LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • my seenaa 49
  • Biiftuun Bakka Jirtutti Dhaabatte

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Biiftuun Bakka Jirtutti Dhaabatte
  • Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Iyyaasuu 1:9—“Cimi, Ija Jabaadhu”
    Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
  • Yihowaan Milkaa’ina Akka Argannu Barbaada
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Giibe’onota Gamnoota Turan
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
my seenaa 49

SEENAA 49

Biiftuun Bakka Jirtutti Dhaabatte

IYAASUU ilaali! ‘Biiftuun bakka jirtutti haa dhaabattu!’ jechaa jira. Biiftuunis ni dhaabate. Guyyaa guutuudhaaf samii walakkaadhaa hin sochoone. Kana kan godhe Yihowaadha! Haata’u malee, Iyaasuun biiftuun guyyaa guutuu akka iftu maaliif akka barbaade mee haa ilaallu.

Mootonni hamoon shanan biyya Kana’aan namoota Giibe’on loluu yommuu jalqabanitti, Giibe’ononni Iyaasuun akka isaan gargaaruuf nama itti ergan. Inni ergames: ‘Garboota keerraa harka kee hin dachaafatin; warri biyya gaaraarra jiraatan hundinuu nu loluudhaaf nutti dacha’aniiru, dafiitii nu bira ga’i nu oolchis!’ jedhee itti hime.

Yeruma sanatti, Iyaasuuniifi loltoonnisaa hundi ni adeeman. Halkan guutuu adeemaa bulan. Yeroo isaan Giibe’oniin ga’anitti, loltoonni mootota shananii sodaatanii baqachuu jalqabani. Achiis Yihowaan dhagaan cabbii gurguddaa samiirraa isaanitti roobse; loltoota waraana Iyaasuutiin ajjeefamanirra loltoota cabbiidhaan ajjeefamantu caala ture.

Iyaasuun, yeroo biiftuun itti lixxu ga’uusaa hubatee ture. Yoo duukkanaa’e loltoonni hamoon mootota sana shananii baay’eensaanii ni miliqu. Iyaasuun: ‘Biiftuun bakka jirtutti haa dhaabattu’ jedhee kan Yihowaa kadhate kanaafi. Biiftuun ifa kennuushee yoo itti fufte, Israa’eloonni waraana sanarratti injifannoo argatu.

Mootonni hamoon garabiraan saba Waaqayyoo jibban kana’aan keessa baay’ee turani. Iyaasuufi loltoonnisaa mootota 31n kana’aan keessa jiran mo’uuf gara waggaa ja’aa isaanitti fudhateera. Erga kun ta’ee boodas, Iyaasuun biyyi Kana’aan gosoota dhaala hin arganneef akka hiramu godhe.

Waggoonni baay’een erga darbanii booda, Iyaasuun waggaa 110⁠tti du’e. Inniifi hiriyoonnisaa yeroo turan hundaatti, Israa’eloonni Yihowaadhaaf ni ajajamu turan. Namoonni gaggaariin kun yommuu du’anitti garuu, sabni kun wanta gadhee hojjechuu waan jalqabaniif rakkinarra bu’ani. Yeroon kanatti gargaarsi Waaqayyoo isaan barbaachisa ture.

Iyaasuu 10:6-15; 12:7-24; 14:1-5; Abboota Firdii 2:8-13.

Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi