Qabiyyee
Guraandhala 15, 2011
Maxxansa Qayyabannaa
TORBAN MATADUREEWWAN ITTI QAYYABATAMAN:
Ebla 4-10, 2011
Gaʼee Hafuurri Qulqulluun Hojii Uumamaarratti Qabu!
FUULA 6
Ebla 11-17, 2011
Waaqayyo Duratti Fudhatama Argachuun Jireenya Barabaraa Argamsiisa
FUULA 13
Ebla 18-24, 2011
Garaakee Guutuu Qajeelina Jaalladhu
FUULA 24
Ebla 25, 2011–Caamsaa 1, 2011
FUULA 28
Kaayyoo Matadureewwan Qayyabannaa
MATADUREE QAYYABANNAA 1 FUULA 6-10
Qabxiiwwan mataduree kana keessatti ibsaman, akkaataa Waaqayyo samiifi lafa uumuuf hafuurasaatti fayyadame ilaalchisee hubannaa qabnu nuu dabalu. Matadureen kun, Yihowaan Uumaa keenya isa ogeessaafi humna guddaa qabu taʼuusaatiif amantii qabnus nuu jabeessa.
MATADUREE QAYYABANNAA 2 FUULA 13-17
Akka walii galaatti, namoonni hunda caalaa kan isaan yaaddessu qabeenya qabaachuusaaniiti. Macaafni Qulqulluun garuu, caalaatti nu yaaddessuu kan qabu Waaqayyo duratti fudhatama argachuu keenya akka taʼe ibsa. Matadureen kun, amantii Yihowaarratti qabnu jabeeffachuun akka nu barbaachisu kan addeessu taʼuusaarrayyuu, isa duratti fudhatama argachuuf tarkaanfii akkamii fudhachuu akka qabnu ibsa.
MATADUREEWWAN QAYYABANNAA 3, 4 FUULA 24-32
‘Yesus qajeelina jaallatee jalʼina jibbeera.’ (Ibr. 1:9) Matadureewwan kun, akkamitti fakkeenyasaa fudhachuu akka dandeenyu argisiisu. Akkasumas, qajeelina jaallachuu barachuufi jalʼinaafimmoo jibba qabaachuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe ibsu.
MATADUREEWWAN DABALATAA
3 Ijoolleen Keessan Akka Nama Kabajan Isaan Barsiisaa
11 Carraaqqii Kan Gaafatu Taʼus Nama Hin Gaabbisiisu!
18 Eebbawwan Argattan Dhugumaan Ni Dinqisiifattuu?
21 “Abboomamuun Aarsaa Irra Caala”