BARUMSA 63
Barreeffama Keenyan Irratti Mulʼate
Yeroo booda, Belshaazaar mootii Baabilon taʼe. Gaaf tokko galgala, inni affeerrii tokko irratti namoota biyyichaa iddoo guddaa qaban hedduu affeeree ture. Miʼawwan warqii warra Nebukadnezaar mana qulqullummaa Yihowaatii fudhate akka isaaf fidan tajaajiltoota isaa ajaje. Belshaazaarii fi keessummoonni isaa miʼawwan sanaan dhugaa fi waaqolii isaanii jajachaa turan. Akkuma tasaa harki namaa tokko mulʼatee jechoota iccitii taʼan keenyan galma mana nyaataa sana irratti barreessuu jalqabe.
Belshaazaar baayʼee naʼee ture. Namoota isaa falfala raawwatan waamee, ‘Namni kam iyyuu jechoota kana naa hiikuu yoo dandaʼe, ani Baabilon keessatti bulchaa sadaffaa isa nan taasisa.’ Isaan yaalii kan godhan taʼus, isaan keessaa namni kam iyyuu jechoota kana hiikuu hin dandeenye. Achiis haati mootichaa ol seentee, ‘Namichi Daaniʼel jedhamuu fi Nebukadnezaariif wantoota hunda hiikaa ture tokko jira. Inni jechoota kana siif hiikuu ni dandaʼa’ isaan jette.
Achiis Daaniʼel gara mootichaa dhufe. Belshaazaaris, ‘Jechoota kana dubbisuu fi hiikuu yoo dandeesse, amartii mormaa warqii irraa tolfame sin badhaasa, Baabiloon keessattis bulchaa sadaffaa ni taata’ isaan jedhe. Daaniʼelis akkana jedhe: ‘Ani kennaa kee hin barbaadu; garuu hiika jechoonni kun qaban sittan hima. Abbaan kee Nebukadnezaar nama kooru waan tureef Yihowaan isa salphise. Atis wanta isa irra gaʼe hundumaa beekta; garuu miʼawwan warqii mana qulqullummaa isaatii fudhatamaniin waynii dhuguudhaan Yihowaa tuffatteetta. Kanaaf, Waaqayyo jechoota, Miinii, Miinii, Tiqeelii fi Faarsiin jedhan barreesse. Jechoonni kunis warri Meedonii fi warri Faarsi Baabiloniin akka injifatan argisiisu; atis kana booda mootii miti.’
Eenyu iyyuu Baabiloniin injifachuu kan dandaʼu hin fakkaatu ture. Magaalaan kun dallaa furdaa fi laga gadi fageenya qabuun eegumsi ishiidhaaf godhama ture. Haa taʼu malee, gaafuma sana halkan warri Meedonii fi warri Faarsi ishii weeraran. Mootii Faarsi kan taʼe Qiiros loltoonni isaa kallattiidhaan gara karra magaalattiitti deemuu akka dandaʼaniif lagichi gara kallattii kan biraatti akka yaaʼu godhe. Yommuu isaan achi gaʼanis karrichi banaa ture! Raayyaan waraanaa sunis gara keessaatti seenee magaalattii qabate; mootichis ni ajjeefame. Achiis Qiiros bulchaa Baabilon taʼe.
Waggaa tokko keessatti Qiiros, ‘Yihowaan Yerusaalem keessatti mana qulqullummaa isaa deebisee akkan ijaaru natti himeera. Namoota isaa keessaa gargaarsa gochuu kan barbaadu kam iyyuu deemuu ni dandaʼa’ jedhee beeksise. Kanaaf, akkuma Yihowaan waadaa galee turetti, Yihudoonni hedduun erga Yerusaalem balleeffamtee waggaa 70 booda gara biyya isaaniitti deebiʼan. Qiirosis miʼawwan warqii fi meetii, akkasumas miʼawwan Nebukadnezaar mana qulqullummaatii fudhate hunda deebisee erge. Yihowaan saba isaa gargaaruuf Qiirositti akkamitti akka fayyadame hubachuu ni dandeessaa?
“Kufteetti! Baabilon Guddittiin kufteetti; ishiin bakka jinniiwwan jiraatan . . . taateetti.”—Mulʼata 18:2