LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lfb barumsa 53 ful. 128
  • Ija Jabina Yehoyaadaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ija Jabina Yehoyaadaa
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yihowaa Sodaachuu kan Qabnu Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Yihowaan Gocha Ija Jabinaan Raawwatamu ni Eebbisa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Dubartii Hamtuun Aangoo Argachuuf Hawwitu ni Adabamte
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
  • Seensa Kutaa 9
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
Dabalataan Ilaaluuf
Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
lfb barumsa 53 ful. 128
Yehoyaadaa Luba Ol Aanaan Yoʼaas mooticha isa ijoollee yommuu sabatti mulʼisu

BARUMSA 53

Ija Jabina Yehoyaadaa

Iizaabel intala akkuma ishii hamtuu taatee fi Ataaliyaa jedhamtu qabdi turte. Ataaliyaan mootii Yihudaatti heerumtee turte. Abbaan manaa ishii yommuu duʼu, ilmi ishii bulchuu jalqabe. Haa taʼu malee, Ataaliyaan ilmi ishii yommuu duʼu ofuma ishiitiin mootii Yihudaa of goote. Achiis, ilmaan ilma ishii dabalatee nama bakka ishii mootii taʼuu dandaʼu kam iyyuu ajjeesuudhaan, hidda dhaloota moototaa hunda balleessuuf yaalte. Namni hundi ishii sodaata ture.

Yehoyaadaa Luba Ol Aanaanii fi haati manaa isaa Yoshebaan, wanti Ataaliyaan raawwachaa jirtu baayʼee gadhee akka taʼe beeku turan. Taʼus, lubbuu isaanii balaadhaaf saaxilanii mucaa ilma Ataaliyaa, Yoʼaas jedhamu ni dhoksan. Mana qulqullummaa keessatti isa guddisan.

Yoʼaas yommuu umuriin isaa torba taʼu, Yehoyaadaan gurguddoota biyyaa fi Leewwoota hunda walitti sassaabee akkana isaaniin jedhe: ‘Balbala mana qulqullummaa eegaa, nama tokko iyyuu akka hin galchine.’ Achiis Yehoyaadaan mataa Yoʼaas irra gonfoo kaaʼee mootii Yihudaa isa taasise. Uummanni Yihudaas, “Mootichi bara baraan haa jiraatu!” jedhee iyye.

Ataaliyaa mootittiin yommuu iyyitu

Ataaliyaa Mootittiin waca uummatichaa yommuu dhageessu gara mana qulqullummaatti fiigde. Mootii haaraa yommuu argitu, “Kun daba dha! Kun daba dha!” jettee iyyite. Gurguddoonni sunis mootuu hamtuu kana qabanii erga ishii baasanii booda ishii ajjeesan. Haa taʼu malee, dhiibbaa gadheen ishiin sabicha irra geessiste hoo akkam taʼa?

Yehoyaadaan, sabichi Yihowaa wajjin waadaa akka galu kan gargaare siʼa taʼu, isaanis Yihowaa qofa waaqeffachuuf waadaa galaniiru. Yehoyaadaan galma Baʼaal akka diiganii fi waaqolii tolfamoo caccabsanii akka balleessan godhe. Yehoyaadaan, sabichi deebisee achitti akka waaqeffatuuf, luboonnii fi Leewwonni hojii mana qulqullummaa keessa jiru hunda akka hojjetaniif isaan muude. Namni qulqulluu hin taane kam iyyuu, gara mana qulqullummaatti akka hin seenneef karra eegdota ramade. Achiis, Yehoyaadaa fi gurguddoonni Yoʼaasiin gara mana mootummaatti geessanii teessoo irra isa kaaʼan. Sabni Yihudaas ni gammade. Dhuma irratti, sabichi Ataaliyaa ishii hamtuu fi waaqeffannaa Baʼaal irraa walaba taʼee Yihowaa tajaajiluu dandaʼeera. Ija jabinni Yehoyaadaan argisiise akkamitti namoota baayʼee akka gargaare hubattee?

“Warra foon ajjeesuu malee lubbuu ajjeesuu hin dandeenye hin sodaatinaa; kanaa mannaa, isa lubbuus taʼe foon Gahaannam keessatti balleessuu dandaʼu sana sodaadhaa.”—Maatewos 10:28

Gaaffii: Yehoyaadaan ija jabeessa taʼuu isaa kan argisiise akkamitti? Yihowaan atis ija jabeessa akka taatu akka si gargaaru ni amantaa?

2 Mootota 11:1–12:12; 2 Seenaa Baraa 21:1-6; 22:10-12; 23:1–24:16

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi