LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • scl ful. 11-13
  • Adaba

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Adaba
  • Caqasoota Jireenya Kiristiyaanaatiif Taʼan
Caqasoota Jireenya Kiristiyaanaatiif Taʼan
scl ful. 11-13

Adaba

Kitaabni Qulqulluun adaba kennuuf madda hundarra caaluudha kan jennu maaliifi?

Fak 1:1-3; 2Xi 3:16

Qajeelfamnii fi sirreeffamni hunduma keenyayyuu kan barbaachisu maaliifi?

Fak 16:2, 25; Er 10:23

Dabalataanis Er 17:9 ilaali

Yihowaan sirreeffama nuuf kennuunsaa maal akka nuuf qabu argisiisa?

Fak 3:11, 12; Ibr 12:7-9

Dabalataanis Kes 8:5; Fak 13:24; Mul 3:19 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 2Sa 12:9-13; 1Mo 15:5; HoE 13:22—Daawit Mootichi cubbuu cimaa kan raawwate taʼus, Yihowaan jaalalaan kakaʼee isa adabeera akkasumas dhiifama isaaf godheera

    • Yon 1:1-4, 15-17; 3:1-3—Yihowaan Yoonaas hojii isaaf kenname dhiisee baqatee waan deemeef kan isa adabe taʼus, carraa lammaffaa isaaf kenneera

Adaba Waaqayyo nuuf kennu fudhachuun ogummaadha kan jennu maaliifi?

Fak 9:8; 12:1; 17:10; Ibr 12:5, 6

Dabalataanis 2Se 36:15, 16 ilaali

Namoota adaba Waaqayyoo fudhachuu didanirra maaltu gaʼuu dandaʼa?

Fak 1:24-26; 13:18; 15:32; 29:1

Dabalataanis Er 7:27, 28, 32-34 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Er 5:3-7—Sabni Waaqayyoo adaba isaaniif kenname fudhachuu fi jijjiiramuu waan didaaniif, adabni cimaan dabalataa isaaniif kennameera

    • Sef 3:1-8—Jiraattonni Yerusaalem adaba Yihowaa fudhachuu waan didaniif badiisni isaanirra gaʼeera

Adaba Yihowaa fudhachuun faayidaa akkamii argamsiisa?

Fak 4:13; 1Qo 11:32; Tit 1:13; Ibr 12:10, 11

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Kes 30:1-6—Museen raajichi namoonni adaba Yihowaan sabasaaf kennu fudhatan eebba akka argatan dubbateera

    • 2Se 7:13, 14—Yihowaan buʼaa gaarii adaba isaa fudhachuun argamsiisu Solomoon Mootichatti himeera

Adaba warra kaaniif kennamerraa faayidaa kan argannu akkamitti?

1Qo 10:6-11; 1Xi 5:20

Yommuu warra kaaniif adabni cimaan kennamutti gammaduu kan hin qabne maaliifi?

Fak 17:5; 24:17; Oba 12

Adabaa fi gorsa Waaqayyoorraa fayyadamuu yoo barbaanne maal gochuu qabna?

Iya 1:8; Yaq 1:25

Dabalataanis Kes 17:18, 19; Fr 119:97 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 1Se 22:11-13—Daawit Mootichi ilmi isaa Solomoon qajeelfama Yihowaa of eeggannoodhaan hordofuusaa hamma itti fufetti akka eebbifamu isaaf mirkaneessee ture

    • Fr 1:1-6—Yihowaan warra seerasaa dubbisanii fi irratti xiinxalan akka eebbisu waadaa galeera

Warri jaalala qabeeyyii taʼan ijoollee isaanii kan adaban maaliifi?

“Warra” isa jedhu ilaali

Ijoolleen yommuu warri isaanii isaan adaban maal gochuu qabu?

“Maatii—Ilmaanii fi Intaloota” isa jedhu ilaali

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi