LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lfb barumsa 7 ful. 24-ful. 25 key. 1
  • Gamoo Baabel

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gamoo Baabel
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Namoonni Gamoo Guddaa Ijaaran
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Afaan Dubbannu Yeroo “Gamoon Baabel” Ijaarame Dhufee?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Doonii Noh
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
lfb barumsa 7 ful. 24-ful. 25 key. 1
Yihowaan qooqa isaanii erga walitti makee booda, namoonni Gamoo Baabel waliin ijaaruu hin dandeenye

BARUMSA 7

Gamoo Baabel

Bishaan Badiisaa sana booda, ilmaan Nohii fi haadhotiin manaa isaanii ijoollee hedduu godhatan. Maatiiwwan isaanii baayʼatanii, akkuma Yihowaan isaanitti dubbatee ture bakka garaa garaa jiraachuu jalqaban.

Maatiiwwan tokko tokko garuu Yihowaadhaaf hin ajajamne. Akkana jedhan: ‘Kottaa magaalaa tokko ijaarree asuma jiraannaa. Gamoo baayʼee dheeraa fiixeen isaa samii bira gaʼu ijaarrannaa. Achiis beekamoo taana.’

Yihowaan wanta namoonni sun gochaa turanitti waan hin gammanneef ijaarsa isaanii dhaabsisuuf murteesse. Kana kan godhe akkamitti akka taʼe beektaa? Akkuma tasaa namoonni sun qooqa garaa garaa akka dubbatan godhe. Wal hubachuu waan hin dandeenyeef, hojii ijaarsaa sana ni dhaaban. Magaalaan isaan ijaaraa turan Baabel, jechuunis “Burjaajaʼuu” jedhame. Namoonni achii deemanii guutummaa lafaa irra jiraachuu jalqaban. Haa taʼu malee, naannoo haaraa jiraachuu jalqabanitti wanta hamaa hojjechuu isaanii itti fufan. Namoonni Yihowaa jaallatan hoo jiru turanii? Boqonnaa itti aanu irratti ilaalla.

“Namni ol of qabu hundi ni salphifama; namni gad of qabu kam iyyuu garuu ol ni qabama.”—Luqaas 18:14

Gaaffii: Namoonni Baabel maal godhan? Yihowaan ijaarsa isaanii dhaabsisuuf maal godhe?

Uumama 11:1-9

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi