LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lfb ful. 122-123
  • Seensa Kutaa 9

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Seensa Kutaa 9
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Ija Jabina Yehoyaadaa
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Loltuu Tokkoo fi Intala Xinnoo Tokko
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Yihowaa Sodaachuu kan Qabnu Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Dargaggoota, Jireenya Akkamii Jiraachuu Barbaaddu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
Dabalataan Ilaaluuf
Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
lfb ful. 122-123
Intalli xinnoon lammii Israaʼel taate haadha manaa Naʼamaan isa dhukkuba nadaayiitiin qabametti yommuu dubbattu

Seensa Kutaa 9

Kutaan kun waaʼee dargaggootaa, raajotaa fi mootota Yihowaa irratti amantii guddaa akka qaban argisiisanii nu barsiisa. Sooriyaa keessatti intalli xinnoon lammii Israaʼel taate tokko, raajiin Yihowaa Naʼamaaniin akka fayyisu amantii qabdi turte. Eelsaaʼi raajichi Yihowaan loltoota diinaa irraa akka isa eegu amanannaa guutuu qaba ture. Yehoyaadaa inni Luba Ol Aanaa ture lubbuu isaa balaadhaaf saaxilee, Yoʼaas isa mucaa xinnoo ture sana akkoo isaa ishii hamtuu taate, Ataaliyaa irraa isa oolcheera. Hisqiyaas Mootichi Yihowaan Yerusaalemiin akka oolchu amanameera, akkasumas warri Asoor isaan sossodaachisuuf yaalanis isaan hin sodaanne. Yosiyaas Mootichi biyyicha keessaa waaqolii tolfamoo balleesseera, mana qulqullummaa haaresseera, akkasumas sabichi gara waaqeffannaa dhugaatti akka deebiʼu godheera.

BARUMSAWWAN IJOO

  • Waaʼee Yihowaa dhugaa baʼuuf umuriin kee xinnoo miti

  • Wanta sirrii taʼe yommuu raawwannu, Yihowaan nu wajjin akka taʼu waadaa galeera

  • Akkuma Yoonaas, qajeelfama Yihowaa hordofuu baradhu; akkasumas wanti tokko karaa ati barbaadduun utuu hin raawwatamin yommuu hafu hin gungumin

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi