LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w11 1/1 ful. 21-24
  • Miira Gadhee Sitti Dhagaʼamu Moʼuu kan Dandeessu Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Miira Gadhee Sitti Dhagaʼamu Moʼuu kan Dandeessu Akkamitti?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaqayyo Akka Siif Yaadu Hubadhu
  • Waaqayyoo Wajjin Walitti Dhufeenya Cimaa Qabaadhu
  • Abdii Amansiisaa Gara Fuulduraarratti Xiyyeeffadhu
  • Yihowaan Iddoo Guddaa Siif Kenna!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • Duʼuun Barbaada—Waaʼee Of Ajjeesuu Yaadaan Jira Yoo Taʼe Gama Kanaan Kitaabni Qulqulluun Na Gargaaruu Dandaʼaa?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • 2 | “Jajjabina Kitaabota Qulqulluu Keessaa Argamu”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2023
  • Miira Balleessaatu Natti Dhagaʼama—Kitaabni Qulqulluun Miira Kana Moʼuuf na Gargaaruu Dandaʼa?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
w11 1/1 ful. 21-24

Miira Gadhee Sitti Dhagaʼamu Moʼuu kan Dandeessu Akkamitti?

MIIRRI gadheen sitti dhagaʼamee beekaa? Dhugaa dubbachuuf taanaan namni miirri akkasii isatti hin dhagaʼamne hin jiru. Yeroon keessa jiraannu rakkina dinagdee, goolii haalaan babalʼachaa jiruufi jalʼina garmalee raawwatamuun beekama. Namoonni hedduun garmalee gadduunsaanii, akkasumas balleessaa akka qabaniifi akka gatii hin qabne itti dhagaʼamuunsaa nu dinqisiisuu hin qabu.

Miirri akkasii miidhaa guddaa geessisuu dandaʼa. Amanannaa ofirratti qabnu nu dhabsiisuu, dandeettii yaaduudhaaf qabnu nu jalaa miidhuufi gammachuu nu dhabsiisuu dandaʼa. Macaafni Qulqulluun, “Ati bara rakkinaatti yoo raafamte, humni kee muraasa” jedha. (Fakkeenya 24:10) Biyya lafaa isa gidiraadhaan guutame kana keessa yommuu jiraannutti humna qabaachuun keenya nu barbaachisa. Kanaafuu, miira gadhee nutti dhagaʼamu moʼuuf carraaqqii gochuun keenya barbaachisaadha.a

Macaafni Qulqulluun, yaada cimaa miira gadhee nutti dhagaʼamu moʼuuf nu gargaaru tokko tokko qabateera. Yihowaan inni lubbu qabeeyyii hunda uumeefi jiraachuusaanii akka itti fufan godhu, abdii kutachuudhaan akka moʼamtu hin barbaadu. (Faarfannaa 36:9) Mee karaawwan Dubbiin Waaqayyoo miira gadhee moʼuuf itti nu gargaaru sadii haa ilaallu.

Waaqayyo Akka Siif Yaadu Hubadhu

Namoonni tokko tokko Waaqayyo hojii baayʼeedhaan waan qabameef, dhuunfaatti miirasaaniitiif xiyyeeffannaa akka hin kennine isaanitti dhagaʼama. Atis akkas sitti dhagaʼamaa? Macaafni Qulqulluun, Uumaan keenya waaʼee miira keenyaa akka yaadu nuu ibsa. Faarfatichi, “Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha, warra yaadni isaanii caccabee bullaaʼes in fayyisa” jedheera. (Faarfannaa 34:18) Waaqayyo inni Hundumaa Gararraa jiru, yeroo dhiphannu nuu wajjin akka jiru beekuun keenya baayʼee nama hin jajjabeessuu?

Waaqayyo miira namootaatiif dhimma kan hin qabne ykn ofitti kan nama hin dhiheessine miti. Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyo jaalala” jedha. (1 Yohannis 4:8) Waaqayyo namoota kan jaallatu taʼuusaarrayyuu, dhiphinni isaanirra gaʼus isatti ni dhagaʼama. Fakkeenyaaf, sabni Israaʼel waggaa 3,500 dura Gibxiitti garbummaa jala yommuu turan Waaqayyo, “Gad qabamuu saba koo warra Gibxi jiranii argeera; isa isaan warra humnaan isaan hojjechiisan jalaa baʼuudhaaf iyyatanis dhagaʼeera; dhiphina isaaniis ani beeka; ani harka warra Gibxii keessaa isaan baasuudhaaf gad buʼeera” jedheera.—Baʼuu 3:7, 8

Waaqayyo miira keenya akka gaariitti kan hubatu taʼuusaarrayyuu, “Isatu nu uume, nuyi immoo kan isaa ti.” (Faarfannaa 100:3) Kanaaf, namoonni miira keenya akka nuuf hin hubanne yeroo nutti dhagaʼamuttillee, Waaqayyo miira keenya akka hubatu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Waaqayyo, “Ani akka namni ilaalutti hin ilaalu; namni fuula ilaala, ani Waaqayyo garuu garaan ilaala” jedheera. (1 Saamuʼel 16:7) Miirri keessa keenyatti nutti dhagaʼamullee Waaqayyo duraa kan dhokatu miti.

Yihowaan, dogoggora raawwannuufi hirʼina qabnu akka hubatu beekamaadha. Haataʼu malee Uumaan keenya inni jaalala qabeessi, dhiifama waan nuu godhuuf baayʼee isa galateeffanna. Daawit inni geggeessaa hafuura qulqulluutiin Macaafa Qulqulluu barreesse, “Abbaan ijoollee isaatiif akka garaa laafu, Waaqayyos akkasuma warra isa sodaataniif garaa in laafa. Akka nuyi itti hojjetamne inni in beeka, biyyoo taʼuu keenyas in yaadata” jedheera. (Faarfannaa 103:13, 14) Waaqayyo kan nu ilaalu karaa nuyi itti of ilaallurraa haala adda taʼeenidha. Cubbuu raawwannerraa deebinee yoo qalbii geddaranne, gocha keenya isa gadhee utuu hin taʼin, isa gaarii qofa ilaala.—Faarfannaa 139:1-3, 23, 24.

Kanaaf, gatii akka hin qabne yommuu nutti dhagaʼamu, miira kana moʼuuf qabsaaʼuun nu barbaachisa. Waaqayyo akkamitti akka nu ilaalu yaadachuu qabna!—1 Yohannis 3:20.

Waaqayyoo Wajjin Walitti Dhufeenya Cimaa Qabaadhu

Akka Waaqayyo itti nu ilaalutti of ilaaluun keenya faayidaa akkamii nuu argamsiisa? Akkas gochuun, miira gatii akka hin qabne nutti dhagaʼamu moʼuuf tarkaanfii barbaachisaa taʼe fudhachuun jechuunis, Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya gaarii uumuun salphaa akka nuu taʼu godha. Dhugumaan akkas gochuun ni dandaʼamaa?

Yihowaan, Abbaa jaalala qabeessa waan taʼeef, isaa wajjin walitti dhufeenya cimaa akka qabaannu nu gargaaruu barbaada. Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyotti dhiʼaadhaa, innis isinitti in dhiʼaata” jechuudhaan nu jajjabeessa. (Yaaqoob 4:8) Asirratti haqni dinqisiisaa taʼe tokko caqasameera: Dadhaboofi cubbamoota taanullee, Uumaa uumama cufaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu ni dandeenya.

Waaqayyo eenyummaasaa beekuu akka dandeenyutti karaa Macaafa Qulqulluu waaʼeesaa nuu ibseera. Kanaaf, yeroo hunda Macaafa Qulqulluu dubbisuudhaan waaʼee amalawwan Waaqayyoo warra gaggaarii barachuu dandeenya.b Wanta barannerratti gadi fageenyaan yommuu xiinxallu, yeroo kamiyyuu caalaatti Yihowaatti akka dhihaanne nutti dhagaʼama. Akkasumas, Abbaa jaalala qabeessaafi gara laafessa taʼuunsaa ifatti nutti mulʼata.

Wanta Macaafa Qulqulluurraa dubbisnerratti gadi fageenyaan yaaduun keenya, faayidaa garabiraas nuuf argamsiisa. Ilaalchi Abbaan keenya inni samii qabu garaafi sammuu keenyatti seenuudhaan, akka nu sirreessu, akka nu jajjabeessuufi akka nu geggeessu yoo heyyamne caalaatti isatti dhihaachaa adeemna. Keessumaa, yaanni nu dhiphisuu ykn boqonnaa nu dhowwatu yommuu nu mudatu, akkas gochuun keenya barbaachisaadha. Faarfatichi, “Yeroo yaaddoon garaa kootti baayʼatu, ati na jajjabeessitee lubbuu koo gammachiifta” jechuudhaan dubbateera. (Faarfannaa 94:19) Dubbii Waaqayyoorraa jajjabina guddaa argachuu dandeenya. Dubbii dhugaa Macaafa Qulqulluu keessatti argamu gad of deebisnee yoo fudhanne, miirri gadheen nutti dhagaʼamu suutuma suutaan baduudhaan, jajjabinaafi nagaa Waaqayyo qofti kennu argachuu dandeenya. Akkuma warri jaalala qabeeyyii taʼan mucaasaanii dallane ykn aare sossoban, Yihowaanis nu jajjabeessa.

Wanti michuu Waaqayyoo taʼuuf gargaaru kan biraanimmoo yeroo hundumaa isatti dubbachuudha. Macaafni Qulqulluun, “Akka fedha isaatti yoo isa kadhanne [Waaqayyo] nuuf in dhagaʼa” jechuudhaan nuuf mirkaneessa. (1 Yohannis 5:14) Wanti nu sodaachisuufi nu dhiphisu maaliyyuu yoo taʼe, Waaqayyoon kadhachuufi akka nu gargaaru isa gaafachuu dandeenya. Waan garaa keenya keessa jiru Waaqayyotti yoo himne, nageenya sammuu arganna. Phaawulos ergamaan, “Waan hundumaatti, kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa malee, waanuma tokkotti yaaddoo hin qabaatinaa! Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa irra caalus, karaa Kristos Yesus garaa keessanii fi yaada keessan in eega” jechuudhaan barreesseera.—Filiphisiiyus 4:6, 7.

Macaafa Qulqulluu dubbisuuf, irratti xiinxaluufi dhuunfaatti kadhannaa gochuuf sagantaa baaste hordofuunkee, Abbaakee isa samii wajjin walitti dhufeenya cimaa uumuuf akka si gargaaru hin shakkisiisu. Walitti dhufeenyi kunis miʼa waraanaa humna guddaa qabuufi miira gadhee sitti dhagaʼamu moʼuuf si gargaarudha. Wanti si gargaaruu dandaʼu kan biraan jiraa?

Abdii Amansiisaa Gara Fuulduraarratti Xiyyeeffadhu

Haalawwan rakkisaa taʼan keessa yeroo jirruttillee, sammuun keenya wantoota gaarii taʼanirratti akka xiyyeeffatu gochuu dandeenya. Akkamitti? Waaqayyo abdii amansiisaa taʼe nuu kenneera. Phexros ergamaan abdii dinqisiisaa kana, “Akka abdii [Waaqayyo] nuuf kenneetti, bantiiwwan waaqaa haaraa, lafa haaraas warra qajeelummaan keessa buufatu in eegganna” jechuudhaan ibseera. (2 Phexros 3:13) Kana jechuun maal jechuudha?

Jechi “bantiiwwan waaqaa haaraa” jedhu, bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo isa samiirraa Yesus Kiristos Mootii taʼuudhaan bulchu kan argisiisudha. “Lafa haaraa” kan jedhamemmoo hawaasa ilmaan namootaa haaraa Waaqayyo duratti fudhatama argatee lafa kanarra jiraatu kan argisiisudha. Bulchiinsa “bantiiwwan waaqaa haaraa” jalatti hawaasni ilmaan namootaa haaraan, wantoota miirri gadheen akka isaanitti dhagaʼamu godhan hundumaarraa walaba baʼu. Ilmaan namootaa amanamoo taʼaniifi yeroo sana jiraatan ilaalchisee Macaafni Qulqulluun Waaqayyo, ‘imimmaan hundumaa ija isaaniittii akka haqu, akkasumas wanti duraa waan darbeef, duuni deebiʼee akka hin argamne, gadduun, iyyuun, waraansis siʼachi akka hin jiraanne’ akka godhu nuu mirkaneessa.—Mulʼata 21:4.

Yaadawwan kun, kan nama gammachiisaniifi kan nama jajjabeessan taʼuusaaniirratti akka walii galtu hin shakkisiisu. Macaafni Qulqulluun abdii gara fuulduraa Waaqayyo Kiristiyaanotaaf kenne “abdii keenya isa eebbifamaa [“gammachiisaa,” NW]” kan jedhus kanumaafi. (Tiitoos 2:13) Sammuun keenya abdii Waaqayyo ilmaan namootaatiif kennerratti, akkasumas sababii abdiiwwan kun amansiisaa taʼuusaanii argisiisurratti akka xiyyeeffatu yoo goone, miira gadhee nutti dhagaʼamu moʼuu dandeenya.—Filiphisiiyus 4:8.

Macaafni Qulqulluun abdii fayyinaa keenya gonfoo sibiilaa wajjin wal fakkeessa. (1 Tasaloniiqee 5:8) Bara durii, loltuun tokko gonfoo sibiilaa utuu hin godhatin waraanarratti hirmaachuuf hin yaadu. Gonfoon kun, xiyyi isatti darbatamu akka isa hin miineefi akka isarraa deebiʼu akka godhu beeka. Gonfoon sibiilaa mataarra miidhaan akka hin geenye akkuma eegu, abdiinis sammuu keenya nuu eega. Yaadawwan abdii nuu kennanirratti xiinxaluun keenya, miira gadhee, sodaafi abdii kutachuurraa nu eeguu dandaʼa.

Kanaafuu, miira gadhee namatti dhagaʼamu moʼuun waan dandaʼamudha. Atis moʼuu dandeessa! Ilaalacha Waaqayyo siif qaburratti xiinxali, caalaatti isatti dhihaadhu, akkasumas abdii gara fuulduraarratti xiyyeeffadhu. Akkas kan gootu yoo taʼe, miirri gadheen namatti dhagaʼamu barabaraaf yeroo badu akka argitu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa!—Faarfannaa 37:29.

[Miiljaleewwan]

a Namoonni dhiphina guddaa yeroo dheeraadhaaf ture qaban, ogeessa fayyaa gama kanaan gaʼumsa qabu mariisisuun isaan barbaachisa.—Maatewos 9:12.

b Masaraan Eegumsaa Hagayya 1, 2009, sagantaa Macaafa Qulqulluu dubbisuuf gargaaru qabateera. (Amaariffa)

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 21rra jiru]

“Dhiphina isaaniis ani beeka.” BAʼUU 3:7, 8

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 22rra jiru]

“Yeroo yaaddoon garaa kootti baayʼatu, ati na jajjabeessitee lubbuu koo gammachiifta.” FAARFANNAA 94:19

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 23rra jiru]

“Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa irra caalu . . . garaa keessanii fi yaada keessan in eega.” FILIPHISIIYUS 4:7

[Saanduqa/Fakkii fuula 22, 23rra jiru]

Caqasawwan Waaʼee Yihowaa Ibsaniifi Nama Jajjabeessan

“Ani Waaqayyo gooftichi, Waaqayyo isa ooʼa-qabeessaa fi araara qabeessa; aariitti suuta-jedhaa; gaarummaan koo fi amanamummaan koo guddaa dha.”—BAʼUU 34:6.

“Waaqayyo guutummaa biyya lafaa in ilaala, warra garaa isaanii guutuu isa amanatan in gargaara.”—2 SEENAA 16:9.

“Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha, warra yaadni isaanii caccabee bullaaʼes in fayyisa.”—FAARFANNAA 34:18.

“Yaa gooftaa, ati gaarii dha, jaalala keetiinis namaaf cubbuu isaa in dhiifta.”—FAARFANNAA 86:5.

“Waaqayyo nama hundumaaf gaarii dha; hojii harka isaa hundumaafis in ooʼa.”—FAARFANNAA 145:9.

“Ani Waaqayyo gooftaa kee isa harka kee mirgaa qabee ‘Hin sodaatin! Ani sin gargaaraʼo’ siin jedhuu dha.”—ISAAYAAS 41:13.

“Abbaa araara hundumaaf, Waaqayyo jajjabina hundumaaf galanni haa taʼu!”—2 QORONTOS 1:3.

“Fuula Waaqayyoo durattis garaa keenya calluma in jechisiifna. Garaan keenya yeroo nutti faradutti immoo, Waaqayyo garaa keenya irra caalee waan hundumaa akka hubatu in beekna.”—1 YOHANNIS 3:19, 20.

[Saanduqa/Fakkii fuula 24rra jiru]

Miira Gadhee Isaanitti Dhagaʼamu Moʼuu Dandaʼaniiru

“Abbaankoo araada dhugaatii alkoolii kan qabu siʼa taʼu, kanaan kan kaʼes dhiphina guddaa narra geessisa ture. Hamman yaadadhutti miirri gadheen utuu natti hin dhagaʼamin hafee hin beeku. Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuu yommuun jalqabu garuu, waaʼee abdii barabaraaf lafarra jiraachuun baradhe. Abdiin kunis sammuufi garaankoo gammachuudhaan akka guutamu godhe. Yeroo hunda Macaafa Qulqulluu dubbisuun kutaa jireenyakoo taʼe. Macaafni Qulqulluun matumaa na harkaa hin dhabamu ture. Miirri gadheen yommuu natti dhagaʼamu, Macaafa Qulqulluu baneen caqasoota nama jajjabeessan dubbisa. Waaʼee amalawwan Waaqayyoo gammachiisaa taʼanii dubbisuunkoo, isa duratti bakka guddaa qabaachuu kootiif mirkanaaʼaa akkan taʼu na godha.”—Kaatiyaa dubartii umrii waggaa 33.c

“Araada dhugaatii alkoolii, maariwaanaa, kookeeyiniifi kiraak kookeeyiniitiin qabamee kanan ture siʼa taʼu, araada maastishii fuunfachuudhaanis qabameen ture. Qabeenyakoo hundumaa waanan fixeef kadhattuun taʼe. Afeerraa Dhugaa Baatonni Yihowaa Macaafa Qulqulluu akkan qayyabadhu naa dhiheessan ergan fudhadhee booda garuu guutummaa jireenyakoo nan jijjiire. Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya cimaa uumuu dandaʼeera. Miira balleessaa akkan raawwadheefi gatii akkan hin qabne natti dhagaʼamuu wajjin ammayyuu qabsoo gochuun kan na barbaachisu taʼus, araaraafi gaarummaa Waaqayyoorratti amanamuu baradheera. Waaqayyo humna miira gadhee moʼuuf na dandeessisu akka naa kennu nan amana. Wantoota gaarii ani argadhe hundumaa kan caalu dhugaa Macaafa Qulqulluu beekuu kooti.”—Reenaatoo, nama umrii waggaa 37.

“Xinnummaa kootii kaasee, obboleessakoo angafaa wajjin walbiran of qaba ture. Yeroo hundumaa akkan isaa gadi taʼe natti dhagaʼama. Ammallee dandeettiikoo baayʼee waanan shakkuuf tasgabbiin natti hin dhagaʼamu. Haataʼu malee miira kanaa wajjin qabsoo gochuuf murteesseera. Yeroo hundumaa Yihowaatti kadhannaa nan dhiheessa; innis miira gaʼumsa akkan hin qabne natti dhagaʼamu akkan moʼu na gargaareera. Yihowaan dhugumaan akka na jaallatuufi akka naaf yaadu beekuunkoo na jajjabeessa!”—Roobertaa, dubartii umrii waggaa 45.

[Miiljalee]

c Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi