BARUMSA 3
Rahaab Yihowaatti Amante
Mee magaalaa Yerikoo keessa akka jirru goonee haa yaannu. Magaalaan kun biyya Kanaʼaan jedhamtu keessatti argamti; namoonni biyya Kanaʼaanimmoo Yihowaatti hin amanan turan. Dubartiin Rahaab jedhamtu tokko Yerikoo keessa jiraatti turte.
Rahaab intala xinnoo yeroo turtetti, seenaa Museen akkamitti Galaana Diimaa hiree Israaʼeloota biyya Gibxii keessaa akka baase ibsu dhageessee turte. Kana malees, Yihowaan waraana Israaʼeloonni diinotasaanii wajjin godhanirratti akka moʼan akkamitti akka isaan gargaare dhageesseetti. Ammammoo, Israaʼeloonni Yerikoo marsanii akka jiran dhageesse!
Rahaab Yihowaatti waan amantuuf gaaddota kanaaf eegumsa goote
Gaaf tokko galgala, Israaʼeloonni lama magaalattii gaaduuf yeroo dhaqan, mana Rahaabitti goran. Isheenis, ol seenanii ishee bira akka turan isaan afeerte. Halkan sana, Mootiin Yerikoo gaaddonni gara magaalattii akka seenaniifi gara mana Rahaab akka dhaqan dhagaʼe. Kanaafuu, isaan qabsiisuuf namoota erge. Rahaab gaaddota lamaan bantii diriiraa manashee gubbaa jirurra dhoksitee, namoota mootichi ergeen, ‘Namoonni isin jettan kun as turan. Amma garuu magaalattii keessaa baʼaniiru. Daftanii yoo hordoftan bira gaʼuu dandeessu!’ jetteen. Rahaab gaaddota kanaaf eegumsa gochaa kan jirtu maaliif akka taʼe beektaa?— Yihowaatti waan amantuufi inni biyya Kanaʼaan Israaʼelootaaf akka kennu waan beektufidha.
Gaaddonni sun mana Rahaabii baʼuusaanii dura, yeroo magaalaan Yerikoo balleeffamtu isheeniifi maatiinshee akka hin balleeffamne waadaa galaniif. Maal akka gootu kan isheetti himan sitti fakkaata?— Akkas jedhaniin: ‘Funyoo diimaa kana foddaa keerratti rarraasi. Akkas yoo goote, namni manakee keessa jiru tokkoyyuu hin balleeffamu.’ Rahaab waanuma isaan isheedhaan jedhan goote. Sana booda maaltu akka taʼe beektaa?—
Yihowaan Rahaabiifi maatiishee oolcheera
Guyyoota muraasa booda, Israaʼeloonni sagalee utuu hin dhageessisin magaalaa Yerikoo naannaʼan. Guyyaa jaʼaaf, guyyaatti al tokko magaalattii naannaʼan. Guyyaa torbaffaatti garuu, al torba magaalattii naannaʼan. Achiis hundisaanii sagalee guddaadhaan iyyan. Yihowaan, dallaawwan magaalattii marsanii jiran akka jigan godhe. Manni foddaasaatti funyoo diimaan rarraafame sun garuu akkuma dhaabatetti jira! Fakkicharratti sitti mulʼataa?— Rahaabiifi maatiinshee oolaniiru!
Rahaabirraa maal baratta?— Rahaab waaʼee Yihowaa wantoota dinqisiisaa hedduu waan baratteef isatti amanteetti. Atis waaʼee Yihowaa wantoota nama dinqisiisan baayʼee barachaa jirta. Akkuma Rahaab Yihowaatti ni amantaaree?— Akka amantu beekna!