Murtoo
Murtoo gaarii gochuuf sammuu fi garaa keenya qopheessuu kan dandeenyu akkamitti?
Fr 1:1-3; Fak 19:20; Rom 14:13; 1Qo 10:6-11
Dabalataanis Iz 7:10 ilaali
Yeroo murtoowwan barbaachisoo taʼan goonutti jarjaruu kan hin qabne maaliifi?
Yeroo murtoo goonutti garaa keenya isa cubbamaa taʼetti amanamuu kan hin qabne maaliifi?
Dabalataanis Lak 15:39; Fak 14:12; Lal 11:9, 10 ilaali
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
2Se 35:20-24—Yosiyaas inni Mootii gaarii ture gorsa Yihowaa irraa madde dhaggeeffachuu dhiisee Nekoo isa mootii Gibxii taʼe irratti waraana baneera
Yeroo murtoo cimaa goonutti kadhannaan hammam barbaachisaadha?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Luq 6:12-16—Yesuus ergamootasaa 12n filachuusaa dura halkan guutuu kadhateera
2Mo 19:10-20, 35—Hisqiyaas Mootichi yeroo doorsisni cimaan isarra gaʼetti gara Yihowaatti kadhannaa dhiheesseera, Yihowaanis isa oolcheera
Qajeelfama hundarra caaluu fi murtoo gaarii gochuuf nu gargaaru eenyurraa argachuu dandeenya? Innoo murtoo gaarii akka goonu kan nu gargaaru akkamitti?
Fr 119:105; Fak 3:5, 6; 2Xi 3:16, 17
Dabalataanis Fr 19:7; Fak 6:23; Isa 51:4 ilaali
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
HoE 15:13-18—Qaamni olaanaan Yerusaalem keessa ture yeroo murtoo guddaa gochuuf jedhetti Kitaaba Qulqulluurraa qajeelfama argachuuf yaaleera
Dhimmoota kanneen irratti yommuu murtoo goonu:
Dhimma jireenya keessatti nu mudatu hundarratti
Qacaramanii hojjechuu
“Hojii” isa jedhu ilaali
Bohaartii
“Bashannana” isa jedhu ilaali
Gaaʼela
“Gaaʼela” isa jedhu ilaali
Yaalii fayyaa
Lew 19:26; Kes 12:16, 23; Luq 5:31; HoE 15:28, 29
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
HoE 19:18-20—Kiristiyaanonni Efesoon gocha hafuurota hamoo guutummaatti dhiisaniiru
Galma hafuuraa
Itti fayyadama yeroo
Kiristiyaanonni bilchaatoon murtoo gaarii akka goonu nu gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?
Iyo 12:12; Fak 11:14; Ibr 5:14
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
1Mo 1:11-31, 51-53—Baat Sheebaan gorsa Naataan raajichi ishiif kenne fudhatteetti, kunis ishii fi ilma ishii Solomoon duʼarraa oolcheera
Warri kaan murtoo akka nuuf godhan gaafachuu kan hin qabne maaliifi?
Qajeelfama Waaqayyoo hojiirra oolchuu kan qabnuu fi qajeelfama sana salphisnee ilaaluu kan hin qabne maaliifi?
Dabalataanis Luq 7:30 ilaali
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Uma 19:12-14, 24, 25—Loox waaʼee badiisa gaʼuuf jedhuu namoota intaloota isaa kaadhimatanii turan lamaan akeekkachiisee ture, isaan garuu salphisanii ilaalaniiru
2Mo 17:5-17—Israaʼeloonni irra deddeebiʼanii gorsa Yihowaa dhaggeeffachuu waan didaniif boojuudhaan gara biyya biraatti geeffamaniiru
Yeroo murtoo goonutti qalbii keenya dhaggeeffachuu kan qabnu maaliifi?
Wanta murtoon keenya geessisuu dandaʼu dursinee irratti yaaduun keenya gaarii kan taʼe maaliifi?
Dhiibbaa murtoon keenya warra kaanirratti geessisu
Dhiibbaa murtoon keenya jireenya keenya gara fuulduraa irratti geessisu
Dabalataanis Fak 2:20, 21; 5:3-5 ilaali