LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • scl ful. 10-11
  • Abdii Kutachuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Abdii Kutachuu
  • Caqasoota Jireenya Kiristiyaanaatiif Taʼan
Caqasoota Jireenya Kiristiyaanaatiif Taʼan
scl ful. 10-11

Abdii Kutachuu

Yeroo warri kaan wanta nuti yaadne utuu nuu hin godhin hafanitti, nu miidhanitti ykn nu gananitti gadduu

Fr 55:12-14; Luq 22:21, 48

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 1Sa 8:1-6—Saamuʼel raajichi yommuu Israaʼelonni Mootiin akka isaaniif muudamu cimsanii gaafatanitti gaddee ture

    • 1Sa 20:30-34—Yonaataan yommuu abbaansaa Saaʼol Mootichi baayʼee isatti aaretti gaddee fi qaanaʼee ture

  • Caqasoota nama jajjabeessan:

    • Fr 27:10; Isa 49:15; Rom 3:3, 4

    • Dabalataanis Fak 19:11; Flp 4:8 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si jajjabeessu:

    • Fr 55:12-14, 16-18, 22—Daawit Mootichi yommuu michuunsaa Ahitoofel isa ganetti Yihowaatti amanameera, akkasumas jajjabina argateera

    • 2Xi 4:16-18—Phaawulos yeroo qorumsa keessa turetti namoonni isa dagatanii turan; taʼus Yihowaa fi abdii inni kennerraa humna argateera

Dadhabina keenyattii fi cubbamoota taʼuu keenyatti gadduu

Iyo 14:4; Rom 3:23; 5:12

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Fr 51:1-5—Daawit Mootichi Yihowaa irratti cubbuu raawwachuu isaatti baayʼee gaddee ture

    • Rom 7:19-24—Phaawulos ergamaan fedhii cubbuu raawwachuu isa keessa isaa jiruu wajjin yeroo hundumaa walʼaansoo waan godhuuf nama gadadamaa akka taʼe isatti dhagaʼamee ture

  • Caqasoota nama jajjabeessan:

    • Fr 103:12; 130:3; Isa 43:25; 1Yo 1:9

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si jajjabeessu:

    • 1Mo 9:2-5—Daawit Mootichi cubbuuwwan ciccimoo tokko tokko kan raawwate taʼus Yihowaan nama amanamaa akka taʼetti isa ilaaleera

    • 1Xi 1:12-16—Phaawulos cubbuuwwan ciccimoo raawwatee kan ture taʼus Waaqayyo gara laafina akka isatti argisiisu mirkanaaʼaa ture

Miirri abdii kutachuu kan nu miidhu akkamitti?

Fak 24:10

Yihowaan miira abdii kutachuu akka dandamannu akka nu gargaaru mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

Fr 23:1-6; 113:6-8; Isa 40:11; 41:10, 13; 2Qor 1:3, 4

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Mat 11:28-30—Yesuus inni amala Abbaa isaa guutummaatti argisiisu, gaarummaa kan argisiisuu fi boqonnaa kan namaaf argamsiisudha

    • Mat 12:15-21—Yesuus warra abdii kutatanitti gaarummaa argisiisuudhaan raajii Isaayyaas 42:1-4​rra jiru raawwateera

Wantoota abdii nama kutachiisan tokko tokkoof jajjabina Kitaabni Qulqulluun kennu

“Jajjabina” isa jedhu ilaali

Warra kaan jajjabeessuuf yaaluu kan qabnu maaliifi?

Mat 18:6; Efe 4:29

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Lak 32:6-15—Basaastonni amantii hin qabne kurnan Israaʼeloota abdii kutachiisanii turan, kun immoo guutummaa sabichaa miidheera

    • 2Se 15:1-8—Ergaan Yihowaa biraa dhufe tokko Aasaa Mootichi ija jabinaan waaqeffannaa sobaa biyyicha keessaa akka balleessu isa kakaaseera

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi