LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • yc barumsa 4 ful. 10-11
  • Abbaasheefi Yihowaa Gammachiisteetti

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Abbaasheefi Yihowaa Gammachiisteetti
  • Ijoollee Keessan Barsiisaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Wareega Yiftaan Wareege
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Amanamummaan Waaqayyo Biratti Fudhatama Namaaf Argamsiisa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Yiftaan Nama Hafuuraa Ture
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
  • Namoonni Amanamoon Wareegasaanii ni Raawwatu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
Dabalataan Ilaaluuf
Ijoollee Keessan Barsiisaa
yc barumsa 4 ful. 10-11
Yiftaan intalli isaa yeroo xinnoo turtetti ishee wajjin yeroo dabarsa ture

BARUMSA 4

Abbaasheefi Yihowaa Gammachiisteetti

Yiftaan yeroo Israa’eloonni diinotasaanii waraanuuf ba’anitti, Yihowaa kadhateera

Yiftaan Yihowaadhaaf waadaa akkamii galaa jira?

Yiftaan Yeroo waraanicha irraa gara manasaatti deebi’u, intala isaa ishee isa simachuuf dursitee manaa baate ni hammate

Salphaa taʼuu baatus, intalli Yiftaa wanta abbaanshee Yihowaadhaaf waadaa gale raawwatteetti

Intala fakkii kanarra jirtu ni argitaa?— Intala nama Yiftaa jedhamu tokkooti. Macaafni Qulqulluun maqaa intala kanaa nutti hin himu; taʼus abbaasheefi Yihowaa akka gammachiiste beekna. Mee waaʼeesheefi waaʼee abbaashee haa barannu.

Yiftaan nama gaarii ture; intalasaas yeroo fudhatee waaʼee Yihowaa ni barsiisa ture. Akkasumas, nama cimaafi geggeessaa gaarii ture. Kanaaf, Israaʼeloonni yeroo diinotasaanii waraanuuf baʼan akka isaan geggeessu isa gaafatan.

Yiftaan, moʼuuf akka isa gargaaru Yihowaa kadhate. Yoo moʼe, yeroo gara manasaatti deebiʼu manasaa keessaa nama dura baʼee isa simatu Yihowaadhaaf akka kennu waadaa gale. Namni inni kennu kun, godoo Waaqayyoo keessa jiraachuudhaan jireenyasaa guutuu achi keessatti hojjeta. Godoon, iddoo namoonni yeroo sanatti Yihowaa itti waaqeffatan ture. Yiftaan waraanicharratti ni moʼe! Yeroo inni gara manasaatti deebiʼu, isa simachuuf dursee manasaatii kan baʼe eenyu akka taʼe beektaa?—

Eeyyee, intalasaa turte! Yiftaan ishee malee ijoollee kan biraa hin qabu; ammammoo ishumayyuu kennuuf jedha. Kun taʼuunsaa baayʼee isa gaddisiise. Taʼus waadaa galee akka ture yaadadhu. Yeruma sana intallisaa, ‘Abbayye, Yihowaadhaaf waadaa galteetta, waadaakee eeguu qabda’ jetteen.

Intalli Yiftaa godoo Waaqayyoof qoraan funaanti; Hiriyoonni intala Yiftaa ishee ilaaluuf ni dhaqu turan

Hiriyoonni intala Yiftaa waggaa waggaadhaan ishee ilaaluuf ni dhaqu turan

Intalli Yiftaas gadditeetti. Godoo Waaqayyoo keessa yeroo jiraattu, heerumuus taʼe ijoollee godhachuu hin dandeessu. Taʼuyyuu waadaa abbaanshee gale eeguufi Yihowaa gammachiisuu barbaaddetti. Heerumuufi ijoollee godhachuurra isheedhaaf kanatu caala ture. Kanaaf, mana warrasheetii baatee, jireenyashee guutuu godoo Waaqayyoo keessa jiraatte.

Wanti isheen goote, abbaasheefi Yihowaa kan gammachiise sitti fakkaataa?— Eeyyee, gammachiiseera! Atis kan ajajamtuufi Yihowaa kan jaallattu yoo taʼe, akka intala Yiftaa taʼuu dandeessa. Atis akkumashee warrakeefi Yihowaa ni gammachiista.

MACAAFA QULQULLUU KEERRAA DUBBISI

  • Keessa Deebii 6:4-6

  • Abboota Firdii 11:30-40

  • 1 Qorontos 7:37, 38

GAAFFII:

  • Yiftaan eenyu ture? Waadaa akkamii gale?

  • Wanta abbaanshee waadaa gale gochuun intala Yiftaatiif ulfaataa kan ture maaliifi?

  • Intalli Yiftaa wanta kamiyyuu caalaa maal gochuu barbaaddi turte?

  • Ati akka intala Yiftaa taʼuu kan dandeessu akkamitti?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi