LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 67
  • Maddi Haaloowiinii Maalidha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Maddi Haaloowiinii Maalidha?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Maddaa fi barsiifata Haaloowiinii
  • Haaloowiiniin namoota Waaqayyoon hin beeknerraa dhufuunsaa miidhaa fidu qabaa?
  • Akkaataa Dhiheenyaa
    Tajaajila Mootummaa—2013
  • Guyyoota Ayyaanaa Kabajuu Qabnaa?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Ayyaanonni Hundi Waaqayyoon ni Gammachiisuu?
    Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
  • Ayyaanawwan Waaqayyoon Hin Gammachiisne
    “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 67
Ijoolleen uffata Haaloowiinii uffatan sadii, balbala mana faayaa Haaloowiiniidhaan miidhagfame dura dhaabatanii.

Maddi Haaloowiinii Maalidha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Namoonni hedduun ayyaana Haaloowiinii Onkoloolessa 31 kan kabajan yeroo taʼu, Kitaabni Qulqulluun garuu waaʼee ayyaana kanaa hin dubbatu. Haa taʼu malee, maddii fi barsiifanni ayyaana Haaloowiinii barumsa Kitaaba Qulqulluu wajjin wal faallessa.

Mata duree kana keessatti

  • Maddaa fi barsiifata Haaloowiinii

  • Haaloowiiniin namoota Waaqayyoon hin beeknerraa dhufuunsaa miidhaa fidu qabaa?

  • Haaloowiinii jedhamee kan waamame maaliifi?

Maddaa fi barsiifata Haaloowiinii

  • Saamheen: Kitaabni The World Book Encyclopedia akka ibsutti Haaloowiiniin, “ayyaana Keeltonni Waaqayyoon hin beekne waggoota 2,000 ol dura ayyaaneffachaa turanidha. Keeltonni ekeraan namoota duʼanii guyyaa kanatti warra lubbuudhaan jiran gidduu akka deddeebiʼan amanu. Yeroo ayyaana Saamheenitti namoonni warra duʼanii wajjin wal arguu dandaʼu.”—mata duree, “Haaloowiinii jedhamee kan waamame maaliifi?” jedhu ilaali.

  • Uffata Haaloowiinii, karameellaa fi gocha ijoolleen raawwatan: Maddi tokko akka ibsutti Keeltonni, hafuuronni asii fi achi deeman “isaan keessaa tokko akka taʼan yaaduudhaan isaan biraa darbanii akka deemaniif uffata nama sodaachisu uffatu.” Kaanimmoo hafuurota sana gammachiisuuf wanta miʼaawu isaaniif kennu.a

    Qodaa bifa keelloo boca buqqee qabuu fi minjaala irra ciisee karameellaan keessaa gadi namʼaa jiru.

    Bara akka Awurooppaatti Bara giddu galeessaa jedhamutti luboonni Kaatolikii Awurooppaa barsiifatawwan waaqolii tolfamoo wajjin wal qabatan fudhatan. Akkasumas miseensonni waldaa isaanii uffata adda taʼe uffatanii manaa gara manaa deemuudhaan kennaawwan xixinnoo akka gaafatan godhan.

  • Ekeraa, bulguu, moortuu: Wantoonni kun baroota dheeraa duraa kaasee hafuurota hamoo wajjin haala wal qabateen caqasamu. Kitaabni Halloween Trivia jedhamu hafuuronni kun “duʼaa fi namoota duʼan ykn sodaa duʼaa wajjin walitti dhufeenya” akka qaban ibsa.

  • Buqqee Haaloowiinii: Bara akka Biriiteenitti Bara giddu galeessaa jedhamutti namoonni “mana namaa dhaqanii yoo nyaata isaaniif kennan warra duʼaniif kadhannaa akka dhiheessan dubbatu turan.” Namoonni kun “qaysirii keessi isaan uraa taʼee fi dungoon keessaa ifu” baatanii deemu. “Kunimmoo lubbuu ibiddaan qulqulleeffamaa jirtu bakka buʼa.” (Halloween—From Pagan Ritual to Party Night) Maddawwan tokko tokko ibsaawwan kun hafuurota hamoo ariʼuuf gargaaraa akka turan ibsu. Baroota 1800 keessa Ameerikaa Kaabaatti qaysiriin sun buqqeedhaan bakka buufame. Maaliif? Buqqeen baayʼinaan kan argamuu fi uruun, akkasumas boca itti baasuun salphaa waan taʼeefi.

Haaloowiiniin namoota Waaqayyoon hin beeknerraa dhufuunsaa miidhaa fidu qabaa?

Eeyyee. Namoonni tokko tokko Haaloowiiniin ayyaana nama bashannansiisu akka taʼetti yoo yaadanis, barsiifanni ayyaanichaa wajjin walqabate barumsa Kitaaba Qulqulluu wajjin kallattiidhaan wal faallessa. Haaloowiiniin barumsa amantii sobaa waaʼee namoota duʼanii fi hafuurota hamoo ykn jinniiwwanii ibsanirratti kan hundaaʼedha.

Waaqayyo barsiifata Haaloowiinii wajjin walqabataniif ilaalcha akkamii akka qabu hubachuuf caqasoota armaan gadii ilaali:

  • “Namni eker dubbistuu yookiin raagduu gaafatu yookiin namni warra duʼan gaafatu si gidduutti hin argamin.”—Keessa Deebii 18:11-12.

    Hiikni isaa: Waaqayyo warra duʼanii wajjin wal arguuf carraaqqii akka goonu ykn wanta warra duʼanii wajjin dubbachuuf yaalii gochaa akka jirru argisiisu akka goonu hin barbaadu.

  • “Warri duʼan . . . homaa hin beekan.”—Lallaba 9:5.

    Hiikni isaa: Warri duʼan waan tokkoyyuu waan hin beekneef namoota lubbuudhaan jiran haasofsiisuu hin dandaʼan.

  • “Isin jinniiwwanii wajjin qooda akka qabaattan hin barbaadu. Xoofoo Yihowaa fi xoofoo jinniiwwanii keessaa dhuguu hin dandeessan.”—1 Qorontos 10:20, 21.

    Hiikni isaa: Namoonni surraa Waaqayyoo argachuu barbaadan jinniiwwanii wajjin walitti dhufeenya uumuu hin qaban.

  • “Malawwan haxxummaa Diyaabilos [mormaa dhaabadhaa] . . . sababiin isaas, waldhaansoon keenya . . . humnoota hafuurota hamoo . . . wajjini dha.”—Efesoon 6:11, 12.

    Hiikni isaa: Kiristiyaanonni hafuurota hamoo mormuu qabu malee isaanii wajjin hariiroo uumuu hin qaban.

a Kitaaba Halloween: An American Holiday, an American History, jedhamu fuula 4 ilaali.

Haaloowiinii jedhamee kan waamame maaliifi?

Maqaan Haaloowiinii jedhu ayyaana Saamheen isa namoonni Waaqayyoon hin beekne ayyaaneffatanii wajjin walitti dhufeenya qaba. Kitaabni World Book Encyclopedia akkana jedha: “Saamheen . . . jechuun xumura waqtii bonaa jechuudha. Ayyaanichi waqtiin gannaa inni dukkanaaʼaa taʼe jalqabuu isaa kan argisiisu yeroo taʼu naannoo Sadaasa 1 ayyaaneffatama. Dh.K.B. 700 hanga 800​tti Waldaan Kiristiyaanaa ayyaana haaraa ‘Guyyaa Qulqullootaa’ (All Saints Day) jedhamu hundeessite. Ayyaanni kun ‘All Hallows’ jedhamees ni waamama ture. Hallow jechuun qulqulluu jechuudha. Jala bultiin ayyaana All Hallows, All Hallows Eve ykn All Hallow eʼen jedhamee waamama ture. Yeroo booda gabaabaatti Haaloowiinii jedhamee waamamuu jalqabe.”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi