LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lfb barumsa 64 ful. 152-ful. 153 key. 4
  • Daaniʼel Boolla Leencotaa Keessatti Darbamate

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Daaniʼel Boolla Leencotaa Keessatti Darbamate
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Daani’el Boolla Leencaa Keessatti
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Fakkeenya Daaniʼelirraa Baradhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
lfb barumsa 64 ful. 152-ful. 153 key. 4
Namoonni hinaafan utuu Daaniʼel foddaa baname duratti kadhannaa dhiheessuu yommuu isa qaban

BARUMSA 64

Daaniʼel Boolla Leencotaa Keessatti Darbatame

Mootiin Baabilon inni kaan Daariyos isa nama Meedon ture dha. Daariyos, Daaniʼel nama adda taʼuu isaa hubateera. Kanaaf, Daaniʼeliif namoota biyyattii iddoo guddaa qaban irratti aangoo kenneef. Namoonni kunis Daaniʼelitti waan hinaafaniif, isa ajjeesuu barbaadan. Daaniʼel guyyaa hundumaa siʼa sadii gara Yihowaatti kadhannaa akka dhiheessu waan beekaniif, Daariyosiin, ‘Yaa mootii, namni hundi gara keetti qofa kadhannaa akka dhiheessu seerri ajaju tokko baʼuu qaba. Namni seera kanaaf hin ajajamne hundi, boolla leencotaan guutame keessatti darbatamuu qaba’ jedhan. Daariyos yaada kana deggeruudhaan, seericha irratti mallatteessee raggaasise.

Daaniʼel waaʼee seera haaraa kanaa akkuma dhagaʼeen, gara mana isaa deeme. Foddaa isaa isa baname durattis, jilbeenfatee gara Yihowaatti kadhannaa dhiheesse. Namoonni hinaafan sunis tasa gara mana isaa seenanii utuu inni kadhatuu isa qaban. Achiis fiiganii gara Daariyos deemuudhaan, ‘Daaniʼel siif ajajamuu dideera. Inni guyyaa guyyaadhaan siʼa sadii gara Waaqa isaatti kadhannaa dhiheessa’ isaan jedhan. Taʼus, Daariyos Daaniʼeliin waan jaallatuuf akka inni duʼu hin barbaanne. Guyyaa guutuu karaa Daaniʼeliin oolchuuf yaalii itti godhu yaadaa oole. Haa taʼu malee, seera mootichi takkaa irratti mallatteesse innumti iyyuu jijjiiruu hin dandaʼu. Boolla leenconni sodaachisan keessa jiranitti Daaniʼeliin akka darbatan namoota isaa ajajuu qaba ture.

Gaafa sana halkan Daariyos waaʼee Daaniʼel baayʼee waan yaaddaʼeef rafuu hin dandeenye. Ganama fiigee gara boollichaa dhaquudhaan Daaniʼeliin waamee, ‘Waaqni kee si oolcheeraa?’ jedheen.

Daariyos sagalee tokko dhagaʼe. Daaniʼel ture! Innis Daariyosiin waamee, ‘Maleekaan Yihowaa afaan leencotaa cufe. Isaan matumaa na hin miine’ isaan jedhe. Daariyosis baayʼee gammade! Daaniʼel boollicha keessaa akka baafamu ajaje. Qaama isaa irra dirmammuun illee hin jiru ture. Achiis mootichi, ‘Namoota Daaniʼeliin himatan boollichaatti darbadhaa’ jedhee ajaje. Namoonni sun gara boollichaatti yommuu darbataman leenconni sun lafee isaanii caccabsanii nyaatan.

Daariyos ajaja akkana jedhu namoota isaatti erge: ‘Namni hundi Waaqa Daaniʼel sodaachuu qaba. Inni Daaniʼeliin leencota irraa oolcheera.’

Atoo akkuma Daaniʼel guyyaa hunda gara Yihowaatti kadhannaa ni dhiheessitaa?

Daaniʼel boolla leencotaa keessatti yommuu darbatamu

“Yihowaan namoota Waaqayyoof bulan qorumsa keessaa akkamitti akka baasu . . . beeka.”—2 Pheexiros 2:9

Gaaffii: Wanti Daaniʼel guyyaa hundumaa siʼa sadii godhu maal ture? Yihowaan Daaniʼeliin kan oolche akkamitti?

Daaniʼel 6:1-28

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi