Odeeffannoo
KEESSUMSIISTOTA Keessumsiistonni isin gargaaruuf ramadaman. Kanaaf, maaloo konkolaataa dhaabuu, karaa baʼuu fi galuu qabdan, iddoo taaʼumsaa qabuu fi wantoota gara biraa ilaalchisee qajeelfama isinii kennaniif ajajamaa.
CUUPHAA Iddoo kan biraan yoo ibsamuu baate, kaadhimamtoota cuuphaatiif iddoon taaʼumsaa kan qophaaʼu waltajjii fuuldura dha. Kaadhimamtoonni cuuphaa, Sanbadduraa ganama haasaan cuuphaa jalqabuu isaa dura iddoosaaniif qophaaʼe taaʼuu qabu. Hundi isaanii, fooxaa fi uffata seera qabeessa cuuphaadhaaf taʼu qabatanii dhufuu qabu.
BUUSII Teessuma gaʼaa, meeshaalee sagalee fi wantoota barbaachisaa taʼan hedduu qopheessuudhaan, walgaʼicha gammachiisaa fi caalaatti gara Yihowaatti akka dhihaannu kan nu gargaaru akka taʼu gochuuf baasii hedduun baʼeera. Buusiin fedhaan gootan, baasiiwwan kana bakka buusuuf kan gargaaru taʼuusaa irrayyuu, hojii addunyaa maratti hojjetamaa jiruuf oola. Saanduqoonni mallattoon saanduqa buusii jedhurratti maxxanfame, bakka walgaʼichaatti iddoo mijaaʼaa taʼe gara garaa kaaʼamaniiru. Dandaʼamnaan garuu maaloo weebsaayitii donate.jw.org irratti intarneetiidhaan buusii godhaa. Buusii gootan hundumaaf guddaa isin galateeffanna. Qaamni Olaanaan, deggersa hojii Mootummichaatiif gaarummaadhaan gootaniif guddaa isin galateeffata
GARGAARSA JALQABAA Kutaan kun gargaarsa kan godhu namoota akka tasaa dhukkubsataniif qofa taʼuusaa qalbeeffadhaa.
BAKKA MEESHAALEEN BADANII ARGAMAN KAAʼAMAN Wantoonni badanii argamanii fi kan eenyuu akka taʼan hin beekamne hundi, kutaa kanatti geeffamuu qabu. Meeshaan keessan yoo isin jalaa bade kutaa kana dhaqaatii wanta isin jalaa bade adda baafachuudhaan fudhadhaa. Daaʼimman warrasaanii jalaa badanis bakka kanatti geeffamuu qabu. Haa taʼu malee, rakkinni hin barbaachisne akka hin uumamneef, ijoollee keessan toʼachuudhaan akkasaan isin irraa hin fagaanne godhaa.
IDDOO TAAʼUMSAA Maaloo warra kaaniif yaadaa. Iddoo taaʼumsaa qabuu kan dandeessan, namoota konkolaataa tokkoon waliin dhuftanii fi miseensota maatii keessaniitiif ykn warra yeroo ammaatti Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisaa jirtaniif qofa taʼuusaa hin dagatinaa. Iddoo taaʼumsaa namaaf hin qabne irra miʼa keessan hin kaaʼinaa.
TAJAAJILA FEDHAA Hojii walgaʼii kanarratti hojjetamu fedhaan gargaaruu yoo barbaaddan, kutaa kanatti beeksisuudhaan bakka namni barbaadamutti ramadamtanii tajaajiluu dandeessu.
Qaama Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan Qophaaʼe
© 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania