LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lfb barumsa 51 ful. 124-ful. 125 key. 2
  • Loltuu Tokkoo fi Intala Xinnoo Tokko

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Loltuu Tokkoo fi Intala Xinnoo Tokko
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Intalli Tokko Nama Jabaa Tokko Gargaarte
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Ijoollee Waaqayyoon Gammachiisan
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
lfb barumsa 51 ful. 124-ful. 125 key. 2
Naʼamaan akka isa fayyisuuf gara Eelsaaʼi yommuu dhaqu

BARUMSA 51

Loltuu Tokkoo fi Intala Xinnoo Tokko

Intalli xinnoon lammii Israaʼel taate tokko, maatii ishii irraa fagaattee biyya Sooriyaa keessa jiraatti turte. Loltoota Sooriyaatiin maatii ishii irraa kan fudhatamte siʼa taʼu, amma haadha manaa Naʼamaan isa ajajaa loltootaa taʼe tajaajilaa jirti. Namoonni naannoo ishii jiran akkas kan hin goone taʼan illee, intalli xinnoon kun garuu Yihowaa waaqeffatti turte.

Naʼamaan dhukkuba nadaayiitiin waan qabameef, yeroo hunda dhukkuba kanaan dhiphata ture. Intallii xinnoon kun garaa ishiitii isa gargaaruu barbaadde. Akkana jettee haadha manaa Naʼamaanitti himte: ‘Nama abbaa manaa kee dhukkuba isaa irraa fayyisuu dandaʼu beeka. Israaʼel keessa raajiin Yihowaa Eelsaaʼi jedhamu tokko jira. Inni abbaa manaa kee fayyisuu ni dandaʼa.’

Haati manaa Naʼamaanis wanta intalattii irraa dhageesse isatti himte. Wanta hunda yaalii gochuuf waan kutateef, mana Eelsaaʼi isa Israaʼel keessatti argamu dhaqe. Naʼamaan, Eelsaaʼi simannaa addaa akka isaaf godhu eegee ture. Haa taʼu malee, Eelsaaʼi ofii isaatii isatti dubbachuu mannaa, hojjetaan isaa nagaa akka isa gaafatuu fi ergaa, ‘Dhaqii Laga Yordaanositti siʼa torba dhiqadhu. Isa booda ni fayyita’ jedhu akka isatti himuuf isa erge.

Naʼamaan garuu baayʼee aare. Akkana jedhe: ‘Raajiin kun maqaa Waaqa isaa waamuudhaan harka isaatiin na qaqqabee kan na fayyisu natti fakkaatee ture. Inni garuu gara laga Israaʼel keessatti argamu kanaa akkan dhaqu natti hime. Lageen kana caalaan Sooriyaa keessaa qabna. Maaliifan achi hin dhaqu ree?’ Naʼamaan aaree mana Eelsaaʼi baʼee deeme.

Naʼamaan Laga Yordaanos keessatti dhiqatee yommuu fayyu

Tajaajiltoonni Naʼamaan sirriitti akka yaadu isa gargaaran. Akkana isaan jedhan: ‘Wanta si fayyisu kam iyyuu gochuuf turte mitii? Wanti raajiin kun akka raawwattu sitti hime garuu baayʼee salphaa dha. Maarree maaliif wanta inni siin jedhe hin gootu?’ Naʼamaanis gorsa isaanii ni dhagaʼe. Gara Laga Yordaanos dhaqee al torba gad lixee baʼe. Al torbaffaa bishaanicha keessa lixee yommuu baʼu, Naʼamaan dhukkuba isaa irraa guutummaatti fayye. Baayʼee waan gammadeef, isa galateeffachuuf gara Eelsaaʼitti deebiʼe. Achiis ‘Amma Yihowaan Waaqa dhugaa taʼuu isaa hubadheera’ jedhe. Intalli xinnoon sun Naʼamaan fayyee yommuu deebiʼuu maaltu ishiitti dhagaʼama jette yaadda?

“Afaan ijoollee fi afaan daaʼimmanii keessaa galata argamsiiste.”—Maatewos 21:16

Gaaffii: Intalli Israaʼel ishiin xinnoon haadha manaa Naʼamaanitti dubbachuun ishiitti salphatee waan ture sitti fakkaataa? Akka ija jabaattu maaltu ishii gargaare jettee yaadda?

2 Mootota 5:1-19; Luqaas 4:27

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi