BARUMSA 32
Geggeessaa Haaraa fi Dubartoota Ija Jabeeyyii Lama
Iyyaasuun waggoota hedduudhaaf saba Yihowaa geggeessaa erga turee booda waggaa 110tti duʼe. Hanga inni lubbuudhaan turetti Israaʼelonni Yihowaa waaqeffachaa turan. Erga inni duʼee booda garuu, isaanis akkuma Kanaʼaanotaa waaqolii tolfamoo waaqeffachuu jalqaban. Israaʼelonni Yihowaa waaqeffachuu waan dhiisaniif, jireenyi ulfaataa akka isaanitti taʼuuf inni mootii Kanaʼaanotaa Yaabiin jedhamutti dabarsee isaan kenne. Yeroo kanatti, sabichi Yihowaan akka isa gargaaru kadhate. Kanaaf, Yihowaan geggeessaa haaraa Baaraaq jedhamu isaaniif kenne. Innis sabichi gara Yihowaatti akka deebiʼu gargaare.
Dibooraa raajittiin nama itti ergitee Baaraaqiin waamsiste. Ergaa Yihowaa biraa isaaf dhufe akkana jettee isatti himte: ‘Dhiirota 10,000 fudhadhuu laga Qiishoonitti loltoota Yaabiin irratti waraana bani. Achitti Siseeraa isa ajajaa waraanaa Yaabiin taʼe ni injifatta.’ Baaraaqis Dibooraadhaan, ‘Yoo ati anaa wajjin dhaqxe qofan dhaqa’ jedhe. Ishiinis akkana isaan jette: ‘Dhaquu illee si wajjin nan dhaqa. Siseeraa kan ajjeesu garuu siʼi akka hin taane beeki. Yihowaan dubartiin tokko akka isa ajjeestu dubbateera.’
Kanaaf, Dibooraan waraanaaf qophaaʼuuf, Baaraaqii fi loltoota isaa wajjin gara Gaara Taaboritti ol baate. Siseeraan akkuma waaʼee kanaa dhagaʼeen, gaariiwwan fardaa fi loltoota isaa sulula Gaara Taabor jala jiru keessatti walitti qabate. Dibooraan Baaraaqiin, ‘Harʼa guyyaa Yihowaan itti moʼicha siif kennu dha’ isaan jette. Achiis, Baaraaqii fi dhiironni isaa 10,000 loltoota Siseeraa warra humna guddaa qaban sana loluuf gaaricha irraa gad buʼan.
Yeroo kanatti, Yihowaan lagni Qiishoon guutee akka dhangalaʼu godhe. Gaariiwwan waraanaa Siseeraa dhoqqeedhaan qabaman. Kanaaf, Siseeraan gaarii isaa dhiisee baqachuu jalqabe. Baaraaqii fi loltoonni isaa loltoota Siseeraa ni moʼan, Siseeraan garuu ni miliqe! Achiis, baqatee dunkaana dubartii Yaaʼel jedhamtu tokkoo keessa dhokate. Yaaʼel aannan akka dhugu erga kenniteefii booda, uffata hoʼa kennu isatti uffiste. Loltuun dadhabe kun hirribni cimaan isa fudhate. Achiis, Yaaʼel qaxxistee gara isaa dhaquudhaan qofoo dunkaanaa illee isaa keessa baaste. Innis ni duʼe.
Baaraaqis Siseeraa barbaacha dhufe. Yeroo kanatti Yaaʼel dunkaana ishii keessaa baatee, ‘Ol seeni! Nama ati barbaaddu sana sittan argisiisa!’ jetteen. Baaraaq ol seenee reeffi Siseeraa lafa irratti diriiree arge. Baaraaqii fi Dibooraan, Yihowaan Israaʼelotaaf diinota isaanii irratti moʼicha waan kenneef faarfannaadhaan isa jajatan. Achiis Israaʼelonni waggoota 40 itti aananiif nagaa argatan.
“Dubartoonni misiraachicha labsan raayyaa guddaa dha.”—Faarfannaa 68:11