LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lv boq. 13 ful. 144-159
  • Ayyaanawwan Waaqayyoon Hin Gammachiisne

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ayyaanawwan Waaqayyoon Hin Gammachiisne
  • “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • WAAQEFFANNAAN ADUU—AYYAANA QILLEE JEDHAMEE MOGGAAFAME
  • MACAAFNI QULQULLUUN WAA’EE GUYYAA DHALOOTAA MAAL JEDHA?
  • WAAQEFFANNAA WAL HORMAATAA—DU’AA KA’UU KIRITOS ARGISIISA JEDHAMEE YAADAMU
  • HALOOWIIN—AYYAANA QULQULLUU HIN TAANE
  • GUYYAAN CIDHAKEE QULQULLUU HAA TA’U
  • XOOFOO OL FUUDHUUN AMANTII WAJJIN WALITTI DHUFEENYA QABAA?
  • “ISIN WARRI WAAQAYYOON JAALLATTAN WANTA HAMAA JIBBAA!”
  • DUBBIIFI GOCHAAN WAAQAYYOOF ULFINA KENNUU
  • Ayyaanonni Hundi Waaqayyoon ni Gammachiisuu?
    Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
  • Waaqayyoon Waaqeffachuu Filadhu
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Waaqeffannaa Dhugaa Cina Dhaabadhu
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Rakkoo Amantiin Addadda Ta’uusaatiin Ga’u
    Dhugaa Baatota Yihowaafi Barumsa
Dabalataan Ilaaluuf
“Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
lv boq. 13 ful. 144-159
Mucaan tokko kennaa warri isaa isaaf fidan ilaaluuf banaa jira

BOQONNAA 13

Ayyaanawwan Waaqayyoon Hin Gammachiisne

“Wanta gooftaatti tolu qoraa bira ga’aa!”—EFESOON 5:10.

1. Yihowaan namoota akkamii garasaatti harkisa? Isaanoo wanta gooftaatti tolu qoranii bira ga’uuf carraaqqii gochuu kan qaban maaliifi?

YESUS “warri dhuguma sagadan, hafuuraa fi dhugaadhaan abbaadhaaf sagad[u]. . . . Abbaanis warra akkasitti isaaf sagadan in barbaada” jedheera. (Yohannis 4:23) Yihowaan namoota hafuuraafi dhugaadhaan isaaf sagadan yommuu argatu akkumakee garasaafi gara Ilmasaatti harkisa. (Yohannis 6:44) Kun mirga guddaadha! Haata’u malee, Seexanni nama gowwoomsuudhaan baay’ee haxxee waan ta’eef, namoonni dhugaa Macaafa Qulqulluu jaallatan ‘wanta gooftaatti tolu qoranii bira ga’uu’ qabu.—Efesoon 5:10; Mul’ata 12:9.

2. Yihowaan namoota amantii dhugaa isa sobaa wajjin waliin makuu yaalan akkamitti akka ilaalu ibsi.

2 Israa’eloonni naannoo Tulluu Siinaa yommuu turan Aaron waaqayyolii waaqessan akka tolchuuf yommuu gaafatan maaltu akka uumame qalbeeffadhu. Innis tole jedhee dibicha warqee hojjeteef; dibichi kunis yaada Yihowaa bakka bu’a jedhu kan dabarsu ture. Aaronis, “Bor ulfina gooftichaatiif guyyaa ayyaanaa haa ta’u” jedhe. Yihowaan waaqeffannaa dhugaa isa sobaa wajjin walitti makame kana callisee ilaalee? Matumaa! Warra waaqayyolii tolfamoo waaqessan keessaa namoonni kuma sadii ta’an akka ajjeefaman godheera. (Ba’uu 32:1-6, 10, 28) Kanarraa maal barachuu qabna? Jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguuf, ‘wanta xuraa’aa harkaan qabuus’ ta’e homtinuu dhugaa akka hin xureessine jabinaan eeguu qabna.—Isaayaas 52:11; Hisqi’el 44:23; Galaatiyaa 5:9.

3, 4. Duudhaawwaniifi ayyaanawwan beekamoo ta’an yommuu qorru seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluutiif xiyyeeffannaa kennuu kan qabnu maaliifi?

3 Kan nama gaddisiisu garuu, ergamoonni Yesus warri gantummaan akka hin babal’anne cimsanii eegaa turan erga du’anii booda, namoonni dhugaaf jaalala hin qabneefi Kiristiyaanota ofiin jedhan ni ka’an. Isaanis, duudhaa, guyyoota ayyaanaa namoota saba Waaqayyoo hin ta’in biraa dhufan Kiristiyaanota biratti fudhatama qabu jechuudhaan kabajuu jalqaban. (2 Tasaloniiqee 2:7, 10) Ayyaanawwan kana keessaa tokko tokko yommuu qortu, hafuura Waaqayyoo utuu hin ta’in kan biyya lafaa kan calaqqisan akkamitti akka ta’e qalbeeffadhu. Walumaa galatti, ayyaanawwan addunyaa wanta itti wal fakkaatan qabu: Isaanis, hawwii foonii kan kakaasan, gochawwan amantii sobaafi hojii hafuurota xuraa’oo kan babal’isan yommuu ta’an, kunimmoo mallattoo ‘Baabilon Guddittiin’ ittiin beekamtudha.a (Mul’ata 18:2-4, 23) Yihowaan duudhaawwan yeroo ammaatti baay’ee baramaa ta’aniifi gochawwan ciiggaasisoo saba Waaqayyoo hin taanerraa maddan akka ilaalus yaadadhu. Har’as ayyaanawwan akkasii akka ciigga’amootti akka ilaalu homaa hin shakkisiisu. Wanti hunda caalaa barbaachisaa ta’e ilaalcha Yihowaa ta’uu hin qabuu?—2 Yohannis 6, 7.

4 Kiristiyaanota dhugaa waan taaneef, ayyaanawwan Yihowaa hin gammachiisne akka jiran beekna. Haata’u malee, wanti kana caalaa barbaachisu karaa kamiiniyyuu, yaada keenyaanillee ayyaanawwan kanarratti hirmaachuurraa fagaachuuf murtoo gochuu qabna. Sababii Yihowaan ayyaanawwan akkasiitti hin gammanne qoruun keenya, wanta jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguuf gufuu nutti ta’u kamirraayyuu fagaachuuf murtoo goone nuu jabeessa.

WAAQEFFANNAAN ADUU—AYYAANA QILLEE JEDHAMEE MOGGAAFAME

5. Yesus Muddee 25 (akka lakkoofsa Itoophiyaatti Muddee 29) akka hin dhalanne mirkanaa’oo ta’uu kan dandeenyu maaliifi?

5 Macaafni Qulqulluun guyyaan dhaloota Yesus kabajamuusaa ilaalchisee wanta ibsu hin qabu. Guyyaan dhalootasaas sirriitti hin beekamu. Naannoo inni itti dhalatetti yeroo qorri gannaa garmalee jabaatu, jechuunis Muddee 25 (akka lakkoofsa Itoophiyaatti Muddee 29) akka hin dhalanne mirkanaa’oodha.b Sababii tokkoffaan akkas jechuuf nu dandeessisus, yeroo Yesus dhalate ‘tiksoonni bakkeetti hoolota isaanii in eegu turan’ jechuun seenaan Luqaas galmeesse waan ibsuufidha. (Luqaas 2:8-11) Tiksitoonni kun waggaa guutuu “bakkeetti” hoolotasaanii eeguun barsiifata waggaa guutuu godhan utuu ta’ee, yeroon kun adda baafamee ibsamuunsaa barbaachisaa hin ta’u ture. Haata’u malee, ji’a gannaatti Betlihemitti bokkaafi cabbiin garmalee waan baay’atuuf, akkasumas yeroo kanatti hoolonni waan gadi hin yaafamneef tiksitoonni “bakkee” hin bulan. Kana malees, Yoseefiifi Maariyaam gara Betlihem kan dhaqan Awugusxos mootichi lakkoofsi uummataa akka taasifamu waan abboomeef ture. (Luqaas 2:1-7) Awugusxos uummanni bulchiinsa warra Roomaa jibbu yeroo gannaa garmalee qorru kanatti lakkaa’amuuf gara biyyasaanii akka dhaqan isaan ajaja jedhanii yaaduun ulfaataadha.

6, 7. (a) Duudhaawwan Ayyaana Qillee hedduun eessaa maddan? (b) Kennaa guyyaa Ayyaana Qilleetti kennamuufi Kiristiyaanonni kennan gidduu garaagarummaa maaliitu jira?

6 Ayyaanni Qillee Caaffata Qulqullaa’oorratti kan hundaa’e miti; kanaa mannaa ayyaanawwan bara durii namoonni saba Waaqayyoo hin ta’in ayyaaneffatanirraa, jechuunis ayyaana warra Roomaa Saatarnaaliyaa jedhamuufi waaqa qonnaa isa Saatarn jedhamu ol ol godhurraa kan maddedha. Haaluma wal fakkaatuunis, namoonni waaqa Mitraa jedhamu waaqeffatan Muddee 25 “guyyaa dhaloota aduu ishee hin mo’amnee,” jedhanii kabajaa akka turan Niwuu Kaatolik Insaaykiloopiidiyaan dubbateera. “Ayyaanni Qillee kabajamuu kan jalqabe keessumaa biyya Roomaatti yeroo waaqeffannaan aduu baay’ee babal’atetti,” jechuunis Kiristos erga du’ee naannoo waggaa dhibba sadii boodadha.

Kiristiyaanonni dhugaan jaalalaan kaka’anii kennu

7 Akkuma Ayyaana Qilleerratti kennaa waliif kennan, saboonni Waaqayyoon hin beekne kunis ayyaanawwan kana yommuu kabajan kennaa walii kennuusaaniirrayyuu, nyaata hedduu nyaatu turan. Barsiifanni akkasii ayyaana Qillee yeroo har’aatti kabajamurrattis kan mul’atu si’a ta’u, har’as akkuma bara warra Roomaa namoonni kennaa kan waliif kennan hafuura 2 Qorontos 9:7⁠rratti: “Namni adduma addaan garaa duuba yookiis giddiidhaan utuu hin ta’in, akka garaa isaatti murtoo godhetti kennuutu isaaf ta’a; Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu in jaallata” jedhuun kaka’anii akka hin taane beekamaadha. Kiristiyaanonni dhugaa jaalalaan malee, guyyaa addaa eeganii ykn dugda deebifachuu barbaadanii walii kennu miti. (Luqaas 14:12-14; Hojii Ergamootaa 20:35) Kanaa mannaa hunkurama jalbultii Ayyaana Qilleetti godhamu, baasii barbaachisaa hin taaneefi liqii namoonni hedduun ayyaana kana kabajuuf liqeeffatanirraa walaba ta’uusaanii baay’ee dinqisiifatu.—Maatewos 11:28-30; Yohannis 8:32.

8. Kennaan ogeeyyiin urjii lakkaa’an Yesusiif kennan kennaa guyyaa dhalootaatti kennamudhaa? Ibsi.

8 Haata’u malee, akka namoonni tokko tokko jedhan kennaan ogeeyyiin urjii lakkaa’an Yesusiif kennan, kennaa guyyaa dhalootaa mitii? Matumaa! Bara durii nama bakki guddaan kennamuuf kennaa kennuun bal’inaan kan beekamu si’a ta’u ogeeyyiin urjii lakkaa’anis kan godhan kanuma ture. (1 Mootota 10:1, 2, 10, 13; Maatewos 2:2, 11) Kan isaan dhufanis halkan Yesus dhalatetti miti. Yeroo achi ga’an Yesusiin kan argan mucaa reefuu dhalateefi siree horiin midhaan irraa nyaatanirra ciisu utuu hin ta’in, ji’oonni hedduun erga darbanii booda mana keessatti ture.

