BARUMSA 37
Yihowaan Saamuʼelitti Dubbate
Eelii inni Luba Ol Aanaa taʼe, ilmaan godoo qulqulluu keessa tajaajilan lama qaba ture. Maqaan isaanii Hofnii fi Finahaas ture. Isaan seera Yihowaatiif hin ajajaman, sabichas ni cunqursu turan. Israaʼeloonni yommuu Yihowaadhaaf aarsaa fidan, Hofnii fi Finahaas foon isa caalaatti gaarii taʼe ofii isaaniitiif fudhatu turan. Eeliin wanta ilmaan isaa raawwatan kan dhagaʼe taʼus, tarkaanfiin inni fudhate tokko illee hin jiru. Yihowaan garuu haalli kun raawwatamuu isaa akka itti fufu ni heyyamaa?
Saamuʼel, Hofnii fi Finahaas irra umuriin isaa baayʼee xinnaatus, fakkeenya isaanii hin hordofne. Yihowaan, Saamuʼelitti gammadeera. Saamuʼel gaaf tokko halkan utuu rafuu sagaleen tokko yommuu maqaa isaa waamu dhagaʼe. Innis kaʼee gara Eeliitti fiigee, ‘Kunoo asan jira!’ isaan jedhe. Eeliin garuu, ‘Ani si hin waamne. Deebiʼii ciisi’ isaan jedhe. Saamuʼelis deebiʼee ciise. Sagalichi garuu ammas isa waame. Saamuʼel sagalicha siʼa sadaffaadhaaf dhagaʼe; yeroo kanatti Eeliin, Saamuʼeliin waamaa kan jiru Yihowaa akka taʼe hubate. Achiis Eeliin, Saamuʼel deebisee sagalicha yoo dhagaʼe, ‘Yaa Yihowaa, dubbadhu. Tajaajilaan kee dhagaʼaa jira’ akka jedhu itti hime.
Saamuʼel ammas deebiʼee ciise. Achiis, ‘Saamuʼel! Saamuʼel!’ yommuu jedhu dhagaʼe. Innis deebisee, ‘Dubbadhu, tajaajilaan kee dhagaʼaa jira’ jedhe. Yihowaanis akkana isaan jedhe: ‘Eelii fi maatii isaa adabuuf akkan yaade Eeliitti himi. Inni ilmaan isaa godoo qulqulluu keessatti wanta sirrii hin taane raawwachaa akka jiran kan beeku taʼus, tarkaanfii tokko iyyuu hin fudhanne.’ Guyyaa itti aanu ganama, Saamuʼel akkuma yeroo hunda godhu balbala godoo qulqulluu bane. Taʼus, Saamuʼel wanta Yihowaan dubbate luba ol aanaatti himuu ni sodaate. Haa taʼu malee, Eeliin isa waamee, ‘Yaa ilma ko, Yihowaan maal siin jedhe? Wanta hunda natti himi’ jedhee isa gaafate. Kanaaf, Saamuʼel waan hundumaa Eeliitti hime.
Saamuʼel yommuu guddachaa adeemu, Yihowaan isaa wajjin ture. Israaʼeloonni guutummaa biyyichaa keessa jiran, Yihowaan, Saamuʼeliin raajii fi abbaa murtii akka isaaf taʼuuf filachuu isaa beekan.
“Bara dargaggummaa keetti Uumaa kee isa Guddaa yaadadhu!”—Lallaba 12:1