LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • my seenaa 53
  • Wareega Yiftaan Wareege

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Wareega Yiftaan Wareege
  • Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Abbaasheefi Yihowaa Gammachiisteetti
    Ijoollee Keessan Barsiisaa
  • Amanamummaan Waaqayyo Biratti Fudhatama Namaaf Argamsiisa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Yiftaan Nama Hafuuraa Ture
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
  • Namoonni Amanamoon Wareegasaanii ni Raawwatu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
Dabalataan Ilaaluuf
Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
my seenaa 53

SEENAA 53

Wareega Yiftaan Wareege

WANTA wareegde raawwachuun sitti ulfaatee beekaa? Namni ati fakkii kanarratti argitu wanti akkasii isa mudateera. Kan baay’ee gaddes kanaafidha. Namni kun isa mudate gootaafi abbaa firdii Israa’el kan ture Yiftaadha.

Yiftaan, nama yeroo sabni Israa’el Yihowaa waaqeffachuu dhiisanitti turedha. Israa’eloonni wanta gadhee raawwachaa jiru. Kanaafuu, Yihowaan warri Amoon akka isaan cunqursan godhe. Kanaan kan ka’es, Israa’eloonni: ‘Sirratti cubbuu hojjenneerra. maaloo nu oolchi!’ jedhanii Yihowaatti boo’an.

Sabni sunis balleessaa hojjechuusaaniitti ni gaabban. Deebi’anii Yihowaa waaqeffachuudhaan gaabbuusaanii argisiisaniiru. Kanaafuu, Yihowaan isaan gargaaruu jalqabe.

Israa’eloonni, Amoonota warra hamoo sana akka isaaniif loluuf Yiftaa filatan. Yiftaan Yihowaan waraanicharratti akka isa gargaaru baay’ee barbaade. Kanaafuu, akkas jedhee Yihowaadhaaf wareege: ‘Amoonotarratti injifannoo akkan argadhu yoo na gargaarte, yeroon ani mo’ee galu, nama jalqaba na simachuuf mana kootii ba’u siif nan kenna.’

Yihowaan wareega Yiftaa dhaga’ee injifannoo akka argatu isa gargaare. Yiftaan yommuu deebi’u isa simachuuf namni jalqaba manasaatii ba’e eenyu akka ta’e beektaa? Intalasaa ishee tokkittiidha. Yiftaan, ‘Wayyoo, intala koo!’ jedhee boo’e. ‘Gadda guddaa akkamii anatti fidde. Yihowaadhaaf wareegeera; dhiisuummoo hin danda’u’ jedhe.

Intalli Yiftaa wanta inni Yihowaadhaaf wareege yeroo dhageessu, jalqabarratti baay’ee gaddite. Sababiinsaas, wareegni sun abbaasheefi hiriyootashee akka dhiistee deemtu kan ishee godhu waan tureefi. Haata’u malee, bara jireenyashee guutuu mana qulqullummaa Yihowaa isa Shiiloo jirutti isa tajaajilti. Kanaafuu abbaasheetiin: ‘Yihowaadhaaf wareegdeetta taanaan, wareega kee eeguu qabda’ jetteen.

Achiis, intalli Yiftaa, gara Shiiloo dhaqxee, bara jireenyaashee isa hafe mana qulqullummaasaatti Yihowaa tajaajiluudhaan dabarsite. Dubartoonni Israa’el waggaa waggaatti guyyaa afur ishee ilaaluu ni dhaqu turan; yeroo gammachiisaas wajjin ni dabarsu turan. Intalli Yiftaa durba gaarii Yihowaa tajaajiltu waan taateef, sabni Israa’el ishee jaallatu turan.

Abboota Firdii 10:6-18; 11:1-40.

Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi