LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w11 1/1 ful. 11
  • 7 Waaqayyo Dhagaʼee Deebii Ni Kennaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • 7 Waaqayyo Dhagaʼee Deebii Ni Kennaa?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Kadhannaadhaan Waaqayyotti Dhihaachuu
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Mirga Kadhannaa
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Waaqayyo Kadhannaa Keenya Ni Dhagaʼaa?
    The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
  • Waaqayyo Kadhannaa Hundaaf Deebii Kan Hin Kennine Maaliifi?
    The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
w11 1/1 ful. 11

Kadhannaa

7 Waaqayyo Dhagaʼee Deebii Ni Kennaa?

GAAFFIIN kun miira keenyaafi hawwii beekuuf qabnu kakaasa. Macaafni Qulqulluun Yihowaan yeroo harʼaattis kadhannaa akka dhagaʼu dubbata. Waaqayyo kadhannaa keenya dhagaʼuufi dhiisuunsaa caalaatti nurratti kan hundaaʼedha.

Yesus, geggeessitoonni amantii barasaa turan kadhannaansaanii fakkeessaarratti waan hundaaʼeef isaan balaaleffateera; namoonni kun caalaatti kan isaan yaaddessu warra kaan duratti qajeelota taʼanii argamuusaanii ture. Yesus, namoonni kun “gatii isaanii,” jechuunis wanta caalaatti barbaadan sana ykn xiyyeeffannaa namootaa akka argataniifi wanta isaan barbaachisu jechuunis, Waaqayyo duratti fudhatama qabaachuu garuu akka hin arganne dubbateera. (Maatewos 6:5) Yeroo harʼaas namoonni baayʼeen akka fedhasaaniitti malee, akka fedha Waaqayyootti kadhannaa hin dhiheessan. Seerawwan buʼuuraa olitti ibsaman waan hin hordofneef, Waaqayyo kadhannaasaanii hin dhagaʼu.

Atoo kadhannaankee akkami? Waaqayyo kadhannaakee dhagaʼee deebii sii kennaa? Kadhannaankee deebii argachuunsaa, sanyii, lammii ykn iddoo hawaasa keessatti qabdurratti kan hundaaʼe miti. Macaafni Qulqulluun, ‘Waaqayyo nama wal hin caalchisu. Saba biyya lafaa hundumaa keessaa namni isa sodaatu, inni waan qajeelaa hojjetus isa biratti fudhatamaadha’ jechuudhaan mirkaneessa. (Hojii Ergamootaa 10:34, 35) Atoo nama akkasiitii? Waaqayyoon kan sodaattu yoo taʼe, bakka guddaa isaaf kennita, akkasumas akka isa hin gaddisiisne sodaatta. Wanta qajeelaa kan hojjettu yoo taʼe, fedhakee ykn kan namaa utuu hin taʼin, wanta Waaqayyo sirriidha jedhe raawwachuuf carraaqqii goota. Waaqayyo kadhannaakee akka dhagaʼu ni barbaaddaa? Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo kadhannaakee akka dhagaʼu akkamitti kadhachuu akka qabdu sitti hima.a

Namoonni baayʼeen, Waaqayyo kadhatasaaniitiif dinqiidhaan deebii akka kennu barbaadu. Haataʼu malee, Waaqayyo bara duriittillee dinqii kan raawwate darbee darbee ture. Al tokko tokko, dinqiin tokko erga raawwatamee booda kan biraan utuu hin raawwatamin jaarraa hedduun darbeera. Kana malees, Macaafni Qulqulluun dinqii raawwachuun bara ergamoonni Yesus turan booda akka hafe ibsa. (1 Qorontos 13:8-10) Kana jechuun garuu Waaqayyo yeroo harʼaatti kadhannaadhaaf deebii hin kennu jechuudhaa? Akkas jechuu miti! Mee kadhannaawwan Waaqayyo deebii kennuuf tokko tokko haa ilaallu.

Waaqayyo ogummaa ni kenna. Yihowaan Madda ogummaa dhugaa hundarra caaludha. Namoota qajeelfamasaa barbaadaniifi kanaa wajjin walsimanii jiraataniif arjummaadhaan ogummaa ni kenna.—Yaaqoob 1:5.

Waaqayyo hafuura qulqulluufi faayidaa hafuura kanarraa argamu hunda ni kenna. Hafuurri qulqulluun humna Waaqayyoo isa hojiirra jirudha. Humni hafuura kanarra caalu hin jiru. Hafuurri kun qorumsa akka dandamannu nu gargaaruu dandaʼa. Yommuu dhiphannu keessi keenya nagaa akka qabaatu godha. Amala gaggaariifi jaallatamoo kaanis akka horannu nu gargaaruu dandaʼa. (Galaatiyaa 5:22, 23) Yesus, Waaqayyo hafuura kana arjummaadhaan akka kennu duuka buutotasaatiif mirkaneesseera.—Luqaas 11:13.

Waaqayyo namoota garaadhaa isa barbaadaniif beekumsa ni kenna. (Hojii Ergamootaa 17:26, 27) Addunyaa mararra namoonni garaadhaa dhugaa barbaadan jiru. Namoonni kun waaʼee Waaqayyoo, maqaansaafi kaayyoo inni lafaafi ilmaan namootaatiif qabu, akkasumas akkamittiin isatti dhihaachuu akka dandaʼan beekuu barbaadu. (Yaaqoob 4:8) Yeroo baayʼee Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota akkasii wajjin kan wal argan siʼa taʼu, deebii Macaafni Qulqulluun gaaffiiwwan kanaaf kennu isaanitti himuunis baayʼee isaan gammachiisa.

Atoo barruu kana kan fudhatte kanaafii? Waaqayyoon beekuu ni barbaaddaa? Tarii Waaqayyo karaa kanaan deebii sii kennaa jira taʼa.

[Miiljalee]

a Waaqayyo kadhannaa keenyaaf deebii akka nuu kennutti akkamitti kadhachuu akka qabnu yaada dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe boqonnaa 17 ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi