Kana Beektaa?
Yesus “Homtinuus daadhii waynii haaraa qodaa bososaatti [“qalqalloo moofaatti,” hiika bara 1899] hin naqu” kan jedhe maaliifi?
▪ Bara duriitti daadhii wayinii qalqalloo gogaa horiirraa hojjetametti naquun baramaa ture. (Iyaasuu 9:13) Qalqalloon daadhii wayinii gogaa beeladoota akka ilmoo reʼeefi reʼee guddaa jiranirraa kan hojjetamudha. Qalqalloo akkasii hojjechuuf beelada qalme sana mataasaafi miilasaa erga irraa muranii booda, garaansaa akka urannetti of eeggannoodhaan gogaa irraa baasu. Achiis gogaan sun duugamee, morma ykn harka akka afaanitti tajaajilurraa kan hafe qaawwaan jiru hundi ni hodhama. Afaansaa kunis ni cuqqaalama ykn foʼaadhaan hidhama ture.
Yeroo booda, qalqalloon sun waan goggoguuf dhifamuu dida. Kanaaf, qalqalloo moofaan daadhii wayinii isa haaraa danfaa jiru itti naqanii kaaʼuuf hin taʼu. Daadhii wayiniin danfu kun, qalqalloo moofaa goggogaa taʼe sana dhoosuu dandaʼa. Qalqalloon inni haaraan garuu, waan harkifamuuf daadhii wayinii inni haaraan yeroo danfu isa hin dhoosu. Kanaaf, Yesus fakkeenya namoonni yeroo sanatti jiraachaa turan beekan tokko dubbachuusaa ture. Namni daadhii wayinii haaraa qalqalloo moofaatti yoo naqe wanta taʼu ilaalchisee akkas jedheera: “Homtinuus daadhii waynii haaraa qodaa bososaatti hin naqu; kana yoo godhe daadhichi qodicha in dhoosa in dhangalaʼas, lachanuus in badu. Daadhii waynii haaraa qodaa jabaatti [“qalqalloo haaraatti,” hiika bara 1899] in naqu.”—Luqaas 5:37, 38.
Yeroo Phaawulos warra Roomaatiin qabametti, ‘namoonni godduu [cuubee] hidhatanii nama ajjeesan’ jedhaman eenyufaʼi?
▪ Akka seenaan Hojii Ergamootaa jedhutti, yeroo mana qulqullummaa Yerusaalemitti gooliin kaʼe, ajajaan waraanaa warra Roomaa, Phaawulos geggeessaa goolii uumtota “kuma arfan godduu hidhatan” sanaa waan isatti fakkaateef mana hidhaatti isa galchee ture. (Hojii Ergamootaa 21:30-38) Waaʼee namoota cuubee hidhatan kanaa wanti beekamu maalidha?
Jechi afaan Giriikii “godduu hidhatan” jedhu jecha Laatinii siikaarii, jechuunis “kan siikaatti fayyadaman” ykn cuubeetti fayyadaman jedhurraa kan dhufedha. Barreessaa seenaa jaarraa jalqabaa kan taʼe Filaaviyas Joseefas, Siikaarii kan jedhaman garee Yihudootaa finciltoota taʼan, warra Roomaatti diina taʼuudhaan taaʼuuf kaʼuu isaan dhowwan, akkasumas gurmaaʼuudhaan siyaasaa wajjin haala wal qabateen ajjeechaa raawwatan akka taʼan ibseera.
Joseefas waaʼee warra Siikaarii akkas jedheera: “Guyyaadhaan akkasumas magaalaa keessatti nama ajjeesu; keessumaa yeroo ayyaanaatti namoota baayʼeetti makamuudhaan cuubeesaanii isa ittiin diinotasaanii waraanan wayyaa jalaa dhoksuudhaan kana raawwatu turan.” Warri siikaarii kun yommuu namni isaan waraanan duʼu, ajjeechaa raawwatameef akka aaran fakkeessuufi adaba jalaa oluudhaaf nama nagaa of fakkeessu turan. Joseefas itti dabaluudhaan, warri Siikaarii fincila Yihudoonni Dh.K.B. bara 66-70tti warra Roomaarratti raawwatanirratti gaʼee guddaa akka qaban dubbateera. Kanaaf ajajaan waraanaa warra Roomaa, nama geggeessaa garee finciltoota akkasii taʼa jedhamee yaadame hidhuuf hawwii guddaa qaba ture.
[Fakkii fuula 31rra jiru]
QALQALOO DAADHII WAYINII MOOFAA
[Fakkii fuula 31rra jiru]
FAKKII NAMA GODDUU HIDHATEE NAMA AJJEESSUU