LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w11 7/1 ful. 18
  • Raajii 5. Lafa Balleessuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Raajii 5. Lafa Balleessuu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Lafa Badiisa Irraa Kan Oolchu Eenyu?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Lafti yeroo hundaa nyaataafi qabeenya jireenyaaf barbaachisu argamsiisuu dandeessii?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Lafti Mancaʼaa Jirti—Kana Ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Mata Dureewwan Dabalataa
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
w11 7/1 ful. 18

Raajii 5. Lafa Balleessuu

‘Yeroon [Waaqayyo] warra biyya lafaa balleessan itti balleessu gaʼeera.’—MULʼATA 11:18.

● Obbo Piireen nama biyya Naayijeeriyaa Kipooritti muka meexxiirraa wayinii oomishudha. Daldallisaa kun zayitii baayʼee qarqara laga Niijaritti dhangalaʼeen jalaa miidhameera. Akkas jedha: “Qurxummii keenya nu jalaa ajjeeseera, gogaa qaama keenyaa mancaaseera, burqituuwwan keenya faaleera. Kana booda waanan ittiin jiraadhu hin qabu.”

RAGAAN JIRU MAAL ARGISIISA? Hayyoonni tokko tokko akka jedhanitti, waggaa waggaadhaan kosiin toonii miliyoona 6.5 taʼu garboota addunyaarra jiranitti naqama. Kosii kana keessaa tilmaamaan harka 50 kan taʼu pilaastikii utuu hin tortorin waggoota dhibbaan lakkaaʼamaniif turuu dandaʼudha. Ilmaan namootaa lafa mancaasuu malees, haala nama sodaachisuun qabeenya uumamaa fixaa jiru. Qorannoon godhame akka argisiisutti lafti qabeenya uumamaa namoonni waggaa tokkotti lafarraa fayyadaman bakka buusuuf, waggaa tokkoofi jiʼa shan ishee barbaachisa. Gaazexaan Awustiraaliyaa Siidnii Moorniingi Heeraaldi jedhamu, “Baayʼinni namootaafi fedhiinsaanii haaluma kanaan dabaluusaa yoo itti fufe, bara 2035⁠tti lafa lamatu nu barbaachisa” jedhee gabaaseera.

MORMII YEROO BAAYʼEE KAʼU Ilmaan namootaa rakkoowwan uumamaniif furmaata kennuuf dandeettii qabu. Kanaafuu rakkoowwan kana hambisuufi lafa oolchuu ni dandeenya.

MORMIIN KUN SIRRIIDHA? Namoonniifi gareewwan jabaatanii hojjetan hedduun waaʼee naannoo hubannaan akka jiraatu godhaniiru. Haataʼu malee, lafti haala kanaan dura taʼee hin beekneen garmalee mancaʼaa jirti.

ATOO MAAL SITTI FAKKAATA? Waaqayyo akkuma waadaa gale, dhimma kana gidduu seenee lafa kana badiisarraa oolchuun isa barbaachisaa?

Raajiiwwan shanan olitti ilaalte malees, Macaafni Qulqulluun jijjiiramawwan gaarii guyyoota gara dhumaatti taʼan kan biraa ilaalchisee raajii dubbateera. Raajii jaʼaffaa qorru hubadhu.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 18rra jiru]

“Jannanni koo xinnoon na jalaa fudhatamtee, bakki kosii summaaʼaa taʼe akka naa kennametti natti dhagaʼama.”​—EERIIN TAAMBAR, JIRAATTUU QARQARA GALAANAA YUU.ESS. TAATEEFI BALAA ZAYITII DHANGALAʼAA BARA 2010 GALOO GALAANA MEEKSIKOOTTI TAʼE ILAALCHISEE DUBBATTE.

[Saanduqa fuula 18⁠rra jiru]

Waaqayyotu Itti Gaafatamaa?

Haalawwan gadheen yeroo harʼaatti akka gaʼan raajiin Macaafa Qulqulluu keessatti akka barreeffamu gochuusaatiif Waaqayyotu itti gaafatamaa? Dhiphinni akka nurra gaʼu kan godhuhoo Isaa? Gaaffiiwwan kanaaf deebii quubsaa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe boqonnaa 11 ilaali.

[Madda fakkii fuula 18rra jiru]

U.S. Coast Guard photo

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi