LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • scl ful. 17-20
  • Amala Dogoggoraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Amala Dogoggoraa
  • Caqasoota Jireenya Kiristiyaanaatiif Taʼan
Caqasoota Jireenya Kiristiyaanaatiif Taʼan
scl ful. 17-20

Amala Dogoggoraa

Kiristiyaanonni amala akkamii qabaachuu hin qaban?

Aarii

Fr 37:8, 9; Fak 29:22; Qol 3:8

Dabalataanis Fak 14:17; 15:18 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Uma 37:18, 19, 23, 24, 31-35—Obboloonni Yoseef isa miidhaniiru, garbummaatti isa gurguraniiru, akkasumas Yaaqoobiin gowwoomsuudhaan ilmisaa akka duʼetti akka yaadu godhaniiru

    • Uma 49:5-7—Simiʼoonii fi Leewwiin baayʼee aaranii tarkaanfii cimaa waan fudhataniif isaanitti murtaaʼeera

    • 1Sa 20:30-34—Saaʼol Mootichi aariidhaan kakaʼee ilmasaa Yonaataaniin arrabseera, akkasumas isa ajjeesuuf yaaleera

    • 1Sa 25:14-17—Naabaal namoota Daawititti iyyee isaan arrabsuudhaan dhiirota mana isaa hunda duʼaaf saaxilee ture

Falmii

Flp 2:3; Yaq 3:14-16

Garmalee sodaachuu

2Xi 1:7; Mul 21:8

Gara jabina

Kes 15:7, 8; Mat 19:8; 1Yo 3:17

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Uma 42:21-24—Obboloonni Yoseef gara jabina isa irratti raawwatan yeroo yaadatan baayʼee gaabbanii turan

    • Mar 3:1-6—Yesuus, Fariisonni gara jabeeyyii taʼuu isaaniitti baayʼee gaddee ture

Tuffii

“Tuffii” isa jedhu ilaali

Of tuuluu

Gal 5:26; Flp 2:3

Dabalataanis Fak 3:7; 26:12; Rom 12:16 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 2Sa 15:1-6—Abishaalom of tuultuu ture; namoonni Abbaasaa Daawit caalaa akka isa jaallataniif wantoota tokko tokko ni raawwata ture

    • Dan 4:29-32—Nebukadnezaar Mootichi of tuultuu ture, kunis Yihowaan akka isa adabu taasiseera

Hinaafuu; gomjaʼuu

Rom 13:9; 1Ph 2:1

Dabalataanis Gal 5:26; Tit 3:3 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Uma 26:12-15—Yisihaaq dhimmee hojjechuu isaatiin Yihowaan isa eebbiseera; kanaan kan kaʼes Filisxeemonni isatti hinaafaniiru

    • 1Mo 21:1-19—Ahaab inni mootii hamaa ture maasii wayinii Naabot hawweera, kunis sobaan isa himachuu fi isa ajjeesuuf isa kakaaseera

Nama sodaachuu

Fr 118:6; Fak 29:25; Mat 10:28

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Lak 13:25-33—Basaastonni kurnan sodaadhaan moʼamanii turan, boodas namoonni kaan akka sodaatan godhaniiru

    • Mat 26:69-75—Pheexiros ergamaan nama sodaachuun isaa Yesuusiin al sadii akka ganu isa taasiseera

Sassata

“Sassata” isa jedhu ilaali

Jibba

Fak 10:12; Tit 3:3; 1Yo 4:20

Dabalataanis Lak 35:19-21; Mat 5:43, 44 ilaali

Fakkeessuu

“Fakkeessaa” isa jedhu ilaali

Hinaaffaa

“Hinaaffaa” isa jedhu ilaali

Dhibaaʼuu

Fak 6:6-11; Lal 10:18; Rom 12:11

Dabalataanis Fak 10:26; 19:15; 26:13 ilaali

Maallaqaa fi qabeenya jaallachuu

Mat 6:24; 1Xi 6:10; Ibr 13:5

Dabalataanis 1Yo 2:15, 16 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Iyo 31:24-28—Iyyoob sooressa kan ture taʼus, nama qabeenya jaallatu hin turre

    • Mar 10:17-27—Dargaggeessi sooressi qabeenyasaa baayʼee jaallatu tokko qabeenyasaa kana dhiisee Yesuus duukaa buʼuun baayʼee isatti ulfaateera

Aarii guddaa

1Sa 30:6; Efe 4:31; Qol 3:19

Dabalataanis Yaq 3:14 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Oba 10-14—Edoomonni, Israaʼelota warra obboloota isaanii taʼanitti baayʼee waan aaraniif Waaqayyo isaan adabeera

Iddoo ofii eeguu dhiisuu

“Of tuulummaa” isa jedhu ilaali

Koora; of tuulummaa

“Koora” isa jedhu ilaali

Lola jaallachuu

Fak 26:20; 1Xi 3:2, 3; Tit 3:2

Dabalataanis Fak 15:18; 17:14; 27:15; Yaq 3:17, 18 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Uma 13:5-9—Tiksitoota Abrahaamii fi tiksitoota Loox gidduutti lolli kaʼee ture, taʼus Abrahaam nagaa uumeera

    • Abo 8:1-3—Namoonni Efreem Giidewon isa Abbaa Murtii taʼe loluu barbaadanii turan; taʼus gad of qabuun isaa nagaan akka uumamu godheera

Ajajamuu diduu

1Sa 15:23; Yih 4, 8, 10, 11

Dabalataanis Kes 21:18-21; Fr 78:7, 8; Tit 1:10 ilaali

Qajeelaa of gochuu

Lal 7:16; Mat 7:1-5; Rom 14:4, 10-13

Dabalataanis Isa 65:5; Luq 6:37 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Mat 12:1-7—Yesuus, Fariisota garmalee qajeeloo of godhan saaxileera

    • Luq 18:9-14—Yesuus fakkeenya namni qajeelaa of godhu Waaqayyo duratti fudhatama akka hin arganne argisiisu dubbateera

Mata jabina

Er 13:10

Dabalataanis Er 7:23-27; Zak 7:11, 12 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 2Se 36:11-17—Zedeeqiyaan mootii hamaa fi mata jabeessa ture; kun immoo sabichi akka badu godheera

    • HoE 19:8, 9—Phaawulos namoota mata jabeeyyii ergaa Mootummichaa fudhachuu didaniif dhugaa baʼuu dhiiseera

Gowwummaa

Mar 7:21-23; Efe 5:17

Dabalataanis 1Ph 2:15 ilaali

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 1Sa 8:10-20—Israaʼelonni yommuu Saamuʼel Mootii ofirratti muuduun isaanii sirrii akka hin taane isaanitti himetti gowwummaadhaan isa dhagaʼuu didaniiru

    • 1Sa 25:2-13, 34— Naabaal, gargaarsa Daawit isa gaafate isaaf gochuu diduun isaa guutummaa maatii isaa balleessuu jala gaʼee ture

Shakkii sirrii hin taanee fi komii

Iyo 1:9-11; 1Xi 6:4

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 1Sa 18:6-9; 20:30-34—Saaʼol mootichi amanamummaa Daawit shakkuu irrayyuu darbee Yonaataan akka isarratti kaʼu gochuuf yaalee ture

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi