LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w09 1/1 ful. 12
  • “Waaqa Jajjabina Hundumaa”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Waaqa Jajjabina Hundumaa”
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Seensa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2016
  • Waaqayyo kan Nama Jajjabeessu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2016
  • ‘Warra Gaddan Hundumaa Jajjabeessaa’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Yihowaa Isa Waaqa “Jajjabinaa Hundumaa” Taʼetti Amanamaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
w09 1/1 ful. 12

Waaqayyotti Dhihaadhu

“Waaqa Jajjabina Hundumaa”

2 Qorontos 1:3, 4

WANTOONNI jireenya keessatti nama mudatan kanneen akka, dhiphinaa, abdii kutachuufi kophummaan, gadda guddaa namarraan geessisuu danda’u. Yeroo akkasiitti, ‘Gargaarsa eessaan argadha?’ jettee gaafatta ta’a. Jechoonni Phaawulos 2 Qorontos 1:3, 4⁠rraatti dubbate Yihowaan madda jajjabinaa amansiisaa ta’uusaa argisiisa.

Lakkoofsa 3⁠rratti Waaqayyo “abbaa araara hundaa” jedhameera. Kun maal jechuudha? Jechi afaan Giriikii “abbaa jajjabinaa” jedhu namoota rakkataniif gadduu argisiisa.a Galmeen Macaafa Qulqulluu tokko jecha kana “oo’a argisiisuu” ykn “garaadhaa namaa yaaduu” kan jedhu ta’uu danda’a jedhee hiikeera. ‘Araarri’ Waaqayyoo tarkaanfii akka fudhatuuf isa kakaasa. Amala Waaqayyoo kana beekuun isatti akka dhihaannuuf nu hin kakaasuu?

Phaawulos, Yihowaan “Waaqayyo jajjabina hundumaa” ta’uusaas dubbateera. Phaawulos asirratti jecha “yaada yeroo dhiphinaa ykn gaddaa, gargaarsa walirraa hin cinne kennuu ykn jajjabeessuu” argisiisu fayyadamuusaati. Kitaabni Za Intarpiriitarsi Baayibil jedhamu, “Nama dhiphate tokko miira isatti dhaga’amu obsaan akka danda’u gochuudhaan isa jajjabeessina” jechuun ibseera.

Tarii, ‘Waaqayyo kan nu jajjabeessuufi rakkina nurra ga’u obsaan akka dandeenyu kan nu gargaaru akkamitti?’ jettee gaafatta ta’a. Irra guddaa kana kan godhu karaa Macaafa Qulqulluufi kadhannaadha. Phaawulos, Waaqayyo “jajjabina caaffanni qulqullaa’oon nuuf kennaniin abdii” akka argannuuf Waaqayyo jaalalaan kaka’ee Macaafa Qulqulluu nuu kennuusaa nutti hima. Akkasumas, kadhannaa garaarraa maddeen ‘nagaa Waaqayyoo isa hubannaa namaa hundumaa irra caalu’ argachuu dandeenya.—Roomaa 15:4; Filiphisiiyus 4:7.

Yihowaan sabasaa hammam jajjabeessa? Phaawulos, Waaqayyo “rakkina keenya hundumaa keessatti nu in jajjabeessa” jedheera. (2 Qorontos 1:4) Dhiibbaa, rakkoo ykn dhiphinni akkamiiyyuu yoo nurra ga’e, Waaqayyo jabinaafi humna barbaachisu nuu kenna. Kun nama hin jajjabeessuu?

Jajjabina Waaqayyo kennutti kan fayyadamu nama jajjabina argate sana qofa miti. Phaawulos ammas, ‘jajjabina isa Waaqayyo biraa arganne sanaan, nuyi immoo rakkina attamii keessattiyyuu warra kaan jajjabeessina’ jedheera. Rakkina nurra ga’etti jajjabina argachuun keenya, rakkina warra kaanii akka kan keenyaatti ilaaluudhaan gargaarsa barbaachisu isaanii gochuuf nu kakaasa.

Yihowaan “Waaqa jajjabina hundumaa” ta’us, rakkina ykn dhiphina keessaa battalumaan nu baasuu dhiisuu danda’a. Ta’us: Gadda ykn rakkina nu mudatu kamiyyuu obsaan akka moonuuf jajjabina argachuuf garasaatti yoo deebine, humna akka nuu kennu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. Dhugumayyuu Waaqa jaalala qabeessa akkasii waaqessuufi jajachuun kan isaaf maludha.

[Miiljaleewwan]

a Maddi oo’aa isa waan ta’eef Waaqayyo, “Abbaa [ykn madda] araara” jedhameera.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi