Hafuura Waaqayyoo Malee Kan Biyya Lafaa Hin Fudhatinaa
“Nuyi kennaa isa Waaqayyo biraa nuuf kenname beekuudhaaf, hafuura isa Waaqayyo biraa dhufe fudhanne malee, hafuura biyya lafa kanaa hin fudhanne.”—1 QOR. 2:12.
1, 2. (a) Kiristiyaanonni dhugaan lolarra jiru kan jedhamu maaliifi? (b) Gaaffiiwwan warra kam qorra?
KIRISTIYAANONNI dhugaan lolarra jiru! Diinni keenya humna guddaa kan qabu, haxxeefi lolarratti muuxannoo kan qabudha. Meeshaa waraanaa buʼa qabeessa taʼe waan of harkaa qabuuf ilmaan namootaa garri caalaan toʼannaasaa jala oolaniiru. Haataʼu malee, humna akka hin qabne ykn moʼuu akka hin dandeenye nutti dhagaʼamuu hin qabu. (Isa. 41:10) Meeshaa waraanaa cimaa taʼeefi lola kamiyyuu ittiin ofirraa ittisnu qabna.
2 Lolli geggeessinu lola foonii utuu hin taʼin lola hafuuraati. Diinni keenya Seexana isa Diiyaabilos jedhamu siʼa taʼu, meeshaan waraanaa inni itti fayyadamummoo ‘hafuura biyya lafaati.’ (1 Qor. 2:12) Meeshaan waraanaa lola kana ittiin ofirraa ittisnu inni guddaan hafuura Waaqayyooti. Waraana kanarraa ooluufi karaa hafuuraa dammaqnee jiraachuuf, Waaqayyo hafuurasaa akka nuu kennu gaafachuu, akkasumas ija hojii hafuura kanaa jireenya keenya keessatti argisiisuun nu barbaachisa. (Gal. 5:22, 23) Haataʼu malee, hafuurri biyya lafaa maalidha? Dhiibbaa guddaa kan geessisuhoo akkamitti? Hafuurri biyya lafaa dhiibbaa nurratti gochaa jiraachuuf dhiisuusaa beekuu kan dandeenyu akkamitti? Hafuura Waaqayyoo fudhachuufi hafuura biyya lafaa mormuu ilaalchisee Yesusirraa maal barachuu dandeenya?
Hafuurri Biyya Lafaa Baayʼee Kan Babalʼate Maaliifi?
3. Hafuurri biyya lafaa maalidha?
3 Hafuurri biyya lafaa, Seexana ‘isa biyya lafaa kana seerraturraa’ kan madde siʼa taʼu, hafuura qulqulluu wajjin kan wal faallessudha. (Yoh. 12:31; 14:30; 1 Yoh. 5:19) Hafuurri biyya lafaa ilaalcha biyya lafaa toʼatee jiru siʼa taʼu, namoonni gocha tokko raawwachuuf akka kakaʼan godha. Hafuurri kun, humna hawaasni ilmaan namootaa fedhaafi kaayyoo Waaqayyoo wajjin akka wal morman godhudha.
4, 5. Hafuurri Seexanni geggeessu baayʼee kan babalʼate akkamitti?
4 Hafuurri Seexanni geggeessu baayʼee kan babalʼate akkamitti? Jalqaba, Seexanni iddoo dhaabaa Eeden keessatti Hewwaaniin gowwoomse. Waaqayyorraa adda baatee ofiin of geggeessuunshee jireenyashee akka isheedhaa fooyyessu ishee amansiise. (Uma. 3:13) Seexanni baayʼee sobduudha. (Yoh. 8:44) Achiis, dubartittiitti fayyadamee Addaam Yihowaadhaaf amanamaa akka hin taane godhe. Addaam filannaa akkasii gochuusaatiin, ilmaan namootaa cubbuu jala kan galche siʼa taʼu, isaanis ajajamuu diduu isa amala Seexanaa taʼe dhaalaniiru.—Efesoon 2:1-3 dubbisi.
5 Seexanni ergamoota samii hedduu yeroo booda hafuurota hamoo taʼanirrattis dhiibbaa geessiseera. (Mul. 12:3, 4) Gantummaan kun Waaqayyorratti kan raawwatame Bishaan Badiisaa bara Nohi dhufuusaa yeroo muraasa dura ture. Ergamoonni kun, iddoo samii keessatti qaban dhiisanii lafarratti fedha foonii uumamasaaniitiin ala taʼe hordofuunsaanii gaarii akka isaaniif taʼe amananiiru. (Yih. 6) Seexanni yeroo ammaa, hafuurota hamoo gara samiitti deebiʼan kanatti fayyadamee “guutummaa biyya lafaa wallaalchis[aa]” jira. (Mul. 12:9) Ilmaan namootaa garri caalaansaanii dhiibbaa hafuuronni hamoon geessisan kan hin beekne taʼuunsaanii nama gaddisiisa.—2 Qor. 4:4.
Hafuurri Biyya Lafaa Dhiibbaa Sirratti Gochaa Jiraa?
6. Hafuurri biyya lafaa dhiibbaa kan nurratti godhu yoo maal goone qofadha?
6 Namoonni baayʼeen Seexanni dhiibbaa gochaa jiraachuusaa kan hin beekne taʼus, Kiristiyaanonni dhugaan mala inni itti fayyadamu barataniiru. (2 Qor. 2:11) Hafuurri biyya lafaa yoo nuti heyyamneef malee dhiibbaa nurratti gochuu hin dandaʼu. Kanatti aansuudhaan, gaaffiiwwan dhiibbaa nurratti gochaa kan jiru hafuura Waaqayyoo ykn hafuura biyya lafaa taʼuusaa beekuuf nu gargaaran afur haa qorru.
7. Karaan Seexanni Yihowaarraa nu fageessuuf yaalii itti godhu tokko maalidha?
7 Bohaartiin ani filadhu waaʼeekoo maal argisiisa? (Yaaqoob 3:14-18 dubbisi.) Seexanni hammeenya akka jaallannu nu gochuudhaan Waaqayyorraa nu fageessuuf yaalii godha. Seexanni, Yihowaan nama hammeenya jaallatu kamiyyuu akka jibbu beeka. (Far. 11:5) Kanaaf, Seexanni fedha foonii keenya kakaasuuf, barreeffamoota, fiilmii, muuziqaafi tapha meeshaalee elektirooniksiitti kan fayyadamu siʼa taʼu, meeshaalee kana keessaa tokko tokko namoonni tapha kanarratti hirmaatan ejjaafi hammeenya argan sana akka raawwatan kan kakaasanidha. Seexanni wanta gadhee taʼeefi inni babalʼisu hamma jaallannetti, hamma tokko wanta sirrii taʼe yoo jaallanne dhimma hin qabu.—Far. 97:10.
8, 9. Bohaartii ilaalchisee gaaffiiwwan kam of gaafachuu qabna?
8 Karaa garabiraammoo, hafuurri Waaqayyoo, namoonni hafuuricha fudhatan qulqulluu, naga qabeeyyiifi ooʼaan kan guutaman akka taʼan isaan kakaasa. ‘Bohaartiin ani filadhu amalawwan gaggaarii akkan horadhu na jajjabeessaa? jennee of gaafachuun keenya barbaachisaadha. Ogummaan waaqarraa ‘of hin arginee miti.’ Namoonni hafuura Waaqayyootiin geggeeffaman, qulqullinaafi nagaa erga namootaaf lallabanii booda, manasaanii keessatti hammeenya suukanneessaa taʼeefi ejja ilaaluudhaan hin gammadan.
9 Yihowaan guutummaatti akka isaaf bullu nurraa eega. Seexanni garuu, akkuma Yesusiin qore takkaa qofa akka isaaf sagannu barbaada. (Luq. 4:7, 8) Kanaaf akkas jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Bohaartiin ani filadhu Waaqayyoof guutummaatti akkan bulu kan na godhudhaa? Filannaan ani godhu hafuura biyya lafaa dandamachuun akka natti cimumoo akka natti salphatu godha? Gara fuulduraatti bohaartiin ani filadhurratti jijjiirama gochuun na barbaachisaa?’
10, 11. (a) Qabeenya ilaalchisee hafuurri biyya lafaa ilaalcha akkamii babalʼisa? (b) Macaafni Qulqulluun ilaalcha akkamii akka qabaannu nu jajjabeessa?
10 Qabeenyaaf ilaalcha akkamiin qaba? (Luqaas 18:24-30 dubbisi.) Hafuurri biyya lafaa, namoonni sassatoo akka taʼaniifi qabeenyaaf iddoo guddaa akka kennan jajjabeessuudhaan, ‘hawwii ijaa’ akka qabaatan isaan godha. (1 Yoh. 2:16) Namoonni baayʼeen sooreyyii taʼuuf kutatanii akka kaʼan godheera. (1 Xim. 6:9, 10) Hafuurri akkasii, qabeenya baayʼee horachuun nageenya amansiisaa argamsiisa jennee akka amannu nu godha. (Fak. 18:11) Haataʼu malee, jaalalli qarshiif qabnu jaalala nuyi Waaqayyoof qabnu akka caalu yoo heyyamne Seexanni moʼicha argata. Kanaaf, ‘Jireenyikoo qabeenya horachuufi gammachuu ariʼuurratti kan xiyyeeffatedha? jennee of gaafachuu qabna.
11 Faallaa kanaatiinimmoo, Macaafni Qulqulluun qarshiidhaaf ilaalcha sirrii akka qabaannu, akkasumas ofii keenyaafis taʼe maatii keenyaaf wanta karaa foonii barbaachisu dhiheessuuf jabaannee akka hojjennu nu jajjabeessa. (1 Xim. 5:8) Hafuurri Waaqayyoo namoonni hafuura kana fudhatan arjummaa isa amala Yihowaa taʼe akka calaqqisan isaan gargaara. Namoonni akkasii kennuudhaan malee fudhachuudhaan kan beekaman miti. Qabeenya caalaa namootaaf iddoo guddaa waan kennaniif, ennaa isaanii dandaʼamutti wanta qaban gammachuudhaan warra kaaniif kennu. (Fak. 3:27, 28) Qarshiin Waaqayyoon tajaajiluurra akka isaanitti caalu hin heyyaman.
12, 13. Faallaa hafuura biyya lafaatiin, hafuurri Waaqayyoo wanta gaarii akkamii akka goonu nu gargaara?
12 Amallikoo hafuura isa kam akkan qabu argisiisa? (Qolosaayis 3:8-10, 13 dubbisi.) Hafuurri biyya lafaa hojii foonii jajjabeessa. (Gal. 5:19-21) Dhiibbaa nurratti gochaa kan jiru hafuura isa kam akka taʼe dhugumaan kan beekamu, yeroo wanti hundumtuu gaarii taʼee jirutti utuu hin taʼin, yeroo gaarii hin taanetti fakkeenyaaf, Kiristiyaanni tokko yeroo dantaa nuuf dhabu, yeroo nu aarsu ykn cubbuu nurratti raawwatuttidha. Kana malees, mana keenyatti kophaa keenya yommuu taanu hafuura kamiin geggeeffamaa akka jirru ifa taʼuu dandaʼa. Dhimma kana ilaalchisee hamma tokko of qoruun barbaachisaa taʼuu dandaʼa. ‘Jiʼoottan jaʼan darbanitti amallikoo caalaatti kan akka Kiristos taʼemoo, dubbiifi amallikoo hamma tokko gara isa gadheetti deebiʼeera?’ jedhii of gaafadhu.
13 Hafuurri Waaqayyoo, ‘Namummaa moofaa hojiisaa hundumaa wajjin ofirraa baasuudhaan namummaa haaraa’ uffachuuf nu gargaaruu dandaʼa. Kunis caalaatti jaalalaafi gaarummaa argisiisuuf nu gargaara. Walitti mufachuuf sababii gaʼaa kan qabnu yoo nutti fakkaatellee, dhiifama walii gochuuf kakaana. ‘Hadhaaʼummaa, dheekkamsa, aarii, waca, maqaa wal balleessuu’ haala argisiisuun toʼannaa malee dubbachuudhaan jalʼina nurratti raawwatameera jennuuf deebii hin laannu. Kanaa manaa ‘garaa walii laafuuf’ carraaqqii goona.—Efe. 4:31, 32.
14. Namoonni biyya lafaa keessa jiran baayʼeen Dubbii Waaqayyoo akkamitti ilaalu?
14 Amala ilaalchisee seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluutiif kabajaafi jaalala nan qabaa? (Fakkeenya 3:5, 6 dubbisi.) Hafuurri biyya lafaa Dubbii Waaqayyoorratti kaʼuu jajjabeessa. Namoonni hafuura biyya lafaatiin geggeeffaman, kutaa Macaafa Qulqulluu rakkisaa akka taʼetti ilaalan kan hin fudhanne taʼuusaarrayyuu, aadaafi falaasama ilmaan namootaa hordofuu filatu. (2 Xim. 4:3, 4) Namoonni tokko tokko Dubbii Waaqayyoo guutummaatti ni tuffatu. Namoonni akkasii ogummaa akka qaban isaanitti dhagaʼamuudhaan, Macaafni Qulqulluun yeroo ammaatti kan hojjetuufi sirrii taʼuusaa shakku. Seera buʼuuraa Macaafni Qulqulluun ejja, saalqunnamtii namoota saala wal fakkaatu qaban gidduutti raawwatamuufi wal hiikuu ilaalchisee baase ni busheessu. “Isa hamaadhaan ‘gaarii dha, isa gaariidhaan immoo hamaa dhaʼ” jedhanii barsiisu. (Isa. 5:20) Hafuurri kun dhiibbaa nurratti godheeraa? Yeroo rakkinni nu mudatu yaada keenya dabalatee, ogummaa ilmaan namootaatti amanamnamoo, gorsa Macaafa Qulqulluu hordofuuf carraaqqii goonaa?
15. Beekumsa keenyatti amanamuu mannaa maal gochuu qabna?
15 Hafuurri Waaqayyoo Macaafa Qulqulluutiif kabaja akka qabaannu nu godha. Nuyis akkuma faarfatichaa Dubbiin Waaqayyoo miilla keenyaaf ibsaa, daandii keenyaafis ifa akka taʼetti ilaalla. (Far. 119:105) Beekumsa keenyatti amanamuu mannaa, Dubbiin Waaqayyoo hamaafi gaarii gargar baasnee hubachuuf akka nu gargaaru guutummaatti itti amanamna. Macaafa Qulqulluutiif kabaja qabaachuu qofa utuu hin taʼin, seera Waaqayyoo jaallachuus ni baranna.—Far. 119:97.
Fakkeenya Yesusirraa Baradhu
16. ‘Yaada Kiristos’ qabaachuun maalfaa dabalata?
16 Hafuura Waaqayyoo fudhachuuf, “yaada Kristos” horachuun nu barbaachisa. (1 Qor. 2:16) ‘Fakkeenya Kiristos duukaa buʼuun’ akkaataa inni itti yaadeefi wanta inni godhe beekuu, akkasumas faanasaa duukaa buʼuu gaafata. (Rom. 15:5; 1 Phe. 2:21) Mee karaawwan kana itti gochuu dandeenyu tokko tokko haa ilaallu.
17, 18. (a) Kadhannaa ilaalchisee Yesusirraa maal baranna? (b) ‘Barbaaduu keenya’ itti fufuu kan qabnu maaliifi?
17 Hafuura Waaqayyoo argachuuf kadhadhu. Yesus yeroo qorumsi isarra gaʼuuf jedhetti hafuurri Waaqayyoo akka isa gargaaru kadhateera. (Luq. 22:40, 41) Nuyis Waaqayyo hafuura qulqulluu akka nuu kennu gaafachuun nu barbaachisa. Yihowaan namoota amantiidhaan isa gaafatan hundaaf hafuura kana utuu hin qusatin arjummaadhaan ni kenna. (Luq. 11:13) Yesus, “Kadhadhaa isiniif in kennamaa, barbaadaa in argattuu, balbala rukutaa isiniif in banama. Kan kadhatu hundinuu in fudhata, kan barbaadus in argata, balbala kan rukutuufis in banama” jedheera.—Mat. 7:7, 8.
18 Hafuura Yihowaafi gargaarsasaa yommuu barbaaddu, hafuura kana argachuuf kadhachuukee hin dhaabin. Irra deddeebinee, akkasumas yeroo dheeraaf kadhachuun nu barbaachisuu dandaʼa. Yihowaan yeroo tokko tokko deebii kennuusaa dura, namoonni isa kadhatan wanta sana hangam akka barbaadan, akkasumas amantii dhugaa qabaachuufi dhiisuusaanii akka argisiisan barbaada.a
19. Yesus yeroo hundaa maal godha ture? Fakkeenyasaa hordofuu kan qabnu maaliifi?
19 Guutummaatti Yihowaadhaaf ajajami. Yesus yeroo hundaa wanta Abbaasaa gammachiisu hojjeta ture. Yesus yoo xinnaate al tokko yeroo rakkinni isarra gaʼee turetti karaa Abbaasaarraa adda taʼeen yaadee ture. Taʼus amanannaadhaan Abbaasaatiin, “Garuu akka ani jaalladhe utuu hin taʼin, akka ati jaallatte haa taʼu!” jedheera. (Luq. 22:42) Kanaaf, ‘Ajajamuun rakkisaa yommuu taʼuttillee Waaqayyoof nan abboomamaa?’ jedhii of gaafadhu. Jireenya keenya keessatti Waaqayyoof ajajamuun barbaachisaadha. Kan nu uume, Madda jireenya keenyaa kan taʼeefi kan nu jiraachisu isa waan taʼeef, guutummaatti isaaf ajajamuu qabna. (Far. 95:6, 7) Ajajamuun filannaadhaaf kan dhiifame miti. Waaqayyoof utuu hin ajajamin isa duratti fudhatama argachuu hin dandeenyu.
20. Jireenyi Yesus maalirratti kan xiyyeeffate ture? Fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
20 Macaafa Qulqulluu akka gaariitti beeki. Yesus yommuu Seexanni kallattiidhaan amantiisaa laaffisuuf yaalii godhee turetti Caaffata Qulqullaaʼoorraa caqaseera. (Luq. 4:1-13) Yesus yeroo geggeessitoonni amantii isa mormaa turanitti Dubbii Waaqayyoorraa caqasee deebisa ture. (Mat. 15:3-6) Guutummaan jireenya Yesus seera Waaqayyoo barachuufi raawwachuurratti kan hundaaʼe ture. (Mat. 5:17) Nuyis Dubbii Waaqayyoo isa amantii jabeessuun sammuu keenya sooruu barbaanna. (Filp. 4:8, 9) Nu keessaa namoota tokko tokkoof qayyabannaa dhuunfaafi maatiitiif yeroo argachuun rakkisaa taʼuu dandaʼa. Kanaafuu, yeroo mijaaʼaa eeggachuu mannaa yeroo wantoota kaaniif ramannerraa hirʼisnee itti fayyadamuu qabna.—Efe. 5:15-17.
21. Dubbii Waaqayyoo akka gaariitti beekuufi hojiirra oolchuuf akka nu gargaarutti qophii kamitti fayyadamuu dandeenya?
21 “Hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” torbanitti galgala tokko qayyabannaa dhuunfaafi Waaqeffannaa Maatiitiif yeroo akka qabaannu qophii gochuudhaan nu gargaareera. (Mat. 24:45) Qophii kanatti akka gaariitti fayyadamaa jirtaa? Yaada Kristos qabaachuuf akka si gargaarutti, wantoota Yesus barsiiseefi matadureewwan sagantaa kanarratti qayyabachuuf filattanii wajjin walsiman itti dabaluudhaan qayyabachuu ni dandeessuu? Dhimma baruu barbaaddurratti odeeffannoo argachuuf Baafata Mataduree Masaraa Eegumsaatti fayyadamuu dandeessa. Fakkeenyaaf, maxxansi sabaa barruu kanaa bara 2008 hanga 2010tti mataduree dhaabbataa, “Yesusirraa Maal Baranna?” jedhu jalatti mataduree addaddaa 6 qabatee baʼeera. Qayyabannaa gochuuf matadureewwan kanatti fayyadamuu barbaadda taʼa. Akkasumas bara 2007 kaasee, matadureen “Gaaffii Dubbistootaa” jedhu Masaraa Eegumsaarratti baʼaa tureera. Gaaffiiwwan kun Dubbii Waaqayyoo gad fageenyaan akka hubattan isin gargaara. Sagantaa Waaqeffannaa Maatii keerratti matadureewwan kana yeroodhaa gara yerootti maaliif hin dabaltu?
Biyya Lafaa Moʼuu Ni Dandeenya
22, 23. Biyya lafaa moʼuuf maal gochuu qabna?
22 Hafuura Waaqayyootiin geggeeffamuuf, hafuura biyya lafaa dandamachuu qabna. Hafuura biyya lafaa dandamachuun salphaa miti. Walʼaansoofi lola cimaa gaafachuu dandaʼa. (Yih. 3) Haataʼu malee, moʼuu ni dandeenya! Yesus bartootasaatiin, “Biyya lafaatti rakkina qabdu, garuu jabaadhaa! Ani biyya lafaa moʼeera” jedhee ture.—Yoh. 16:33.
23 Nuyis hafuura biyya lafaa yoo mormineefi hafuura Waaqayyoo fudhachuudhaaf wanta nuu dandaʼame hundaa yoo goone biyya lafaa moʼuu dandeenya. Dhugumayyuu, “Waaqayyo gara keenya erga taʼee, eenyutu nu irratti kaʼa?” (Rom. 8:31) Hafuura Waaqayyoo fudhachuufi qajeelfamasaa isa Macaafa Qulqulluu keessa jiru hordofuudhaan, nagaa, gammachuufi jireenya barabaraa addunyaa haaraa dhiheenyatti dhufu keessatti argamu argachuu dandeenya.
[Miiljalee]
a Odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu fuula 170-173 ilaali.
Ni Yaadattaa?
• Hafuurri biyya lafaa baayʼee kan babalʼate maaliifi?
• Gaaffiiwwan of gaafachuu qabnu arfan kamfaʼi?
• Hafuura Waaqayyoo fudhachuu ilaalchisee wantoonni Yesusirraa barannu sadii maalidha?
[Fakkii fuula 8]
Ergamoonni tokko tokko hafuurota hamoo kan taʼan akkamitti?
[Fakkii fuula 10]
Seexanni namoota toʼachuuf hafuura biyya lafaatti fayyadama; nuyi garuu dhiibbaa hafuura kanaa moʼuu ni dandeenya