BARUMSA 55
Maleekaan Yihowaa Hisqiyaasiif Eegumsa Godhe
Asooronni mootummaa gosoota Israaʼel kurnaan toʼannaa isaanii jala oolchan. Senaaheriib mootiin Asoor amma immoo mootummaa Yihudaa gosoota lamaan toʼannaa isaa jala galchuu barbaade. Magaalota Yihudaa, tokko tokkoon toʼannaa jala oolchuu jalqabe. Magaalaan inni caalaatti toʼannaa isaa jala galchuu barbaadu garuu Yerusaalem turte. Senaaheriib, Yihowaan Yerusaalemiin akka eegu hin beeku ture.
Hisqiyaas mootiin Yihudaa, Senaaheriib Yerusaalem irraa akka deebiʼuuf qarshii hedduu kaffaleera. Senaaheriib qarshicha kan fudhate taʼus, Yerusaalem irratti waraana banuuf loltoota isaa warra jajjaboo erge. Loltoonni Asoor dhihaachaa waan dhufaniif namoonni magaalattii baayʼee sodaatan. Hisqiyaasis, ‘Hin sodaatinaa. Asooronni ciccimoo dha; taʼus, Yihowaan isaan caalaa nu cimsa jedhe.’
Senaaheriib, Raabshaaqicha isa ergamaa isaa taʼe namoota sanatti akka qoosuuf gara Yerusaalemitti isa erge. Raabshaaqichi magaalattii ala dhaabatee, sagalee isaa ol fuudhee akkana isaaniin jedhe: ‘Yihowaan isin gargaaruu hin dandaʼu. Hisqiyaas isin hin gowwoomsin. Waaqni harka keenya jalaa isin oolchuu dandaʼu hin jiru.’
Hisqiyaas maal gochuu akka qabu Yihowaa gaafate. Yihowaan akkana jedhee isaaf deebise: ‘Wanta Raabshaaqichi jedhe hin sodaatinaa. Senaaheriib Yerusaalemiin hin qabatu.’ Achiis, Senaaheriib Hisqiyaasiif xalayaa erge. Xalayichi akkana jedha: ‘Harka keessan kennaa. Yihowaan isin oolchuu hin dandaʼu.’ Hisqiyaas, ‘Namni hundi ati Waaqa dhugaa tokkicha akka taate akka beekuuf, yaa Yihowaa maaloo nu oolchi’ jedhee kadhate. Yihowaanis, ‘Mootiin Asoor gara Yerusaalem hin dhufu. Ani magaalaa kootiif eegumsa nan godha’ jedhe.
Senaaheriib, Yerusaalem yeroo dhihootti toʼannaa isaa jala akka ooltu mirkanaaʼaa taʼeera. Haa taʼu malee, Yihowaan gaafas galgala bakka loltoonni isaanii magaalattii ala buufatanitti maleekaa tokko erge. Maleekaan kunis loltoota 185,000 ajjeese! Senaaheriib Mootichi loltoota isaa warra ciccimoo dhabe. Filannoo waan hin qabneef moʼamee gara mana isaatti deebiʼe. Yihowaan akkuma waadaa galee turetti, Hisqiyaasii fi Yerusaalemiif eegumsa godheera. Ati yeroo sanatti utuu Yerusaalem keessa jiraatta taʼee, Yihowaatti ni amanamta turtee?
“Maleekaan Yihowaa naannoo warra Waaqayyoon sodaatan hundumaa ni buufata. Isaan ni oolchas.”—Faarfannaa 34:7