BARUMSA 31
Iyyaasuu fi Gibeʼonota
Oduun Yerikoo ilaalchisee odeeffamu saboota Kanaʼaan keessa jiran kaan bira gaʼe. Mootonni isaaniis tokkummaa uumanii Israaʼelota loluuf murteessan. Gibeʼononni garuu karoora addaa baafatan. Uffata moofaa uffatanii gara Iyyaasuu dhaquudhaan akkana jedhan: ‘Biyya fagoodhaa dhufne. Waaʼee Yihowaa fi tarkaanfii inni isiniif jedhee, Gibxii fi Moʼaab irratti fudhate dhageenyeerra. Akka nu hin miine waadaa nuuf galaa; nutis garboota keessan ni taanaa.’
Iyyaasuunis waan isaan amaneef akka isaan hin balleessine waadaa isaaniif gale. Guyyaa sadii booda, biyya dhihoodhaa akka dhufan beeke. Isaan biyya Kanaʼaanii dhufan. Iyyaasuun Gibeʼonota, ‘Maaliif nu sobdan?’ jedhee gaafate. Isaanis, ‘sodaanneeti! Waaqni keessan Yihowaan akka isiniif lolu beekna. Maaloo nu hin ajjeesinaa’ jedhan. Iyyaasuunis waadaa isaa kan eege siʼa taʼu, isaan hin ajjeesne.
Utuma baayʼee hin turinis, mootonni Kanaʼaanotaa shanii fi loltoonni isaanii Gibeʼonota irratti waraana banan. Iyyaasuu fi loltoonni isaas isaan oolchuudhaaf halkan guutuu deemaa bulan. Guyyaa itti aanu ganamas lolli ni jalqabe. Kanaʼaanonni kallattii hundaan baqachuu jalqaban. Bakka baqatan hundatti Yihowaan cabbii guguddaa isaan irratti roobse. Achiis Iyyaasuun aduun bakkuma jirtu akka dhaabattu Yihowaa gaafate. Aduun kanaan dura matumaa dhaabattee kan hin beekne taatus, Iyyaasuun Yihowaan akkas akka godhu kan gaafate maaliifi? Iyyaasuun Yihowaatti waan amanameef ture. Israaʼelonni mootota Kanaʼaanotaa fi loltoota isaanii hamma moʼanitti aduun guyyaa guutuu iddoo ishiitii hin sochoone.
“Dubbiin keessan ‘Eeyyee’ yoo taʼe eeyyee, ‘Lakki’ yoo taʼe lakki haa taʼu; kanaan ala kan taʼe kan isa hamaa sanaa ti.”—Maatewos 5:37