Ayyaanicharratti Hirmaadhuu?

Obboleettiin takka  bakka hojii ishee ayyaana waggaatiif mimidhagsuu irratti hirmaachuu akka hin barbaanne ibsaa jirti

Seera bu’uuraa: “Isaan keessaa adeemaa, ittii gargar ba’aas; wanta xuraa’aa harkaan hin qabinaa! Anis isinan simadha, jedha gooftaan.”—2 Qorontos 6:17.

Ayyaana ykn duudhaa beekamaa ilaalchisee gaaffiiwwan of gaafachuu qabdu tokko tokko

  • Hafuura xuraa’ummaa dabalatee, ragaan gocha ykn barumsa amantii sobaarraa madduusaa ifatti argisiisu jiraa?—Isaayaas 52:11; 1 Qorontos 4:6; 2 Qorontos 6:14-18; Mul’ata 18:4.

  • Nama, dhaabbata ykn mallattoo biyyoolessaatiif ulfina waaqeffannaa wajjin walgitu kan kennudhaa?—Ermiyaas 17:5-7; Hojii Ergamootaa 10:25, 26; 1 Yohannis 5:21.

  • Sanyii ykn gosa tokko isa kaanirra kan caalchisudhaa?—Hojii Ergamootaa 10:34, 35; 17:26.

  • Hafuura Waaqayyoo mormuudhaan “hafuura biyya lafa” kan calaqqisudhaa?—1 Qorontos 2:12; Efesoon 2:2.

  • Irratti hirmaachuunkoo warra kaan kan gufachiisudhaa?—Roomaa 14:21.

  • Irratti hirmaachuu dhiisuu yoon filadhe, sababiisaa karaa ulfina qabuun warra kaaniif ibsuu kanan danda’u akkamitti?—Roomaa 12:1, 2; Qolosaayis 4:6.

Caqasawwan armaan gadii gaaffiiwwan ayyaana beekamoo ilaalchisee ka’an deebisuuf gargaaruu danda’u:

  • “[Israa’eloonni amanamoo hin taane] saba lafa irraa wajjin wal makan, waan isaan hojjetanis hojjechuu in baran.”—Faarfannaa 106:35.

  • “Waan baay’ee xinnoo irratti amanamaa kan ta’e, waan guddaa irrattis amanamaa in ta’a; waan baay’ee xinnoo irratti amanamaa kan hin ta’in waan guddaa irratti immoo amanamaa hin ta’u.”—Luqaas 16:10.

  • “Isin kan biyya lafaa [miti].”—Yohannis 15:19.

  • “Maaddii gooftaa irraa akkasumas maaddii hafuurota hamootaa irraa hirmaachuu hin dandeessan.”—1 Qorontos 10:21.

  • “Wanta warri saba Waaqayyoo hin ta’in hojjechuu jaallatan hojjechuudhaan, yeroon isin dabarsitan in ga’a. Bara sanatti gad-dhiisatti, hawwa keessan raawwachuutti, machiitti, gar-malee nyaachuutti, gar-malee dhuguutti, waaqayyolii tolfamaniif sagaduu keessattis karaa baay’ee seera Waaqayyoo irra daddarbuutti jiraachaa turtan.”—1 Phexros 4:3.

MACAAFNI QULQULLUUN WAA’EE GUYYAA DHALOOTAA MAAL JEDHA?

9. Guyyoota dhalootaa Macaafa Qulqulluurratti ibsamanirratti maaltu raawwatame?

9 Mucaan dhalachuun yeroo hundaa kan nama gammachiisu ta’us, Macaafni Qulqulluun tajaajiltoota Waaqayyoo guyyaa dhalootaasaanii kabajan ilaalchisee waan ibse hin qabu. (Faarfannaa 127:3) Kun kan ta’e dagatameetii? Waawuu, guyyaan dhalootaa namoota lamaa jechuunis, kan Fara’on mootii Gibxiifi kan Herodos ibsameera. (Uumama 40:20-22; Maarqos 6:21-29) Haata’u malee lamaanuu kan ibsaman karaa nama gaddisiisuun yommuu ta’u, keessumaa guyyaa dhaloonni Herodos kabajametti mormi Yohannis Cuuphaa kutameera.

10, 11. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa guyyaa dhalootaa kabajuuf ilaalcha akkamii qabu turan? Maaliif?

10 Za Worlid Buuk Insaaykiloopiidiyaan, “Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa . . . guyyaa dhalootaa nama kamiiyyuu kabajuun barsiifata saboota Waaqayyoon hin beeknee godhanii ilaalu turan” jedheera. Fakkeenyaaf, Giriikonni durii namni hundi guyyaa dhalatee kaasee hafuura umriisaa guutuu isa eegu tokko qaba jedhanii amanu turan. Kitaabni Za Loor oov Barzideeyis jedhamu, hafuura kana ilaalchisee, “guyyaa namni kun dhalatetti waaqa guyyaan dhalootaasaa kabajamuufii wajjin walitti dhufeenya iccitii ta’e qabu turan” jechuudhaan ibsa. Akkasumas, guyyaa dhalootaa kabajuun urjii lakkaa’uu wajjin walitti dhufeenya bara dheeraa qaba.

“Guyyoota Ayyaanaafi Waaqeffannaa Seexanaa

mantii waaqeffannaa Seexanaa jedhamu keessatti, guyyaan hundarra caalu guyyaa dhalootaa ta’uunsaa xiyyeeffannaa namootaa kan harkisudha. Maaliif? Sababiinsaas, waaqeffattoonni Seexanaa namni tokko akka waaqaatti of ilaaluu yoo filate waaqadha jedhanii waan amananiifidha. Kanaaf, namni tokko guyyaa dhalootasaa kan kabaju taanaan, guyyaa dhaloota waaqa tokko kabaja jechuudha. Namoonni hedduun amala garmalee of gurguddisuu akkasii akka hin qabaanne beekamaadha. Ta’us, kitaabni Za Loor oov Barzideeyis jedhamu, “Guyyoonni ayyaanaa kaan garaa namaa kan gammachiisan yommuu ta’u, guyyaan dhalootaa garuu namni tokko ol ol godhee akka of ilaalu godha” jedha.

Akka kaalandariin waaqeffattoota Seexanaa ibsutti, ayyaanni bakki guddaan kennamuuf kaanimmoo Vaalpurgas Naayitiifi Haloowiinidha. Kitaabni Weebistarsi Koleegeet Dikshinarii jedhamu jecha Vaalpurgas Naayit jedhu “Jalbultii Meey Deey isa bakka namoonni hooda dubbatan itti walga’an” jechuudhaan hiikeera.

11 Tajaajiltoonni Waaqayyoo dur turan guyyaa dhalootaa utuu hin kabjin kan hafan, duudhaan kun saboota Waaqayyoon hin beeknerraa waan maddeefi hojii hafuurota xuraa’oo wajjin walitti dhufeenya waan qabuuf qofa utuu hin ta’in, haala ejjennoosaanii wajjin wal qabateenis ta’uu danda’a. Akkas kan jennu maaliifi? Dhiironniifi dubartoonni amala gad of deebisuu qaban kun guyyaan dhalootasaanii akka waan baay’ee barbaachisaa ta’eetti ilaalamee akka kabajamuuf hin barbaadan turan.c (Miikiyaas 6:8; Luqaas 9:48) Kanaa mannaa Yihowaaf ulfina kennuusaaniirrayyuu, jireenya baay’ee gati jabeessa ta’e waan isaaniif kenneef Waaqayyoon galateeffataniiru.d—Faarfannaa 8:3, 4; 36:9; Mul’ata 4:11.

12. Guyyaan du’aa, guyyaa dhalootaa keenyarra kan wayyu akkamitti?

12 Namoonni amanamummaasaanii eeganii du’an hundi yaadannoo Waaqayyoo keessa kan jiran si’a ta’u, jireenyisaanii inni fuulduraas abdii kan qabudha. (Iyoob 14:14, 15) Lallabni 7:1, “Urgooftuu gaarii irra, maqaa gaarii wayya; guyyaa dhalatan irra, guyyaa du’an wayya” jedha. ‘Maqaan’ keenya, maqaa gaarii amanamummaan Waaqayyoon tajaajiluun arganne kan argisiisudha. Kiristiyaanonni guyyaa dhalootaa utuu hin ta’in guyyaa du’a Yesus qofa akka kabajan ajajamuunsaanii xiyyeeffannaa namootaa kan hawwatu yommuu ta’u, “maqaa” gaariin Yesus argates fayyina keenyarratti shoora guddaa qaba.—Luqaas 22:17-20; Ibroota 1:3, 4.

WAAQEFFANNAA WAL HORMAATAA—DU’AA KA’UU KIRITOS ARGISIISA JEDHAMEE YAADAMU

13, 14. Duudhaawwan Ayyaana Du’aa Ka’uurratti kabajamaniifi beekamaa ta’an maddisaanii maalidha?

13 Ayyaanni Du’aa Ka’uu, guyyaa Kiristos itti du’aa ka’e argisiisa jedhamee yaadamu amantii sobaarraa kan maddedha. Jechi afaan Ingiliffaa Istar jedhuufi waaqayyittii bariifi birraa saboonni Angiloo-Saaksan jedhaman waaqeffatan, jechuunis Istiree ykn Ostiraa wajjin walitti dhufeenya kan qabudha. Hanqaaquufi illeettii Ayyaana Du’aa Ka’uurratti fayyadamuun kan jalqabame akkamitti? Insaaykiloopiidiyaa Biriitaanikaan, hanqaaquun “jireenya haaraafi du’aa ka’uuf mallattoo hunda caalu” yommuu ta’u, illeettiinimmoo, waggoota dheeraaf wal hormaataaf mallattoo akka taate ibsa. Kanaaf, waaqeffannaa wal hormaataatu Ayyaana Du’aa Ka’uu Kiristos argisiisa jedhamee ayyaaneffatama jechuudha.e

14 Yihowaan du’aa ka’uu Ilmasaa sirna waaqeffannaa waaqa wal hormaataa ciiggaasisaa ta’een akka yaadatamu ni heyyamaa? Matumaa! (2 Qorontos 6:17, 18) Caaffanni Qulqullaa’oon du’aa ka’uu Yesus akka kabajnuuf ajajas ta’e heyyama nuu hin kennine. Kanaaf, maqaa Ayyaana Du’aa Ka’uutiin, ayyaana waaqayyittii wal hormaataa kabajuun caalaatti amanamummaa dhabuu ta’a.

HALOOWIIN—AYYAANA QULQULLUU HIN TAANE

15. Maddi Haloowiin maalidha? Guyyaa ayyaana kana kabajuuf filatame ilaalchisee maal jechuutu danda’ama?

15 Ayyaanni Haloowiin inni Onkoloolessa 31 galgala kabajamu, hooda dubbachuu, bineensota nama sodaachisan, uffannaa nama kolfisiisuufi nama dinqisiisu uffachuu wajjin kan wal qabate yommuu ta’u, Jalbultii Guyyaa Qulqulloota Hundaa jedhamuudhaanis ni beekama. Ayyaanni kun saboota Biriitaaniyaafi Ayerlaand bara durii Seelt jedhamuun beekamanirraa madde. Naannoo Sadaasa 1 yommuu baatiin goobantu ayyaana Saawuhen jedhamuufi hiika “Xumura Bonaa” jedhamu qabu kabaju turan. Ayyaanni Saawuhen yommuu kabajamu wanti namoota addunyaa hafuuraattii adda baasu waan banamuuf, hafuuronni gaariinis ta’an hamoon lafarra deddeebi’u jedhanii amanu turan. Lubbuun namoota du’anii gara manasaaniitti deebi’u jedhamee waan yaadamuuf, maatiiwwansaanii isaan gammachiisuuf jecha wantoota nyaataniifi dhugan qopheessanii ka’uuf. Kanaaf, yeroo har’aatti ijoolleen uffannaa nama sodaachisu ykn qaalluu isaan fakkeessu uffatanii manaa gara manaatti yommuu adeeman, kennaan isaaniif kennamuu baannaan hamminaan wanta tokko akka geessisan yeroo namoota doorsisan utuu isaanitti hin beekamin seerri ayyaana Saawuhen eegamee akka turu gochaa jiru jechuudha.

GUYYAAN CIDHAKEE QULQULLUU HAA TA’U

16, 17. (a) Kiristiyaanonni gaa’ela dhaabbachuu barbaadan duudhaawwan naannoosaaniitti argamaniifi cidhaa wajjin walitti dhufeenya qaban seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluurratti hundaa’anii qoruu kan qaban maaliifi? (b) Aadaawwan ruuziifi wantoota garabiraa facaasuu ilaalchisee wantoonni Kiristiyaanonni hubannoo keessa galchuu qaban maalfa’i?

16 Yeroo “sagaleen dhirsa misirroofi kan misirroo deebi’ee [Baabilon Guddittii] keessatti hin dhaga’am[ne]” dhihaateera. (Mul’ata 18:23) Maaliif? Wantoota kanaaf sababii ta’an keessaa inni tokko, gochawwan hafuurota xuraa’oo guyyaa gaa’elichi jalqabee kaasee xureessan waan raawwattuufidha.—Maarqos 10:6-9.

17 Aadaawwan biyyaa biyyaatti garaagarummaa qabu. Duudhaawwan miidhaa hin geessisan jedhamanii yaadaman keessaa tokko tokko, duudhaawwan Baabilon misirrootaaf ykn keessummootaaf “milkii” gaarii argamsiisu jedhurraa kan maddan ta’uu danda’u. (Isaayaas 65:11) Aadaawwan kana keessaa tokko ruuzii ykn wanta garabiraa facaasuu kan dabalatu ta’uu danda’a. Gochi akkasiimmoo, midhaan dheekkamsa hafuurota hamoo waan qabbaneessuuf, amantii misirrootarra miidhaa akka hin geessisne taasisa jedhurraa kan madde ta’uu danda’a. Kana malees, ruuziin wal hormaata, gammachuufi umrii dheeraa jiraachuu wajjin walitti dhufeenya iccitii ta’e qaba jedhamee bara dheeraaf itti amanamaa tureera. Namoonni jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguu barbaadan hundi duudhaa xuraa’aa akkasiirraa akka fagaatan beekamaadha.—2 Qorontos 6:14-18.

18. Namoonni gaa’ela dhaabbachuu barbaadanis ta’e sirnicharratti argaman seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu warra kamtu qajeelfama isaaniif ta’uu qaba?

18 Haaluma wal fakkaatuunis tajaajiltoonni Yihowaa, ilaalcha gaa’elaafi cidhaaf qabanirratti duudhaawwan biyya lafaa ulfina Kiristiyaanummaasaanii dhabsiisan ykn yaada garaa warra kaanii miidhanirraa ni fagaatu. Fakkeenyaaf, waa’ee misirrootaa yaada kennuu yoo barbaadan, dubbii cigoo qabu ykn karaa kallattii hin taaneen ergaa yaada saalqunnamtii ibsu dubbachuurraa kan of qusatan ta’uusaaniirrayyuu, qoosaa misirrootas ta’e namoota kaan yeellaasisu hin dubbatan. (Fakkeenya 26:18, 19; Luqaas 6:31; 10:27) Kana malees, cidha gara darbaa qopheessuufi “jireenyaan kooruu” ykn yaada na argaa jedhu hin calaqqisan. (1 Yohannis 2:16) Cidha qopheessuu yaadnaan, Yihowaan yeroo hundaa guyyaa addaa kana gammachuun akka yaadattu malee kan itti gaabbitu akka ta’u akka hin barbaanne matumaa hin dagatin.f

XOOFOO OL FUUDHUUN AMANTII WAJJIN WALITTI DHUFEENYA QABAA?

19, 20. Barreeffamni tokko duudhaa xoofoo ol kaasuu ilaalchisee maal jedhe? Kunoo Kiristiyaanota biratti fudhatama kan hin qabne maaliifi?

19 Cidhaaf afeerriiwwan garabiraarratti xoofoo ol fuudhuudhaan hawwii gaarii akka qaban ibsuun baramaadha. Intarnaashinaal Haandibuuk oon Alkool end Kaalchar jedhamu bara 1995⁠tti akkas jedheera: “Xoofoo . . . ol fuudhuun yeroo ammaatti amantii wajjin haala wal qabateen itti hojjetamuu baatus duudhaawwan aarsaa dhugaatii qulqulluu ta’anii bara durii waaqayyoliif . . . dhihaatanii wajjin walitti dhufeenya qabaachuu danda’a; aarsaan dhugaatii kunis kadhannaa hawwii gaarii ‘abaluuf umrii dheeraa!’ ykn ‘fayyaakeetiif haa ta’u!’ jedhu qaba.”

20 Dhugaadha, namoonni hedduun xoofoo ol fuudhuun gocha amantii hafuurota xuraa’oo wajjin walitti dhufeenya qabu godhanii hin ilaalan ta’a. Ta’us, duudhaan xoofoo wayinii ol fuudhuu qaamota humna namootaa ol ta’e qabanirraa gargaarsa argachuu barbaaduu ykn akka “samiirraa” eebba argachuuf kadhachuutti ilaalamuu danda’a. Kunimmoo yaada Macaafa Qulqulluurratti argamuu wajjin kan wal faallessudha.—Yohannis 14:6; 16:23.g

“ISIN WARRI WAAQAYYOON JAALLATTAN WANTA HAMAA JIBBAA!”

21. Namoota biratti kan jaallatamaniifi madda amantii of keessaa qabaachuu baatanis, Kiristiyaanonni ayyaanawwan akkamiirraa fagaachuu qabu? Maaliif?

21 Biyyoonni tokko tokko, shubbisa fedhii saalqunnamtii kakaasan, ayyaanawwan kaarniivaals ykn Maardii Giraas jedhamuufi saalqunnamtii saala wal fakkaatu gidduutti raawwatamu ol ol godhan qopheessu; ayyaanawwan kallattiinis ta’e karaa kallattii hin taaneen Baabilon Guddittiidhaan deggeraman kun biyyi lafaa hammam akka manca’e argisiisu. Namni ‘Yihowaa jaallatu’ tokko ayyaana akkasiirratti argamuunsaa ykn ilaaluunsaa sirrii ta’aa? Akkas gochuunsaa wanta hamaa garaasaatii akka jibbu argisiisaa? (Faarfannaa 1:1, 2; 97:10) Fakkeenya faarfatichaa isa, “Ija koo wanta waa’ee hin baafne ilaaluu irraa jal’isi” jedhee kadhate hordofuun baay’ee gaariidha!—Faarfannaa 119:37.

22. Kiristiyaanni tokko yaada garaasaarratti hundaa’ee ayyaana tokkorratti hirmaachuu ykn dhiisuu ilaalchisee murtoo gochuu kan danda’u yoomi?

22 Kiristiyaanni tokko guyyoota ayyaanawwan garagaraa itti kabajamanitti wanta namoonni kan innis ayyaana kana ni kabaja jedhanii akka yaadan godhu kamiyyuu raawwachuurraa of qusata. Phaawulos, “yoo nyaattan yookiis yoo dhugdan yookiis waanuma hojjettan hundumaa ulfina Waaqayyoof hojjedhaa!” jechuun barreesseera. (1 Qorontos 10:31; saanduqa “Murtoo Ogummaarratti Hundaa’e Gochuu” jedhu ilaali.) Karaa garabiraammoo aadaan ykn ayyaanni tokko amantii sobaarraa akka hin dhufne ifatti kan beekamu, siyaasa ykn sabboonummaa wajjin walitti dhufeenya kan hin qabneefi seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu kan hin cabsine yoo ta’e, Kiristiyaanonni hundi ayyaana kanarratti hirmaachuuf dhiisuu ilaalchisee murtoo gochuu isaan barbaachisa.

DUBBIIFI GOCHAAN WAAQAYYOOF ULFINA KENNUU

23, 24. Waa’ee seera Yihowaa isa qajeelummaarratti hundaa’e akka gaariitti dhugaa ba’uu kan dandeenyu akkamitti?

23 Namoonni hedduun guyyoota ayyaanaa baramoo ta’an itti kabajaman carraa firootaa wajjin wal argan godhanii ilaalu. Kanaaf, namni tokko ejjennoon keenya inni Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e jaalala kan hin qabne ykn kan gara darbee akka ta’e yoo itti dhaga’ame, Dhugaa Baatonni Yihowaa maatiifi jaalleewwansaanii wajjin yeroo gaarii dabarsuun akka itti tolu gaarummaadhaan ibsuufii dandeenya. (Fakkeenya 11:25; Lallaba 3:12, 13; 2 Qorontos 9:7) Namoota jaallannuu wajjin guyyoota waggaa keessatti argaman hundaatti wal arginee haasofna. Haata’u malee, Waaqayyoofi seerasaa warra qajeelummaarratti hundaa’aniif jaalala guddaa waan qabnuuf, guyyoota nama gammachiisan akkasii duudhaawwan isa gaddisiisaniin mancaasuu hin barbaannu.—Saanduqa “Waaqeffannaan Dhugaa Gammachuu Guddaa Argamsiisa” jedhu ilaali.

Waaqeffannaan Dhugaa Gammachuu Guddaa Argamsiisa

Yihowaan “Waaqa gammadaa” waan ta’eef tajaajiltoonnisaas akka gammadan barbaada. (1 Ximotewos 1:11, NW) Kun dhugaa ta’uunsaa caqasawwan armaan gadiirratti mul’ateera:

  • “Garaa gammachuu qabuuf . . . guyyaan hundinuu cidha.”—Fakkeenya 15:15.

  • “Namni bara jireenya isaatti wanta gaarii hojjetee itti gammaduu irra kan caalu wanta tokko illee gochuu akka hin dandeenye nan beeka; namni hundinuu nyaatee, dhugee, wanta itti dadhabettis gammaduun kennaa Waaqayyooti.”—Lallaba 3:12, 13.

  • “Namnarjaan garuu arjoomuuniyaada; arjummaatis jabaateenijiraata.”—Isaayaas 32:8, hiika bara 1899.

  • “Isin warri itti dhamaatanii dadhabdan, ba’aanis kan isinitti ulfaatu hundinuu gara koo kottaa; ani [Yesus] boqonnaa isiniifan kenna. . . . Waanjoon koo nama hin dhibu, ba’aan namni anaaf jedhee baatus salphaa dha.”—Maatewos 11:28, 30.

  • “Dhugicha in hubattu; dhugichis birmaduu isin in baasa.”—Yohannis 8:32.

  • “Namni adduma addaan garaa duuba yookiis giddiidhaan utuu hin ta’in, akka garaa isaatti murtoo godhetti kennuutu isaaf ta’a; Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu in jaallata.”—2 Qorontos 9:7.

  • ‘Iji hojii hafuuraa, jaalala, gammachuu, nagaa, gaarummaa, arjummaadha.’—Galaatiyaa 5:22.

  • “Wanti ifa keessaa ba’u, gaarummaa, qajeelummaa, dhugaa hundumaa keessatti in argama.”—Efesoon 5:9.

24 Dhugaa Baatonni Yihowaa tokko tokko garaa qulqulluun kaka’anii namoota gaaffii isaan gaafataniif kitaaba yaadawwan Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu boqonnaa 16rratti argamaniin fayyadamuudhaan bu’aa gaarii argataniiru.h Haata’u malee, kaayyoon keenya namoota gara waaqeffannaa dhugaatti harkisuu malee wal falmuudhaan isaan mo’uu akka hin taane yaadadhu. Kanaaf, ulfinaafi nama safeeffachuudhaan, akkasumas “haasaan [kee] yeroo hundumaa gurratti kan tolu, akka soogiddaas miyaa’aa haa ta’u.”—Qolosaayis 4:6.

25, 26. Warri, jaalalli ijoolleensaanii Waaqayyoof qaban akka guddatuufi amantiinsaanii akka jabaatu gargaaruu kan danda’an akkamitti?

25 Tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef akka gaariitti baranneerra. Sababii wantoota tokko tokkotti amannuufi goonu, warra kaanirraammoo kan fagaannu maaliif akka ta’e beekna. (Ibroota 5:14) Kanaaf, warra kan taatan ijoolleen keessan seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluurraa ragaa dhiheessuu akka danda’an barsiisaa. Akkas gochuudhaanis, amantiisaanii jabeessitu, namoota waa’ee amantiisaanii isaan gaafataniif Macaafa Qulqulluurraa deebii akka kennan isaan leenjistu, Yihowaan akka isaan jaallatus ni mirkaneessituuf.—Isaayaas 48:17, 18; 1 Phexros 3:15.

26 Namoonni Waaqayyoof “hafuuraa fi dhugaadhaan” sagadan hundi, ayyaanawwan Macaafa Qulqulluurratti hin hundoofne kabajuurraa fagaachuun qofa hin daangeffaman; kanaa manaa jireenyasaanii hundaan amanamoo ta’uuf carraaqu. Yeroo har’aatti namoonni hedduun amanamaa ta’uun waan hin danda’amne godhanii yaadu. Haata’u malee, akkuma boqonnaa ittaanurratti ilaallu, daandiin Waaqayyoo yoomiyyuu hundarra kan caaludha.

a Saanduqa “Ayyaanicharratti Hirmaadhuu?” jedhu ilaali. Baafanni Barreeffamoota Masaraa Eegumsaa Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e ayyaanawwan hedduu caqaseera. (Ingiliffa)

b Akka lakkoofsi bara Macaafa Qulqulluufi seenaan addunyaa ibsutti, Yesus kan dhalate Dh.K.D. bara 2⁠tti jechuunis, ji’a Yihudootaa isa Etaaniim jedhamuufi akka lakkoofsa bara keenyaatti Fulbaana/Onkoloolessarra ooluttidha.—Kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’eefi Caaffata Qulqullaa’oo Gad Fageenyaan Hubachuu, jedhamu Jildii 2, fuula 56-7 ilaali. (Ingiliffa)

c Saanduqa “Guyyoota Ayyaanaafi Waaqeffannaa Seexanaa,” jedhu ilaali.

d Seerri kakuu dubartiin tokko erga deessee booda aarsaa cubbuu akka dhiheessitu ajaja ture. (Lewwoota 12:1-8) Seerri cubbuun warrarraa gara ijoolleetti akka darbu yaadachiisu kun, Israa’eloonni ijoollee godhachuuf ilaalcha sirrii akka qabaataniifi duudhaa saboonni Waaqayyoon hin beekne guyyaa dhalootaaf qabanirraa akka fagaatan utuu isaan hin gargaarin hin oolu.—Faarfannaa 51:5.

e Oostireen (ykn Istireen) waaqayyittii wal hormaataa turte. Za Diikshinarii oov Miitooloojiin, “[waaqayyittiin kun] addeessa keessatti illeettii hanqaaquu jaallattu akka qabdu, akkasumas yeroo tokko tokkommoo mataa illeettii akka qabdu godhamtee ibsamti turte” jedheera.

f Cidhaafi afeerrii ilaalchisee mataduree sadii Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 15, 2006, fuula 18-31 ilaali. (Amaariffa)

g Masaraa Eegumsaa, Guraandhala 15, 2007, fuula 30-1 ilaali.

h Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan qophaa’e.

Murtoo Ogummaarratti Hundaa’e Gochuu

Jaalalli Yihowaaf qabnuufi hubannaa seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluurraa arganne haalli itti hojiirra oolchinu yeroon itti qoramu jiraachuu danda’a. Fakkeenyaaf, hiriyaan gaa’elaa Dhugaa Baatuu hin taane guyyaa qophii ayyaanaa firoottansaa kabajanirratti akka isaa wajjin argamtu haadha manaasaa afeera ta’a. Kiristiyaanonni tokko tokko yaanni garaasaanii afeerraa akkasii akka fudhatan heyyamus, warra kaaniif garuu hin heyyamu ta’a. Kiristiyaanni tokko afeerrii kana fudhannaan, gochisaa hundi ayyaanicha akka hin kabajne, akkasumas firootasaa wajjin nyaata nyaachuufi yeroo gaarii dabarsuuf qofa akka ta’e kan argisiisu ta’uu qaba.

Kiristiyaanni tokko bakka afeerrii kana dhaquusaa dura wanta uumamuu danda’u ilaalchisee hiryaa gaa’elaasaa wajjin karaa ulfina qabuun mari’achuun gaariidha. Firoonnisaa sirna tokko raawwachuu yoo barbaadan inni Dhugaa Baatuu ta’e kanarratti hirmaachuu yoo dide hiriyaa gaa’elaasaa akka yeellaasisu dursee ibsuufii danda’a. Hiriyaan gaa’elaa Dhugaa Baatuu hin taane firoottansaa wajjin yeroo garabiraatti yoo wal arge gaarii akka ta’u murteessa ta’a.—1 Phexros 3:16.

Abbaan manaa Dhugaa Baatuu hin taane ibsa haadha manaasaa erga dhaga’ee booda anaa wajjn dhaquu qabda jedhee yoo ciche maal gooti? Mataa maatii waan ta’eef, soora maatichaaf barbaachisu dhiheessuuf itti gaafatamummaa qaba jettee murteessiti ta’a. (Qolosaayis 3:18) Abbaan manaashee guyyaa kanatti mana firoottansaatti nyaanni akka qophaa’u godha. Tarii yeroon kun akka gaariitti dhugaa ba’uuf carraa isheef bana ta’a. Nyaanni guyyaa ayyaanaatti waan nyaatameef qofa xuraa’aa hin ta’u. (1 Qorontos 8:8) Kiristiyaanni tokko nyaaticha akkuma yeroo kaan manasaatti nyaatutti ilaalee nyaachuu kan danda’u ta’us, jechoota baga ittiin si ga’e jedhan, faarfannaa, xoofoo ol kaasuufi sirnawwan ayyaanichaa garabiraarratti hin hirmaatu.

Wanti xiyyeeffannaan kennamuufii qabu garabiraanimmoo, afeerrii akkasiirratti argamuun warra kaanirratti dhiibbaa akkamii geessisuu akka danda’u yaaduudha. Haati manaa Kiristiyaana taate guyyaa akkasiitti firoottanshee gaafachuu akka dhaqxe obboloonni kaan dhaga’uunsaanii isaan gufachiisuu akka danda’u yaaduu qabdi.—1 Qorontos 8:9; 10:23, 24.

Kana malees, dhiibbaan maatii ejjennoon obboleettii kanaa akka laafu gochuu danda’aa? Fedhiin namni tokko wanti isa yeellaasisu akka hin uumamne gochuuf qabu ejjennoosaa laaffisuu danda’a! Kanaaf, yaada garaashee isa Macaafa Qulqulluun leenjifame dabalatee, wantoota kana hundaa tilmaama keessa galchuudhaan dhimma kanarratti dursitee of eeggannoon yaaduunshee barbaachisaadha.—Hojii Ergamootaa 24:16.

Kennaa Dabalataa Jalbultii Ayyaana Qilleetti Kennamu Fudhachuun Qabaa?

Jalbultii Ayyaana Qilleetti abbaan qabeenyaa namoota hojjechiisuuf mindaasaanii ala kennaa ykn qarshii dabalataa kennuuf qophii gochuu danda’a. Kiristiyaanni tokko kennaa akkasii fudhachuunsaa dogoggoraa? Ta’uu dhiisuu danda’a. Abbaan qabeenyaa kun, namni qacaramee hojjetu qarshii kana fudhachuusaatiin Ayyaana Qillee kabaja jedhee yaaduu dhiisuu danda’a. Bu’aa argaterraa hojjettoota hundaaf kennaa dabalataa kennuu barbaadee ta’a. Yookiinimmoo, tajaajila hojjettoonni kun waggaa guutuu raawwataniif galateeffannaa qabu ibsuufi jabaatanii hojjechuusaanii akka itti fufan jajjabeessuu barbaadee ta’uu danda’a. Abbaan qabeenyaa kun kennaa kana kan kennu Ayyaana Qillee kabajanis kabajuu baatanis hojjettoota hundaaf, jechuunis Yihudootaafi Musiliimotaaf ykn warra kaaniif ta’uu danda’a. Kanaaf yeroo kennaan kun itti kenname jalbultii ayyaanaatti waan ta’eefi maqaa ayyaanichaa waan qabuuf qofa, Dhugaa Baatuun Yihowaa tokko kennaa kana akka hin fudhanne isa dhowwa jechuu miti.

Kennaan kun sababii ayyaanaatiin kan kenname ta’ullee, namni kennaa kana fudhate ilaalcha amantii wal fakkaatu akka qabutti ilaalama jechuu miti. Namni hidhata hojiisaa ykn fira ta’e, Dhugaa Baatuu tokkoon “Akka ati ayyaana kana hin kabajne beeka, ta’us kennaakoo kana akka fudhattun barbaada” jechuu danda’a. Obboleessi kun yaanni garaasaa kan isa hin ceephaane taanaan, waa’ee ayyaanichaa homaa utuu hin kaasin kennaa sana galateeffatee fudhachuu filachuu danda’a. (Hojii Ergamootaa 23:1) Tariimmoo, yeroo fucha argatu garabiraatti nama kenna utuu hin mufachiisin malaan ejjennoosaa ibsuufii danda’a ta’a.

Haata’u malee, kaayyoon nama kennaa kana kennuu Kiristiyaanni kun amantiisaatti jabaa akka hin taane mirkaneessuuf ykn faayidaa argachuuf jecha ejjennoosaa laaffisuurraa duubatti akka hin jenne mirkaneessuu barbaadee yoo ta’ehoo? Yeroo kanatti matumaa kennaa kana fudhachuu hin qabu. Waaqeffannaan keenya Yihowaaf qofa akka ta’u akka barbaannu beekamaadha.—Maatewos 4:8-10.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi