israa’el waan Yihowaan isaaniin jedhe godhan. Yeroo mandarattii naanna’an, hundisaanii waan tokko utuu hin dubbatin callisanii deemu turan. Kan dhaga’amu, sagalee fiinoofi kottee namoota naanna’an sana qofaa ture. Diinonni saba Waaqayyoo warri Yerikoo keessa jiran sodaatanii turan. Fo’aa diimaa foddaarratti rarra’ee jiru kana ni argitaa? Foddaan kun kan eenyuuti? Eeyyee, Rahaab waan gaaddonni lamaan jedhaniin gootetti. Maatiinshee hundi ishee wajjin mana keessa taa’anii waan raawwatamu eegaa jiru.

Dhumarratti, mandarattii al torba erga naanna’anii booda, sagalee fiinoofi iyya loltootaatiin masaraan mandarattii jige. Achiis Iyaasuun akkas jedhe: ‘Namoota mandarattii keessa jiran hundumaa balleessaatii mandarattii gubaa. Waan hundumaa gubaa. Meetii, warqee, sibiilaafi sibiila diimaa garuu mana Yihowaatti galchaa.’

Iyaasuun gaaddota lamaaniin akkas jedheen: ‘Mana Rahaab dhaqaatii, isheefi maatiishee hundumaa baasaatii fidaa.’ Akkuma gaaddonni lamaan kakataniifitti, Rahaabiifi maatiinshee oolaniiru.

Iyaasuu 6:1-25.

Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi