LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • my seenaa 48
  • Giibe’onota Gamnoota Turan

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Giibe’onota Gamnoota Turan
  • Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Barumsa Seenaa Gibeʼonotaa Irraa Argannu
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
  • Biiftuun Bakka Jirtutti Dhaabatte
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Gaaffii Dubbistootaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
my seenaa 48

SEENAA 48

Giibe’onota Gamnoota Turan

MAGAALONNI Kana’aan keessa jiran baay’eensaanii Israa’elootaan waraanuuf qophaa’aniiru. Ni moona jedhanii yaadu. Namoonni magaalaa naannoo sanatti argamtu Giibe’on keessatti argaman garuu akkas jedhanii hin yaadan. Waaqayyo Israa’eloota akka gargaaru waan amananiif, Waaqayyoo wajjin wal loluu hin barbaadne. Kanaafuu, Giibe’ononni maal akka godhan beektaa?

Namoota biyya fagoo jiraatan fakkaatanii dhihaachuuf walii galan. Kanaafuu, namoonni tokko tokko wayyaa moofaa uffatanii, kophee ciccite kaawwatan. Harrootasaaniirratti qalqalloo moofaa fe’atanii, buddeena gogaafi shaaggataa qabatan. Achiis gara Iyaasuu dhaqanii akkas jedhaniin: ‘Maanguddoonni keenya karaadhaaf waan nyaattan qabadhaatii akkas jedhaa itti himaa jedhanii nu ergan: “Nuyi garboota keeti. Akka nuun hin lolle nuu kakadhaa.” Karaa fagoo deemnee waan dhufneef, wayyaan keenya akka moofa’eefi buddeenni keenya gogee akka shaaggate arguu dandeessu.’

Iyaasuuniifi geggeessitoonni kaan Giibe’onota amanan. Kanaaf akka isaan hin lolle kakataniif. Haata’u malee guyyoota sadi booda, Giibe’ononni naannuma sana kan jiraatan ta’uusaanii hubatan.

Iyaasuun: ‘Biyya fagoodhaa dhufne kan nuun jettan maaliifi?’ jedhee isaan gaafate.

Giibe’ononnis akkas jedhanii deebisaniif: ‘Waaqni keessan Yihowaan guutummaa biyya Kana’aan isiniif kennuuf akka kakate dhageenyeerra. Kanaafuu nu ajjeestu jennee waan sodaanneef kana goone.’ Israa’eloonni garuu kakuusaanii eegan malee Giibe’onota hin ajjeesne. Kanaa mannaa hojjettootasaanii isaan godhatan.

Giibe’ononni Israa’elootaa wajjin nagaa uumuusaaniitiin mootiin biyya Yerusaalem ni aare. Kanaafuu, mootota gara biraa afuriin: ‘Giibe’oniin akkan lolu kottaa na gargaaraa’ jedhe. Achiis mootonni shanan kun akkuma inni jedhe godhan. Giibe’ononni Israa’elootaa wajjin nagaa uumuunsaanii mootonni shan akka isaaniin lolan gochuunsaanii sirrii turee? Mee haa ilaallu.

Iyaasuu 9:1-27; 10:1-5.

Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi