LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w11 7/1 ful. 16
  • Raajii 3. Dhukkuba

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Raajii 3. Dhukkuba
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
w11 7/1 ful. 16

Raajii 3. Dhukkuba

“Dhaʼichi [dhukkubni] . . . in taʼa.”—LUQAAS 21:11.

● Boonzaaliin, nama biyya Afriikaatti argamtuufi waraana walii waliin hunkuramtu keessatti hojjetaa fayyaa siʼa taʼu, hojjettoota albuudaa magaalaa inni jiru keessa jiraniifi vaayirasii Maarbargi jedhamuun qabaman yaaluuf carraaqaa jira.a Gargaarsi inni ogeessonni magaalaa guddaa jiran akka isaaf godhan gaafate deebii hin arganne. Jiʼa afur booda gargaarsi kan isaaf dhufe taʼus, yeroo kanatti Boonzaaliin duʼeera. Dhukkuba kanaan kan qabame yeroo hojjettoota sana gargaaruuf yaalii godhutti ture.

RAGAAN JIRU MAAL ARGISIISA? Dhukkuboota ilmaan namootaa hubaa jiran keessaa tokko qaama sirna argansuu miidhan kan akka, dhukkuba sombaa, garaa kaasaa, eedsii, daranyoo sombaafi dhukkuba busaati. Waggoota dhihoodhaa asitti, dhukkuboonni shanan kun tilmaamaan namoota miliyoona 10.7 taʼan galaafataniiru. Kunis waggaa guutuu daqiiqaa sadii keessatti nama tokkotu duʼa jechuudha.

MORMII YEROO BAAYʼEE KAʼU Lakkoofsi uummata addunyaa dabaluusaa kan itti fufe waan taʼeef, dhukkubnis yeroodhaa gara yerootti akka dabalu beekamaadha. Lakkoofsi namoota dhukkubaan qabamaniis dabalaa adeema.

MORMIIN KUN SIRRIIDHAA? Lakkoofsi uummata addunyaa garmalee dabalaa jira. Haataʼu malee, dandeettiin namoonni dhukkuba addaan baasanii beekuu, toʼachuufi yaaluuf qabanis dabaleera. Maarree, dhukkubni ilmaan namootaa hubu hirʼachuu hin qabuu? Wanti taʼaa jiru garuu faallaa kanaati.

ATOO MAAL SITTI FAKKAATA? Akkuma Macaafa Qulqulluurratti raajiidhaan dubbatame namoonni dhukkubaan ykn dhaʼichaan hubamaa jiruu?

Sochoʼi lafaa, beelliifi dhukkubni namoota miliyoonaan lakkaaʼamanirratti miidhaa guddaa geessisaa jiru. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman namootaan miidhamaa kan jiran yommuu taʼu, hedduutti kan lakkaaʼamanimmoo warra isaan eeguu qabaniin miidhaan irra gaʼaa jira. Wanti Macaafa Qulqulluu keessatti raajiidhaan dubbatame raawwatamaa akka jiru qalbeeffadhu.

[Miiljalee]

a Maarbargi Heemeragiik Fiivar vaayirasii dhukkuba Eboolaa wajjin tokko taʼedha.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 16rra jiru]

“Leenca ykn bineensa kan biraatiin nyaatamuun nama suukanneessa; dhukkubni hamaan keessa keenya yommuu fixus taʼe namoota naannoo keenya jiranirra yommuu gaʼu arguunis akkasuma suukanneessudha.”​—EPIIDIMIYOOLOOJISTI MIKAAʼEL OSTARHOOLMI.

[Madda fakkii fuula 16rra jiru]

© William Daniels/​Panos Pictures

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi