Seensa Kutaa 3
Waggoota Bishaan Badiisaa booda turanitti, Kitaabni Qulqulluun namoota Yihowaa tajaajilaa turan baayʼee muraasa caqaseera. Namoota Yihowaa tajaajilan keessaa tokko, Abrahaam isa michuu Yihowaa jedhamee beekamu ture. Michuu Yihowaa jedhamee kan waamame maaliifi? Warra yoo taatan, ijoolleen keessan Yihowaan dhuunfaatti xiyyeeffannaa akka isaaniif kennuu fi isaan gargaaruu akka barbaadu akka hubatan godhaa. Akkuma Abrahaamii fi namoota amanamoo kaan kan akka Looxii fi Yaaqoob jiranii, Yihowaan akka nu gargaaru sodaa tokko malee gaafachuu ni dandeenya. Yihowaan waadaa gale hunda akka raawwatu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya.