LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w11 7/1 ful. 15
  • Raajii 2. Beela

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Raajii 2. Beela
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Kitaabni Qulqulluun Hanqina Nyaataa Yeroo Ammaa Jiru Ilaalchisee Maal Jedha?
    Mata Dureewwan Dabalataa
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
w11 7/1 ful. 15

Raajii 2. Beela

“Beellis in taʼa.”—MAARQOS 13:8.

● Namichi tokko biyya Niijar mandara Kuwaartaajitti kooluu galuu barbaadaa jira. Durbiiwwansaa, obboloonnisaafi obboleettonnisaas beela jalaa baqachuuf bakka fagootii garasaa dhufaniiru. Namichi kun garuu qoddiroo lafa afatee qofaasaa ciisaa jira. Maaliif? Itti gaafatamaan mandarichaa Seedee jedhamu, “Wanta [maatiisaatti] kennu waan dhabeefi ijasaanii ilaaluun waan isatti ulfaateefidha” jedhee dubbateera.

RAGAAN JIRU MAAL ARGISIISA? Addunyaa maratti namoota 7 keessaa 1 guyyaa guyyaadhaan nyaata gaʼaa hin argatu. Keessumaa biyyoota Afriikaa Sahaaraa gad jiran keessattimmoo, nama 3 keessaa 1 yeroo dheeraadhaaf nyaata gaʼa hin argatu. Kun maal jechuu akka taʼe ibsuuf maatii, abbaa, haadhaafi mucaa tokko qabu akka fakkeenyaatti ilaali. Maatichi nyaata nama lamaaf qofa gaʼu kan qabu yoo taʼe, beelaaf kan saaxilamu eenyudha? Abbaa, haadhadhamoo mucaadha? Kun filannoo maatiiwwan haala akkasii keessatti argaman guyyaa guyyaadhaan gochuu qabanidha.

MORMII YEROO BAAYʼEE KAʼU Lafti nyaata nama hundaaf gaʼu caalaa baasuu dandeessi. Wanti godhamuu qabu qabeenya lafarraa sirriitti faayidaarra oolchuudha.

MORMIIN KUN SIRRIIDHAA? Dhugaadha, qonnaan bultoonni yeroo kamiyyuu caalaa midhaan oomishanii dhiheessuu dandaʼu. Mootummoonni addunyaarraa beela dhabamsiisuuf iddoo hundumaatti nyaata dhiheessuu qabu turan. Waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif kana gochuuf yaalanis, rakkina kanaaf furmaata hin argamsiisne.

ATOO MAAL SITTI FAKKAATA? Raajiin Maarqos 13:8⁠rra jiru raawwatamaa jiraa? Gama teknooloojiitiin guddinni jiraatus, hanqina nyaataa addunyaarratti namoota hubaa jiru hambisuun dandaʼameeraa?

Sochoʼi lafaafi beelli yeroo baayʼee milikkitawwan guyyoota gara dhumaa keessaa warra gurguddaa taʼanidha.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 15rra jiru]

“Ijoollee dhukkuba sombaa, garaa kaasaafi kan kana fakkaataniin duʼan harka sadii keessaa harka tokkoo ol kan taʼan, nyaata madaalamaa utuu argatanii duʼaaf hin saaxilaman turan.”​—AAN M. VENEMAAN, DHAABBATA MOOTUMMOOTA GAMTOOMANIITTI, ABBAA TAAYITAA GARGAARSA DAAʼIMMANII KAN TURAN.

[Madda fakkii fuula 15rra jiru]

© Paul Lowe/Panos Pictures

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi