LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w11 7/1 ful. 14
  • Raajii 1. Sochoʼa Lafaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Raajii 1. Sochoʼa Lafaa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
w11 7/1 ful. 14

Raajii 1. Sochoʼa Lafaa

“Sochoʼi lafaa gurguddaan . . . in taʼa.”—LUQAAS 21:11.

● Wiineen, mucaa umriinshee jiʼa 16 siʼa taʼu, balaa sochoʼa lafaa Heeyitiitti gaʼeen mana jige keessaa baafamtedha. Namichi balaa sana ilaalchisee gabaasa televijiinii qopheesse tokko, yeroo isheen gaggabdee boossu dhagaʼee ture. Mucaan kun balaa sochoʼa lafaa sanarraa ooltus, warrishee garuu balaa kanaan duʼaniiru.

RAGAAN JIRU MAAL ARGISIISA? Amajjii 2010 sochoʼi lafaa reektar iskeelii 7.0 taʼe yeroo Heeyitiirra gaʼetti, namoonni 300,000 ol taʼan duʼaniiru. Namoonni miliyoona 1.3 taʼanimmoo manasaanii dhabaniiru. Sochoʼi lafaa Heeyitiitti gaʼe cimaa taʼus, yeroo jalqabaatiif addunyaarratti kan gaʼe miti. Addunyaa maratti Ebla 2009 hanga Ebla 2010⁠tti yoo xinnaate, sochoʼi lafaa gurguddaan 18 gaʼeera.

MORMII YEROO BAAYʼEE KAʼU Teknooloojii ammayyaatiin kan kaʼe oduu waan dhageenyuuf malee, sochoʼi lafaa kanaan dura taʼe caalu yeroo harʼaatti gaʼaa hin jiru.

MORMIIN KUN SIRRIIDHAA? Haqa kana hubadhu: Macaafni Qulqulluun guyyoota gara dhumaatti sochoʼi lafaa meeqa akka gaʼu hin ibsu. Haataʼu malee, “sochoʼi lafaa gurguddaan” yeroo keenya adda godhu haala kanaan dura taʼee hin beekneen “iddoo adda addaatti” akka gaʼu dubbata.—Maarqos 13:8; Luqaas 21:11.

ATOO MAAL SITTI FAKKAATA? Akkuma Macaafa Qulqulluu keessatti raajiidhaan dubbatame, sochoʼa lafaa gurguddaa argaa jirraa?

Ragaawwan guyyoota gara dhumaa keessa akka jirru mirkaneessan sochoʼa lafaa qofa miti. Raajiin raawwatamaa jiru kan biraanis jira. Mee raajii isa lammaffaa ilaali.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 14rra jiru]

“Nuyi [saayintiistonni waaʼee humna lafa keessaa qorannu] sochoʼa lafaa gurguddaa jennee isa waamna. Namoonni kan biraanimmoo sodaachisaa jedhanii isa waamu.”​—KEEN HADNAAT, YUU.ESSITTI QORATAA HUMNA LAFA KEESSAA.

[Madda fakkii fuula 14rra jiru]

© William Daniels/​Panos Pictures

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi