LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mrt mataduree 25
  • Lafa Badiisa Irraa Kan Oolchu Eenyu?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Lafa Badiisa Irraa Kan Oolchu Eenyu?
  • Mata Dureewwan Dabalataa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Carraaqqiin ilmaan namootaa ni milkaaʼaa?
  • Wanta Abdii Qabaachuuf Buʼuura Taʼu
  • Lafti ni Balleeffamtii Laata?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Waaqayyo Lafti Badiisarraa Akka Ooltu Waadaa Galeera
    Dammaqaa!—2023
  • Yeroon Lafti Jannata Itti Taatu Dhihaateera!
    The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
  • Jijjiirama Qilleensaa fi Jireenya Egeree Keenya—Kitaabni Qulqulluun Kana Ilaalchisee Maal Jedha
    Mata Dureewwan Dabalataa
Dabalataan Ilaaluuf
Mata Dureewwan Dabalataa
mrt mataduree 25
Shamarree abaaboo bishaan obaasaa jirtu. Gamoowwan warshaalee haala qilleensaa faalaa jiran fagootii mulʼatu.

Lafa Badiisa Irraa Kan Oolchu Eenyu?

Namoonni hedduun miidhaan ilmaan namootaa lafaa fi jireenya lafa irra jiraatu irra geessisaa jiran baayʼee isaan yaaddessa. Hayyoonni eegumsa naannoo akka jedhanitti, ilmaan namootaa uumamawwan tokko tokko lafa irraa akka badanii fi jireenyi lafa irra jiru hedduun haala kanaan dura matumaa taʼee hin beekneen mancaasaa jiru.

Maarree ilmaan namootaa lafa ni balleessuu? Moo uumamaa wajjin guutummaatti wal simanii jiraachuu ni dandaʼuu?

Carraaqqiin ilmaan namootaa ni milkaaʼaa?

Hayyoonni hedduun, ilmaan namootaa lafaaf eegumsa gochuu fi uumamaa wajjin wal simanii jiraachuu akka dandaʼan amanannaa qabu. Qorattoonni tokko tokko garuu carraaqqiin ilmaan namootaa godhan akka milkaaʼuuf, karaa hedduutiin yeroo tokkotti jijjiiramni godhamuu qaba jedhanii falmu. Jijjiiramawwan godhamuu qaban kun kanneen armaan gadii kan dabalatu:

  • Akkaataa lafa, bosona, naannoo caffee fi garboota itti qaban irratti fooyyaʼiinsa gochuu.

  • Tooftaalee qonnaa fi maddawwan humnaa adda addaatti fayyadamu.

  • Soorata irratti jijjiirama gochuu, jechuunis harka caalaa biqiltoota nyaachuu, foonii fi qurxummii muraasa nyaachuu, akkasumas hamma nyaatamuu fi qisaasaʼu hirʼisuu.

  • Jireenya gaarii jiraachuun qabeenya hedduu qabaachuu irratti kan hundaaʼe akka hin taane hubachuu.

Maal sitti fakkaata? Mootummoonni, dhaabbileen daldalaa fi namoonni dhuunfaa karaa matumaa kanaan dura taʼee hin beekneen dhimmoota kana irratti tumsuudhaan jijjiirama ni fidu jedhanii eeguun ni fakkaataa? Moo namoonni tokko tokko gar malee sassatoo, ofittoo fi waaʼeen gara fuulduraa kan isaan hin yaaddessine taʼuun isaanii kanaaf gufuu kan taʼu sitti fakkaata?—2 Ximotewos 3:1-5.

Wanta Abdii Qabaachuuf Buʼuura Taʼu

Kitaabni Qulqulluun haalli egereen lafa keenyaa amansiisaa akka taʼe nuuf mirkaneessa. Carraaqqiin ilmaan namootaa lafa oolchuuf godhan qofti gaʼaa kan hin taane maaliif akka taʼee fi jijjiirama dhugaa godhamuu qabu ni ibsa. Kana malees, jijjiiramni kun akkamitti dhufuu akka dandaʼu ibsa.

Lafa oolchuuf carraaqqiin namootaa qofti gaʼaa kan hin taane maaliifi? Yihowaana lafa erga uumeera, akkasumas lafa akka kunuunsaniif ilmaan namootaatiif itti gaafatamummaa kenneera. (Uumama 1:28; 2:15) Itti gaafatamummaa isaanii kana sirriitti raawwachuu kan dandaʼan qajeelfama Uumaa isaanii argachuuf carraaqqii yoo godhanii fi qajeelfama isaatiif yoo ajajaman qofa dha. (Fakkeenya 20:24) Isaan garuu qajeelfama Yihowaa tuffachuudhaan ofiin of bulchuu filatan. (Lallaba 7:29) Ilmaan namootaa ofuma isaaniitiin lafa akka gaariitti kunuunsuu hin dandaʼan, carraaqqii hangamii iyyuu yoo godhan jijjiirama guddaa fiduu hin dandaʼa.—Fakkeenya 21:30; Ermiyaas 10:23.

Jijjiirama godhamuu qabu. Waaqayyo ilmaan namootaa lafa mancaasuu akka dhaaban gochuuf karoorfateera. (Mulʼata 11:18) Waaqayyo mootummootaa fi namoota lafa mancaasaa jiran hin fooyyessu; mootummaa haaraa fi hawaasa haaraatiin bakka isaan buusa. (Mulʼata 21:1) Yihowaan, “Kunoo, ani wantoota hundumaa haaraa nan godha” kan jedhes kanaafi.—Mulʼata 21:5.

Jijjiiramni kun kan dhufu akkamitti ? Yihowaan bulchiinsa ilmaan namootaa balleessuudhaan bulchiinsa samii Mootummaa Waaqayyoo jedhamuun bakka buusa. Achiis mootummaan Yesuus Kiristoosiin geggeeffamu kun lafa ni bulcha.—Daaniʼel 2:44; Maatewos 6:10.

Mootummaan Waaqayyoo namoonni ulaagaalee isaa warra qajeeloo wajjin haala wal simanii akka jiraatan isaan barsiisa. Ilmaan namootaa Uumaa isaaniitiif beekamtii yommuu kennanii fi qajeelfama isaa yommuu hordofanitti uumamaa wajjin wal simanii jiraachuu ni dandaʼu. (Isaayyaas 11:9) Kitaabni Qulqulluun Mootummaan Waaqayyoo namoonni isa jalatti bulan lafa irratti miidhaa utuu hin geessisin jireenya baayʼee gaarii akka jiraatan gochuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe ibsa. Mootummaan kun wantoota armaan gadii raawwata:

  • Nama hundaaf nyaata gaʼaa dhiheessa.—Faarfannaa 72:16.

  • Qabeenya uumamaa ni haaromsa.—Isaayyaas 35:1, 2, 6, 7.

  • Namootaa bineeldota akka kunuunsan, bineeldonnis namootaa irra miidhaa akka hin geessisne godha.—Isaayyaas 11:6-8; Hoseʼaa 2:18.

  • Balaa uumamaa ni balleessa.—Maarqos 4:37-41.

Dhiheenyatti Mootummaan Waaqayyoo jijjiiramawwan kanneen akka fidu eeguu dandeenya. Odeeffannoo dabalataa argachuuf, mata duree “Mootummaan Waaqayyoo Lafa kan Bulchu Yoomi?” jedhu dubbisi.

a Yihowaan maqaa Waaqayyoo Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame dha.—Faarfannaa 83:18.

Yeroo ammaatti lafa kunuunsuu kan dandeenyu akkamitti?

Mootummaan Waaqayyoo rakkoowwan naannoo, lafaa wajjin wal qabataniif guutummaatti furmaata akka kennu kan eeggannu taʼus, yeroo ammaatti lafa kunuunsuuf wantoota tokko tokko gochuu dandeenya. Fakkeenyaaf, qisaasuu irraa of qusachuu fi kosii gatuu ilaalchisee seera naannoo keenya jiruuf ajajamuu dandeenya.—Yohaannis 6:12, 13; Roomaa 13:1, 5.

  • Bireti.

    Bireti haala naannoo irratti gorsaa kan kennan siʼa taʼan, nama yeroo ammaatti soorama baʼani dha. Beekumsi isaan waaʼee uumama lafaa qaban Uumaan lafa oolchuuf tarkaanfii fudhatu akka jiru hubachuuf isaan gargaareera. Seenaa isaanii dubbisi.

  • Hojjettoonni lama Waajjira Muummee Dhugaa Baatota Yihowaa haaraa ijaarame ilaalaa jiru.

    Karaan Dhugaa Baatonni Yihowaa Uumaa isaaniitiif ulfina akka kennan itti argisiisan tokko, gamoo guguddaa yommuu ijaaranitti tooftaalee naannoo isaa irratti miidhaa hin geessisne fayyadamuu dha. Gama kanaan wanta isaan raawwatan ilaaluuf, viidiyoo Diizaayinii Magariisaa Yihowaadhaaf Ulfina Fide jedhu ilaali.

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu waaʼee lafaa ibsan

Uumama 2:15: “Yihowaan akka inni iddoo biqiltuu Eedan misoomsuu fi kunuunsuuf namicha fuudhee achi keessa kaaʼe.”

Hiika isaa: Waaqayyo ilmaan namoota lafa ishii bakka jireenyaa isaanii taate akka kunuunsan adaraadhaan isaanitti kenneera.

Uumama 1:28: “Waaqayyo isaan ni eebbise; akkasumas, ‘Horaa, baayʼadhaa, lafa guutaa; isas toʼannaa keessan jala galfadhaa; qurxummii galaanaa, uumamawwan samii irra barrisanii fi uumamawwan jiraatoo lafa irra sochoʼan hundumaa irratti aangoo qabaadhaa’ isaaniin jedhe.”

Hiika isaa: Ilmaan namootaa hojiin bineeldota kunuunsuu isaaniif kennamee ture.

Isaayyaas 45:18: “Yihowaaninni Uumaa samiiwwanii fi Waaqa dhugaa taʼe,inni lafa tolche, Uumaan ishii inni jabeessee ishii dhaabe, inni bakka jireenyaa akka taatuuf malee akkanumaan ishii hin uumne akkana jedha: ‘Ani Yihowaa dha, ana malee kan biraan hin jiru.’”

Hiika isaa: Kaayyoon Waaqayyo lafaaf qabu amma iyyuu hin jijjiiramne. Kaayyoon isaa namoonni akkuma jalqaba yaadee ture namoonni akka irra jiraatani dha.

Faarfannaa 37:29: “Qajeelonni lafa ni dhaalu, bara baraafis ishii irra ni jiraatu.”

Hiika isaa: Namoonni ulaagaalee Waaqayyoo warra qajeeloo taʼanii wajjin wal simanii jiraatan carraa bara baraaf lafa irra jiraachuu qabaatu.

Faarfannaa 98:6-8: “Yihowaa isa Mootii taʼe duratti miira injifannootiin iyyaa. Galaannii fi wantoonni achi keessa guutan hundi, laftii fi warri ishii irra jiraatanis haa kakawweessaʼan. Lageen harka isaanii walitti haa rukutan; gaaronnis waliin haa ililchan.”

Hiika isaa: Bulchiinsi Waaqayyoo qilleensa naannoo wajjin haala wal qabateen haalli gaariin akka jiraatu taasisa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi