LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 193
  • Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Daaniʼel Maal Jedha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Daaniʼel Maal Jedha?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Daaniʼel enyu ture?
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 193
Daaniʼel raajichi boolla leencotaa keessaa gara Yihowaatti kadhannaa dhiheessaa jira.

Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Daaniʼel Maal Jedha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Daaniʼel raajii Yihudootaa kabajamaa Dh.K.D. jaarraa saddeetii fi jaʼaa gidduutti jiraachaa ture dha. Waaqayyo dandeettii abjuu hiikuu isaaf kenneera, taʼeewwan gara fulduraatti raawwataman ilaalchisee mulʼata isatti argisiiseera, akkasumas kitaaba Kitaaba Qulqulluu maqaa isaatiin waamamu geggeessaa hafuuraatiin akka barreessu godheera.—Daaniʼel 1:17; 2:19.

Daaniʼel enyu ture?

Daaniʼel kan guddate bulchiinsa Yihudaa, ishii magaalaa Yerusaalemii fi mana qulqullummaa of keessatti qabatte keessatti dha. Dhaloota Kiristoos dura bara 617​tti mootii Baabilon kan ture Nebukadnezaar Yerusaalemiin qabatee, “namoota guguddaa biyyattii” boojuudhaan gara Baabilonitti geesse. (2 Mootota 24:15; Daaniʼel 1:1) Daaniʼel inni tarii yeroo sanatti umurii waggoota kurnanii keessa tures boojuudhaan fudhatamee ture.

Daaniʼelii fi dargaggoota kan biroo eegdota mana mootummaa Baabiloniin gara mana mootummaatti geeffamaa jiran.

Daaniʼelii fi (Shaadraak, Meeshaakii fi Abedneegoo dabalatee) dargaggoonni kan biroon tajaajila mana mootummaatiif leenjii addaa argachuuf gara mana mootummaa Baabilonnitti geeffaman. Abbootiin taayitaa dargaggoonni kun wanta dogoggora ta‵uusaa beekan akka raawwatan dhiibbaa kan isaan irratti godhan taʼus, Daaniʼelii fi hiriyoonni isaa sadan waaqa isaanii Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii jiraataniiru. (Daaniʼel 1:3-8) Waggaa sadiif leenjii erga fudhatanii booda, Nebukadnezaar Mootichi ogummaa fi dandeettii isaaniitiin isaan dinqisiifachuudhaan, “guutummaa bulchiinsa isaa keessatti luboota falfala raawwatanii fi warra hooda dubbatan hundumaa irra harka kudhan akka caalan” dubbateera. Kanaafuu, Daaniʼelii fi hiriyoonni isaa mana murtii mana mootummaa keessa akka tajaajilan isaan muude.—Daaniʼel 1:18-20.

Waggoota hedduu booda, tarii Daaniʼel yeroo gara umurii waggaa 90 keessa turetti mana mootiitti waamame. Belshaazaar inni yeroo sanatti Baabiloniin bulchaa ture barreeffama iccitii taʼee fi girgiddaa irratti barreeffame akka isaaf hiiku gaafate. Daaniʼelis gargaarsa Waaqayyootiin Baabilon raayyaa waraana Meedoo Faaresiin akka injifatamtu dubbate. Akkuma inni jedhes, Baabilon gaafuma sana galgala toʼannaa jala oolte.—Daaniʼel 5:1, 13-31.

Daaniʼel barreeffama girgiddaa irra jiru hiikaa jira.

Amma, bulchiinsa meedoonii fi Faares jalatti Daaniʼel abbaa taayitaa guddaa taʼee muudameera, Daariyos Mootichis aangoo dabalataa isaaf kenneera. (Daaniʼel 6:1-3) Abbootiin taayitaa isatti hinafan boolla leencaa keessatti akka darbatamu godhanii isa ajjeesuuf wanta ittiin isa himatan barbaaduu jalqaban; Yihowaan garuu isa oolcheera. (Daaniʼel 6:4-23) Daaniʼel dulloomee duʼuu jala yommuu gaʼee turetti, maleekaan tokko isatti mulʼatee siʼa lama “nama baayʼee jaallatamaa” akka taʼe isaaf mirkaneesseera.—Daaniʼel 10:11, 19.

Taʼeewwan kana ilaaluuf, diraamaa Kitaaba Qulqulluu kutaa lama qabuu fi Daaniʼel Jireenya Isaa Guutuu Nama Amantii Ture jedhu akka daawwattu si jajjabeessina.

Seenaan waaʼee kitaaba Daaniʼel isa kutaa Kitaaba Qulqulluu taʼee maal mirkaneessa?

Wanta Daaniʼel gabaase: Nebukadnezaar siidaa guddaa tokko dhaabee namoonni siidaa sana akka waaqeffatan ajajee ture, akkasumas namoota isaaf utuu hin ajajamin hafan ibidda bobaʼaa ture keessatti darbate.—Daaniʼel 3:1-6.

Wanta seenaan mirkaneessu: Kitaabni Encyclopædia Britannica jedhamu akka ibsetti, Nebukadnezaar “ulfina isaatiif qofa utuu hin taʼin waaqolii isaa kabajuuf jecha” Baabilon keessatti pirojektiiwwan ijaarsaa hedduu qindeesseera. “Nebukadnezaar ‘nama namoonni waaqolii gurguddoo akka waaqeffatan godhe’ akka taʼetti dubbatama ture.”

Seenaa bulchaan tokko namoonni ibidda bobaʼu keessa buufamanii akka adabaman ajaja dabarsee akka ture ibsu tokko dabalatee, ibidda bobaʼu keessa buusuudhaan adabuun galmee seenaa waaʼee Baabilon durii ibsu keessatti siʼa baayʼee caqasameera. Barreeffamni bara bulchiinsa Nebukadnezaaritti barreeffame tokko, ibiddaan gubuun adaba abbootiin taayitaa waaqolii Baabilon arrabsan ittiin adabaman akka taʼe ibsa. Barreeffamichi akkana jedha: “Isaan balleessi, isaan gubi, akkuma nama midijjaa keessatti bilcheessuutti . . . isaan waadi . . . aarri isaanii akka ol aaru godhi, akka isaan duʼaniif ibidda bobaʼu keessatti isaan gubi.”a

Wanta Daaniʼel barreese: Nebukadnezaar Mootichi waaʼee piroojektii ijaarsaa isaa of jajuudhaan dubbateera.—Daaniʼel 4:29, 30.

Xuubii Baabilon keessatti argamee fi maqaan Nebukadnezaar irratti chaappeffame

Wanta seenaan mirkaneessu: “Wantoonni Nebukadnezaar waaʼee ofii isaa barreessuudhaan dhalootatti dabarse, mootii guddaa, qajeelummaa fi humna ofii isaatti guutummaa guututti amanamu akka taʼe kan argisiisanidha.”b Fakkeenyaaf, barreeffamni gamoo tokko irratti barreeffame yaada Nebukadnezaar akkana jechuudhaan of jajee dubbate qabateera: “Reenjii fi xuubiidhaan dallaa cimaa hamma tulluu gaʼuu fi iddoo isaatii sochoʼuu hin dandeenye ijaareera . . . Namoonni barabaraaf bulchiinsa koo akka yaadatan gochuuf, Itsaagilaa fi Baabilonitti dallaa guddaa ijaareera.”c Baabilon keessatti xuubiiwwan hedduun maqaan Nebukadnezaar irratti chaappeffame argamaniiru.

Wanta Daaniʼel barreesse: Belshaazaar Mootichi, Daaniʼel, Baabilon keessatti ‘bulchaa sadaffaa akka taʼu’ affeerraa isaaf dhiheesseera.—Daaniʼel 5:1, 13-16.

Suphee Dh.K.D. bara 550 kaasee jiruu fi maqaa Naabooniidasii fi ilma isa Belshaazaar qabate

Wanta seenaan mirkaneessu: Taʼeewwan Daaniʼel boqonnaa 5 irratti galmeeffaman yeroo raawwatamanitti, namichi Naabooniidas jedhamu mootii taʼee bulchaa ture. Haa taʼu malee, Naabooniidas bara bulchiinsa isaa kan dabarse Arabiyaa keessatti malee Baabilon keessatti hin turre. Yeroo inni hin turetti eenyutu Baabiloniin bulchaa ture ree? Barreessaan seenaa Reeyimandi Fiiliip Doowratii jedhaman, kitaaba isaanii Nabonidus and Belshazzar jedhamu irratti akkana jechuudhaan ibsaniiru: “Galmeen durii tokko akka ibsutti, Naabooniidas mootummaa isaa ilma isaa hangafaa jechuunis Belshaazaaritti imaanaadhaan kennee ture. Belshaazaar yeroo abbaan isaa hin jirretti bakka isaa buʼee hojiiwwan mana mootummaa tokko tokko raawwachaa ture.” Kanaaf, Naabooniidasii fi Belshaazaar mootummicha keessatti aangoo tokkoffaa fi lammaffaa kan qabatan waan taʼaniif, Belshaazar Daaniʼeliif aangoo sadaffaa kenneera.

a Journal of Biblical Literature, Jildii 128, Lakkoofsa 2, fuula 279, 284.

b Babylon—City of Wonders, by Irving Finkel and Michael Seymour, fula 17.

c Archæology and the Bible, by George Barton, fuula 479.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi