BARUMSA 41
Daawitii fi Saaʼol
Daawit Goliyaadiin erga ajjeesee booda, Saaʼol Mootichi ajajaa raayyaa waraanaa isaa isa godhate. Daawit waraana hedduu irratti waan injifateef, nama baayʼee beekamaa taʼe. Daawit yommuu waraana irraa gara manaatti deebiʼu dubartoonni shubbisaa fi sirbaa, ‘Saaʼol kumaatama ajjeese, Daawit immoo kumaatama kudhan ajjeese!’ jedhu turan. Saaʼol, Daawititti waan hinaafeef isa ajjeesuu barbaade.
Daawit akka gaariitti baganaa taphachuu dandaʼa ture. Gaaf tokko utuu Daawit Saaʼoliif baganaa taphachaa jiruu, mootichi eeboo isaa itti darbate. Daawit hamma xinnoof waan jalaa miliqeef, eeboon sun keenyan waraane. Sana booda Saaʼol, Daawitiin ajjeesuuf yeroo hedduudhaaf yaalii godhee ture. Dhuma irrattis, Daawit dhokachuuf gara lafa onaatti baqate.
Saaʼolis loltoota 3,000 fudhatee, barbaadee isa qabuu deeme. Achiis akkuma tasaa holqa dhagaa Daawitii fi namoonni isaa keessa dhokatanitti seene. Namoonni Daawit, ‘Carraan Saaʼoliin itti ajjeestu ammadha’ jedhanii asaasanii dubbatan. Daawit suuta jedhee Saaʼol bira gaʼuudhaan fiixee uffata mootichaa kute. Saaʼol garuu kana hin hubanne. Sana booda, Daawit mootii Yihowaan dibeef kabaja utuu hin argisiisin hafuu isaatti sammuun isaa isa ceephaʼe. Kanaaf, namoonni isaa Saaʼoliin akka ajjeesan isaaniif hin heyyamne. Achiis sagalee guddaadhaan Saaʼoliin waamee, isa ajjeesuuf carraa argatee akka ture itti hime. Haalli kun ilaalcha Saaʼol Daawitiif qabu jijjiireeraa?
Lakki. Saaʼol Daawitiin barbaaduu isaa ittuma fufeera. Gaaf tokko halkan, Daawitii fi Abishaay ilmi obboleettii isaa bakka Saaʼol buufate keessa dhokatanii seenan. Yeroo kanatti Abneer inni eegduu Saaʼol taʼe illee rafee ture. Abishaay, ‘Kun carraa gaarii dha! Isan ajjeesa’ jedhe. Daawit garuu deebisee, ‘Saaʼol irratti tarkaanfii kan fudhatu Yihowaa dha. Eeboo isaa fi miʼa bishaanii isaa qofa fudhannee haa deemnu’ jedhe.
Sana booda Daawit tulluu naannoo buufata Saaʼol gubbaa jiru tokkotti ol baʼe. Achiis sagalee isaa guddisee, ‘Abneer, maaliif mootii kee eeguu dhiiste? miini bishaanii fi eeboon Saaʼol eessa jira?’ jedhe. Saaʼolis, sagalee Daawit taʼuu isaa beekee, ‘Ati na ajjeesuu dandeessa turte, garuu kana hin goone. Ati mootii Israaʼel isa itti aanu akka taatu beeka’ jedhe. Kana booda, Saaʼol gara mana mootummaa isaatti deebiʼe. Haa taʼu malee, Daawitiin kan jibbu maatii Saaʼol hunda hin turre.
“Hamma isiniif dandaʼametti karaa keessan namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraadhaa. Yaa obboloota jaallatamo, . . . dheekkamsa Waaqayyoof dhiisaa malee ofii keessan haaloo hin baʼinaa.” —Roomaa 12:18, 19