LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lfb barumsa 52 ful. 126-ful. 127 key. 1
  • Fardeenii fi Gaarii Fardaa Ibiddaa Yihowaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Fardeenii fi Gaarii Fardaa Ibiddaa Yihowaa
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Elsaa’i Konkolaataa Ibiddaa Argeera—Atoo?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Qabiyyee 2 Moototaa
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • Warra Isaanii Wajjin Jiran Irra Warra Nuu Wajjin Jirantu Caala
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
lfb barumsa 52 ful. 126-ful. 127 key. 1
Eelsaaʼii fi tajaajilaan isaa loltoota Sooriyaatiin yommuu marfaman

BARUMSA 52

Fardeenii fi Gaarii Fardaa Ibiddaa Yihowaa

Benhadaad mootiin Sooriyaa Israaʼeliin loluu isaa itti fufe. Haa taʼu malee, Eelsaaʼi raajichi mootii Israaʼel waan akeekkachiiseef yeroo baayʼee isaan jalaa of oolchuu dandaʼeera. Kanaaf, Benhadaad Eelsaaʼiin qabsiisuuf murteesse. Eelsaaʼi magaalaa Dootaan keessa akka jiru waan dhagaʼeef, loltoonni Sooriyaa akka isa qabaniif achitti isaan erge.

Warri Sooriyaa halkaniin gara Dootaan dhaqan. Guyyaa itti aanu ganama tajaajilaan Eelsaaʼi, yommuu gad baʼu magaalattiin raayyaa guddaadhaan marfamtee arge. Baayʼee waan sodaateef, ‘Eelsaaʼi maal gochuu nuu wayya?’ jedhee iyyee. Eelsaaʼi immoo, ‘Warri nuu wajjin jiran, warra isaanii wajjin jiran irra ni caalu’ jedhee deebiseef. Yihowaanis yeruma sana tajaajilaan Eelsaaʼi gaaronni naannoo magaalattii jiran guutummaatti fardeenii fi gaarii fardaa ibiddaatiin guutamanii akka jiran akka argu taasise.

Eelsaaʼii fi tajaajilaan isaa raayyaa maleekota isaanitti marsanii jiran yommuu ilaalan

Loltoonni Sooriyaa Eelsaaʼiin qabuuf yommuu yaalan, inni ‘Yaa Yihowaa, maaloo ija isaanii jaamsi’ jedhee kadhate. Akkuma tasaa, loltoonni kun iji isaanii amma iyyuu kan argu taʼus, eessa akka jiran hubachuu hin dandeenye. Eelsaaʼis loltoota kanaan, ‘Magaalattiin kana miti. Ana duukaa buʼaa gara nama isin barbaaddan sanaatti isin nan geessa’ isaaniin jedhe. Yommuu isaan Eelsaaʼi duukaa buʼanis, Samaariyaa ishii mootiin Israaʼel keessa jiraatutti isaan geesse.

Yeroo kanatti warri Sooriyaa eessa akka jiran hubatan. Mootiin Israaʼelis, “Isaan ajjeesuu?” jedhee Eelsaaʼin gaafate. Eelsaaʼi carraa kana yeroo itti namoota isa ajjeesuuf yaalii godhan irratti ijaa baafatu akka argate godhee yaadee? Lakki. Eelsaaʼi, ‘Isaan hin ajjeesin. Nyaata isaaniif kenniitii gara biyya isaaniitti isaan deebisi’ jedheen. Kanaaf, nyaata baayʼee mootichi isaaniif qopheesse erga nyaatanii booda, gara biyya isaaniitti isaan deebise.

Loltoonni Sooriyaa Samaariyaa keessatti nyaata yommuu nyaatan

“Amanannaan nuti isa irratti qabnu kana dha; wanti kadhannu maal iyyuu yoo taʼe, akka fedhii isaatti yoo kadhanne inni nu dhagaʼa.”—1 Yohaannis 5:14

Gaaffii: Yihowaan, Eelsaaʼii fi tajaajilaa isaa kan eege akkamitti? Yihowaan siinis si eeguu akka dandaʼu ni amantaa?

2 Mootota 6:8-24

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi