LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lfb barumsa 56 ful. 134-ful. 135 key. 1
  • Yosiyaas Seera Waaqayyoo ni Jaallata Ture

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yosiyaas Seera Waaqayyoo ni Jaallata Ture
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yosiyaas Hiriyoota Gaarii Qaba Ture
    Ijoollee Keessan Barsiisaa
  • Mootii Gaarii Isa Dhumaa
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Dargaggoota, Jireenya Akkamii Jiraachuu Barbaaddu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
lfb barumsa 56 ful. 134-ful. 135 key. 1
Shaafaan maraa kitaabaa Yosiyaas Mootichaaf yommuu dubbisu

BARUMSA 56

Yosiyaas Seera Waaqayyoo ni Jaallata Ture

Yosiyaas mootii Yihudaa kan taʼe umurii isaa waggaa saddeetitti ture. Yeroo sanatti namoonni falfala raawwatu turan, akkasumas waaqolii tolfamoo waaqeffatu turan. Yosiyaas yommuu umuriin isaa 16 taʼu, karaa sirrii taʼeen akkamitti Yihowaa akka waaqeffatu barachuuf carraaqqii godhe. Yommuu umuriin isaa 20 taʼu immoo, guutummaa biyyichaa keessaa waaqolii tolfamoo fi iddoowwan aarsaa balleessuu jalqabe. Akkasumas yommuu umuriin isaa 26 taʼu, manni qulqullummaa Yihowaa akka suphamuuf qophii godhe.

Hilqiyaa inni luba ol aanaan, mana qulqullummaa keessaa maraa kitaaba Seera Yihowaa qabate argate; maraa kitaabaa kana kan barreesse Musee taʼuu hin oolu. Barreessaan mootichaa Shaafaan maraa kitaabaa sana gara Yosiyaas fidee sagalee isaa ol fuudhee Seericha dubbisuufii jalqabe. Yosiyaas dhaggeeffachuu isaa yommuu itti fufu, sabichi waggoota dheeraadhaaf Yihowaaf ajajamaa akka hin jirre hubate. Yosiyaas Mootichi Hilqiyaadhaan akkana jedhe: ‘Yihowaan baayʼee nutti aareera. Dhaqii isa gaafadhu. Yihowaan maal gochuu akka qabnu nutti hima.’ Yihowaan karaa Huldaa raajittii deebii akkana jedhu kenne: ‘Sabni Yihudaa na dhiiseera. Kanaaf isaan ni adabamu; taʼus, Yosiyaas waan gad of qabeef kun bara mootummaa isaatti hin taʼu.’

Hilqiyaan maraa kitaabaa Seera Yihowaa qabate argate

Yosiyaas Mootichi yommuu ergaa kana dhagaʼu, gara mana qulqullummaa dhaqee, sabni Yihudaas achitti akka wal gaʼan godhe. Achiis, sagalee isaa ol fuudhee Seera Yihowaa guutummaa sabichaatiif dubbise. Yosiyaasii fi sabichi garaa isaanii guutuudhaan Yihowaadhaaf ajajamuuf waadaa galan.

Sabni Yihudaa waggoota dheeraadhaaf Ayyaana Faasikaa hin kabajne. Haa taʼu malee, Yosiyaas Ayyaanni Faasikaa waggaa waggaadhaan kabajamuu akka qabu Seericha keessaa yommuu dubbisu, sabichaan ‘Yihowaadhaaf Ayyaana Faasikaa kabajuu qabna’ jedhe. Sana boodas, Yosiyaas wantoota aarsaadhaaf taʼan hedduu fi mana qulqullummaa keessatti garee faarfattootaa qopheesse. Achiis, sabichi Ayyaana Maxinoo isa guyyaa torbaaf turu erga kabajanii booda, Ayyaana Faasikaa ayyaaneffatan. Bara Saamuʼel booda Ayyaanni Faasikaa akkasitti kabajamee hin beeku ture. Dhuguma iyyuu, Yosiyaas Seera Waaqayyoo ni jaallata ture. Ati hoo waaʼee Yihowaa barachuun si gammachiisaa?

“Dubbiin kee miila kootiif ibsaa, daandii kootiifis ifa dha.”—Faarfannaa 119:105

Gaaffii: Yosiyaas Mootichi Seera Yihowaa yommuu dhagaʼu tarkaanfii akkamii fudhate? Tarkaanfii Yosiyaas fudhatetti Yihowaatti maaltu dhagaʼame?

2 Mootota 21:26; 22:1–23:30; 2 Seenaa Baraa 34:1–35:25

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi