LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w09 5/15 ful. 18
  • Gaaffii Dubbistootaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gaaffii Dubbistootaa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Dammaqaa Seexanni Isin Liqimsuu Barbaada!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Diina Keessan Beekaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Fincila Samii Irratti Kaʼe
    Ekeraan Namoota Du’anii Si Gargaaruu Yookiin Si Miidhuu Danda’uu? Dhugumaanoo Jiruu?
  • Mootummaan Waaqayyoo Maalidha?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
w09 5/15 ful. 18

Gaaffii Dubbistootaa

Seexanni samiirraa kan gad darbatame yoomi?—Mul. 12:1-9.

Macaafni Mul’ataa yeroo murtaa’aa Seexanni itti gad darbatame caqasuu baatus, wantoota gurguddaa yommuu inni waaqarraa itti gad darbatame raawwatamaniifi yeroo kana tilmaamuuf nu dandeessisan ni caqasa. Jalqabarratti wantoota raawwataman keessaa tokko, Mootummaan Masiihichaa hundeeffamuusaati. Ittaansuudhaan “waaqa keessatti lolli” ka’ee, Seexanni mo’amuudhaan waaqarraa gad darbatameera.

Caaffanni Qulqullaa’oon barri 1914, yeroo ‘barri warra saba Waaqayyoo hin ta’initti kenname itti raawwatameefi’ Mootummichi itti hundeeffame akka ta’e argisiisu.a (Luq. 21:24) Waraanni waaqarratti banameefi Seexanni akka gad darbatamu godhe, sana booda hammam turee jalqabe?

Mul’anni 12:4, “Bineensi akka jawwee sunis [Seexanni] yeroo dubartittiin deessu mucaa ishee liqimsuudhaaf jedhee, ishee da’uuf jettu sana dura in dhaabate” jedha. Kunis Seexanni utuu danda’ee, Mootummaa haaraa hundeeffame kana battaluma sanatti balleessuu akka barbaade argisiisa. Yihowaan gidduu galuudhaan hammeenya Seexanni raawwachuuf ture kan fashaleesse ta’us, Seexanni Mootummaa hundeeffame kana balleessuuf carraaqqii cimaa godheera. Kanaaf, “Mikaa’el, ergamoota isaa wajjin,” ‘bineensichi akka jawwee suniifi ergamoonnisaa’ Mootummicharratti miidhaa akka hin geessisne, battalumaan waaqarraa isaan balleessuuf tarkaanfii fudhateera. Kunimmoo Seexanni kan mo’ameefi kan gad darbatame, Mootummaan haaraan kun bara 1914⁠tti akkuma hundeeffameen ta’uusaa argisiisa.

Ragaan inni kaanimmoo, du’aa ka’uu Kiristiyaanota dibamoo isa akka Caaffanni Qulqullaa’oon jedhanitti, Mootummichi hundeeffamee utuu baay’ee hin turin jalqabamedha.b (Mul. 20:6) Obboloota Kiristos warra dibamoo keessaa tokkoyyuu Yesusii wajjin ta’uudhaan bineensicha akka jawwee sanaafi ergamootasaa loluurratti hirmaachuunsaa hin caqasamne. Kanaafuu, obboloonni Yesus du’aa ka’uu kan jalqaban, waaqarratti lolli erga ta’ee, akkasumas Seexanniifi ergamoonnisaa erga gad darbatamanii boodadha.

Dhugaadha, Macaafni Qulqulluun Seexanniifi ergamoonnisaa waaqarraa kan gad darbataman yeroo kanatti jedhee hin ibsu. Ta’us, Yesus Kiristos bara 1914⁠tti mootii akkuma ta’een darbatamuusaanii hubachuu dandeenya.

[Miiljaleewwan]

a Kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu ful. 215-218 ilaali.

b Masaraa Eegumsaa Amajjii 1, 2007, ful. 29-30, key. 9-13 ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi