BARUMSA 80
Yesuus Ergamoota Kudha Lama Filate
Yesuus gara waggaa tokkoof walakkaa erga lallabee booda, murtoo barbaachisaa gochuu qabu tokko qaba ture. Dhiheenyatti isaa wajjin akka hojjetaniif eenyufaa filata? Gumii Kiristiyaana akka geggeessaniif eenyufaa leenjisa? Murtoowwan akkasii gochuuf, Yesuus qajeelfama Yihowaa argachuu barbaade. Kanaaf, kophaa isaa gara gaara tokkootti ol baʼee halkan guutuu kadhachaa bule. Yommuu bariʼus, Yesuus barattoota isaa muraasa waamee ergamoota isaa 12 filate. Isaan keessaa maqaa eenyuufaa yaadatta? Maqaan isaanii Pheexiros, Indiriyaas, Yaaqoob, Yohaannis, Filiphoos, Bartolomewos, Toomaas, Maatewos, Yaaqoob ilma Alfewoos, Taadewos, Simoon, Yihudaa Asqorotuu.
Indiriyaas, Pheexiros, Filiphoos, Yaaqoob
Warri Kudha Lamaan kun isaa wajjin deemuu qabu turan. Erga isaan leenjisee booda kophaa isaanii akka lallabaniif isaan erge. Yihowaan, jinnii akka baasanii fi namoota dhukkubsatan akka fayyisaniif humna isaaniif kenne.
Yohaannis, Maatewos, Bartolomewos, Toomaas
Yesuus warra Kudha Lamaan kana michoota koo jedhe isaan waameera; akkasumas isaan ni amana ture. Fariisonni, ergamoota kana barumsa guddaa akka hin qabnee fi iddoo guddaa kan hin qabne godhanii yaadu turan. Haa taʼu malee, Yesuus leenjii hojii isaaniitiif isaan gargaaru isaaniif kenneera. Jireenya isaa keessatti yeroo baayʼee murteessaa taʼetti, jechuunis duʼa isaa duraa fi erga duʼaa kaʼee booda Yesuusii wajjin taʼuu qabu turan. Akkuma Yesuus, warri Kudha Lamaanis harki caalaan isaanii namoota Galiilaa turan. Isaan keessa tokko tokko gaaʼela qabu.
Yaaqoob ilma Alfewoos, Yihudaa Asqorotuu, Taadewos, Simoon
Ergamoonni kun mudaa kan qaban waan taʼaniif dogoggora ni raawwatu. Yeroo tokko tokko utuu irratti hin yaadin dubbataniiru, murtoo sirrii hin taanes godhaniiru. Yeroo itti obsa dhabanis qabu turan. Kana malees, isaan keessaa kan caalu eenyu akka taʼe illee wal falmaniiru. Taʼus, Yihowaa waan jaallataniif namoota gaarii turan. Isaan erga Yesuus gar samiitti deebiʼee booda hundee gumii Kiristiyaanaa taʼu.
“Ani wantan Abbaa koo irraa dhagaʼe hunda waanan isin beeksiseef, michoota jedhee isin waameera.”—Yohaannis 15:15