BARUMSA 60
Mootummaa Bara Baraaf Jiraatu
Gaaf tokko halkan, Nebukadnezaar Mootichi abjuu adda taʼe tokko abjoote. Abjuun sun waan baayʼee isa jeeqeef rafuu hin dandeenye. Achiis namoonni isaa falfala raawwatan gara isaa akka dhufan waamee, ‘Abjuu koo naa hiikaa’ isaaniin jedhe. Isaanis, ‘Yaa Mootii abjuu kee nutti himi’ isaan jedhan. Haa taʼu malee Nebukadnezaar, ‘Lakki! Wanta ani abjoodhe isin natti himaa; taʼuu baannaan garuu isinan ajjeesa’ isaaniin jedhe. Isaanis irra deebiʼanii, ‘Abjuu kee nutti himi; nutis siif hiikna’ isaan jedhan. Achiis inni, ‘Isin hundi keessan na gowwoomsuuf yaalaa jirtu. Wantan abjoodhe natti himaa!’ isaaniin jedhe. Isaan immoo mootichaan, ‘Namni kana gochuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. Ati wanta matumaa hin dandaʼamne gaafatte’ isaan jedhan.
Nebukadnezaar baayʼee waan aareef namoonni ogeeyyiin biyyicha keessa jiran hundi akka ajjeefaman ajaje. Kun immoo Daaniʼel, Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoo kan dabalatu ture. Daaniʼelis yeroo dabalataa akka isaaniif kennu mooticha gaafate. Achiis innii fi hiriyoonni isaa Yihowaan akka isaan gargaaru kadhannaa dhiheessan. Yihowaan maal godhe ree?
Yihowaan abjuu Nebukadnezaar arge mulʼataan Daaniʼelitti kan argisiise siʼa taʼu, hiika isaas itti himeera. Guyyaa itti aanutti Daaniʼel gara tajaajilaa mootichaa deemee, ‘Namoota ogeeyyii keessaa eenyuun iyyuu hin ajjeesin. Ani abjuu mootichaa hiikuu nan dandaʼa’ isaan jedhe. Tajaajilaan sunis Daaniʼeliin gara Nebukadnezaaritti geesse. Daaniʼelis mootichaan akkana jedhe: ‘Waaqayyo wanta gara fuulduraatti taʼu sitti mulʼiseera. Abjuun kee kana dha: Siidaa guddaa mataan isaa warqii, qomnii fi harki isaa meetii, garaa fi luqqeettuun isaa sibiila diimaa, lukti isaa sibiila, akkasumas miilli isaa walakkaan isaa sibiila irraa, walakkaan isaa immoo suphee irraa tolfame ni argite. Achiis dhagaan gaara irraa buqqaʼe tokko dhufee miilla siidaa sanaa rukute. siidichis caccabee ni hurraaʼe; qilleensis isa fudhate. Dhagichi immoo gaara guddaa taʼee guutummaa lafaa uwwise.’
Achiis Daaniʼel, ‘Hiikni abjuu keetii kana dha: Mataan warqii sun mootummaa kee dha. Meetichi immoo mootummaa si booda dhufu dha. Sana booda inni akka sibiila diimaa taʼee fi guutummaa lafaa bulchu ni dhufa. Mootummaan isatti aanu akka sibiilaa cimaa taʼa. Dhuma irrattis, mootummaa qoqqoodamaan walakkaan isaa akka sibiilaa cimaa taʼee fi walakkaan isaa immoo akka suphee dadhabaa taʼe ni jiraata. Dhagaan gaara taʼe sun, Mootummaa Waaqayyoo ti. Mootummaan kun mootummoota kana hunda ni caccabsa; inni garuu bara baraaf ni jiraata’ jedhe.
Nebukadnezaar fuula isaatiin Daaniʼel duratti lafatti gombifame. Innis Daaniʼeliin, ‘Waaqni kee abjuu kana siif ibseera. Waaqni akka isaa hin jiru’ jedhe. Nebukadnezaar Daaniʼeliin ajjeesuu mannaa, namoota ogeeyyii fi bulchitoota bulchiinsa Baabilon keessa jiran hunda irratti isa muude. Yihowaan kadhannaa Daaniʼel dhihesseef akkamitti deebii akka kenne hubattee?
“Isaanis bakka afaan Ibrootaatiin Armaagedoon jedhamutti walitti isaan qaban.”—Mulʼata 16:16